KALLATTIIN, Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu beeksistus US ammayyuu banaadha jette

Iraanifi US haleellaa walirratti gaggeessuu itti fufaniiru. Haleellaa US hordofee Iraan Ulaa Hormuuz cufuu ibsitus, US ulichi ammallee banaadha jettee jirti.

Guduunfaa

Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu beeksistus US ammayyuu banaadha jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. FIFA'n lakkoofsa biyyoota Wancaa Addunyaa irratti hirmaatanii 64tti guddisuufi

    Pirezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoo

    FIFA'n lakkoofsa biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii gara 64tti guddisuuf karoora akka qabu ibse.

    Gaggeessaan FIFA Jiyaanii Infaantiinoo dorgommiin kun kan addunyaa hundaa akka tahuuf lakkoofsa hirmaattotaa dabaluun barbaachisa jedhan.

    Wixineen kun kan dhiyaate waggaa darbe ture. Garuu Infaantiinoon jalqaba milkaa'ina biyyoota 48 ilaalla jechuun tursiise.

    ''Yeroo Waancaa Addunyaa qopheessinu biyyoota hundaaf qopheessina. Awurooppaaf ykn Ameerikaa Kibbaaf qofa kan qophaa'u miti. Guutummaa addunyaaf akka tahuttidha. Biyyi kamiyyuu abjuu dorgommicha irratti hirmaachuu isaanii milkeessuu qabu'' jedhe.

    "Akkuma argitan gahumsi gareewwan hirmaatanii olaanaadha. Addunyaa guutuu irratti dorgommiin taasisan baay'ee guddataa dhufeera.

    Yoo biyyoonni xixiqqoon akka hirmaatan carraa hin kennamneef deeggarsa waan hin arganneef osoo hin guddatiin hafu jedhe Infaantiinoon.

    Biyyoota Afrikaa 10 keessaa sagal gara sadarkaa mo'atanii darbuutti darbuun milkaa'ina tahuu kan hime Infaantiinoon kana dura biyyoota shan qofatu hirmaata ture jedhe.

    Biyyoonni 48 dorgommii Ameerikaa, Kanaadaa fi Meksiikoon waliin tahuun qopheessan kana irratti hirmaataniiru.

    Kunis akka milkaa'aa ture Infaantiinoon himaniiru.

  2. Iraan Ulaa Hormuuz cufe jettus US ammayyuu banaa ta'u himti

    Doonii daldalaa

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa US irratti gaggeessite hordofee Iraan Ulaa Hormuuz 'yeroo hin beekamneef' cufuushee ifa gootetti.

    Faallaa kanaa Ameerikaan garuu ulaan kun ammayyuu banaa ta'u ibsite.

    Torban darbee kaasee biyyoonni lachuu marsaa heddu haleellaa walirratti gaggeessaniiru.

    Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa irratti haleellaa raawwachuu hordofee US haleellaa Iraanirratti gaggeessite.

    Iraan ammoo buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun haaloo bahuu ibsite.

    Sambata darbe qofaa US bakkeewwan qiyyaafannoo waraanaa jette 140 irratti haleellaa gaggeessuu ibsite.

    Iraan ammoo buufataalee waraanaa biyyoota Baha Giddugalaa shan: Kaatar, Baahireen, UAE, Yordaanos fi Omaan keessa jiran irratti haleellaa akka gaggeessitee ibsitee turte.

    Haleellaan kun Dilbatas itti fufee gaggeeffameera. Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan wajjin taasifame "kana booda gatii hin qabu" jechuun ibsee ture.

  3. Ashamaa!

    Tamasaasi kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Iraanifi US wal-haleeluu itti fufaniiru. Iraan buufataalee US Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluun alatti Ulaa Hormuuzis cufuu beeksifte.

    US ulaan kun banaa ta'uu himti.

    Odeessawwan biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!