Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, MM UK Andii Baanham Yuukireen galan, misaa'eloota fageenya dheeraa akka fayyadaman eeyyamuufi

MM UK Andii Baanham Yuukireen galan, misaa'eloota fageenya dheeraa akka fayyadaman eeyyamuufi. Andii Baanham Yuukireeniin 100% akka deeggaran himaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kuusaan balfaa jiguun yoo xiqqaate namoonni 31 ta'an dhuman

    Magaalaa guddoo Giinii kan taate Konaakirii keessatti kuusaan balfaa jiguun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 31 ta'an du'uu mootummaan biyyattii ibse.

    Balaan kun balfi magaalattii keessatti waggootaaf kuufamaa ture manneen naannoo jiran irratti jiguun mudate. Kunis rooba cimaa booda.

    Balaa kanaan kanneen du'an malee namoonni 22 biroon kan miidhaman yoo ta'u, kanneen keessaa ja'a baayyee miidhaman.

    Balaan kun naannawa Daaresalaam jedhamutti mudate. Bulchaan naannawa kanaa Laansiin Siilaam lakkoofsi namoota du'anii kana caalaa ta'uu akka danda'u AFPtti hime.

    Namoonni hedduun balfa jige kana jalatti awwaalamanii waan jiraniif lakkoofsi namoota du'anii daran dabaluu danda'a sodaan jedhu jira.

    Mootummaan biyyattii lubbuu namoota balaa kanaan miidhamanii baraaruuf meeshaalee akkaan murteessoo ta'an akkasumas humna waraanaa bobbaaseera.

    Lubbu baraartonni balfa walirra tuulamuun gaara fakkaate kana konkolaataa iskaavaatariin qotuun diriirsuun namoota jalatti awwaalaman baraaruuf wayita yaalan mul'ataniiru.

    Ministirri Muummee biyyattii Maamaadoo Owurii Baah bakka balaan kun itti mudate daawwataniiru.

    Biyya lixa Afrikaa kanatti bara 2017 keessas balaan walfakkaataan mudachuun namoonni 10 du'aniiru.

  2. Balaa konkolaataa Finfinneetti mudateen lubbuun namootaa darbe

    Balaa konkolaataa har'a ganama toora sa'atii lamaatti magaalaa Finfinneetti mudateen haga ammaatti lubbuun namoota ja'aa darbuu Poolisiin magaalattii ibseera.

    Balaan kun kutaa magaalaa Boolee, Aanaa 11 naannawa mana amantii Ortodoksii Qiddist Kidaane Mihret jedhamutti mudate.

    Balaa kanaan kanneen lubbuun darban malee miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabuu poolisiin ibseera.

    Konkolaataan balaan irra ga'e kun minibaasii yoo ta'u Koyyee Faccee irraa gara Gooroo imalaa ture.

    Wayita bataskaana kana bira ga'u konkolaataa iskaavaatarii hojii daandiirratti bobba'ee ture irraa meeshaan guddaan konkolaataa minibaasii kanarratti kufuun balaan mudate.