Dubartiin Iraan 'goota Herregaa' jedhamuun addunyaarratti faarfamtu Mariiyaam Mirzakaanii eenyu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii jedhamti. Bara 1977 magaalaa guddoo Iraan, Tehraan keessatti dhalatte.

Hayyuun herregaa Iraan kun hanga bara 2017 dhibee kaansarii harmaan lubbuunshee darbutti Yuniversitii Istaanforditti pirofeesara herregaa turte.

Ijoollummaasheetti mana barumsaa barattoota dandeettii addaa qabanii Tehraan Farzanegan jedhamutti barataa guddatte.

Wayita barnoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaa barachaa turte badhaasa olaanaa biyyattii damee barnoota herregaaf kennamu injifachuun goota herregaa jedhamtee faarfamaa turte.

Dandeettiin addaa isheen galmeessisaa turte qormaata seensa yuuniversitii bira darbuun dorgommiiwwan idila addunyaatti akka ceetu ishee taasise.

Bara 1994 badhaasa herregaa Hong Kong keessatti gaggeeffame International Mathematical Olympiad jedhamurratti qabxii 42 keessaa 41 argattee injifachuun meedaaliyaa worqii argatteetti.

Kanaanis dubartii Iraan jalqabaa badhaasa kana mo'atte taateetti.

Badhaasa waggaa itti aanu Toroontoo keessatti gaggeeffameen ammoo qabxii hunda argachuun badhaasa meedaaliyaa worqii lama argatte.

Dubartii Iraan dorgommii kanarratti qabxii hunda argatte, akkasumas worqii lama mo'atte ta'uudhaanis nama jalqabaati.

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii bara 1998 balaa konkolaataa ishee mudaterraa hafuun waan hin yaadamne ture.

Bitootessa 17 barattoonni Iraan daneettii addaa qabanii fi Mariyam Mirzakaanii dabalatee dorgommii Olympiad irratti kanneen hirmaataa turan osoo gara magaalaa Tehraan deebi'aa jiranii konkolataan isaan fe'ee ture hallayyaa bu'uun balaa hamaan mudatee ture.

Namoota muraasa balaa kanarraa hafan keessaa Mariyam Mirzakaanii tokko.

Pirofeesar Mariyam Mirkzakaanii bara 1999 Yuniversitii Teeknooloojii Shariif irraa herregaan digirii jalqabaan eebbifamte.

Wayita yuniversitii kanatti barattu qajeelfama herregaa (theorem) Schur theorem of Schur jdhamu irratti qorannoo hojjechuun foormulaadhaan dhugoomsite.

Isa booda Yunaayitid Isteetis imaluun barnootashee itti fufte. Bara 2004 Yuniversitii Harvaard irraa digirii sadaffaa (PhD) eebbifamte.

Yuniversitiima kanatti hordoffii gameessa herregaa badhaasa damee herregaaf kennamu Fields Medal jedhamu argate Curtis T. McMullen jalatti hojjechuu eegalte.

Harvaarditti ''kutannoo fi cihoomina, gaaffilee jajjaboo deddeebitee gaafachuun,'' addatti beekamti turte.

Kan gaafattu Ingiliffaani, kan deebistuu fi yaadannoo qabattu garuu afaan dhalootaa ishee- Afaan Peershiyaani.

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii mana barumsaa herregaa- Clay Mathematics Institute jedhamuu fi Yuniversitii Pirinsitan (Princeton University) keessas hojjetaa turte.

Bara 2009 ammoo Yuniversitii Istaanforditti pirofeesara herregaa ta'uun hojiishee itti fufte.

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii hojiiwwan herregaa furmaata barbaadan hedduu qorannoodhaan furuun badhaasa hedduu argatteetti.

Kan hunda caalaa ishee beeksise garuu badhaasa idiladdunyaa bara 2014 injifatteedha.

Dubartii jalqabaa badhaasa herregaa 'Fields Medal' argatte

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii hojiiwwan herregaa, keessattuu kan ji'oomeetirii walxaxaa fi haala jijjiiramoota wantootaa irratti hojjetteen bara 2014 badhaasa guddicha damee herregaaf kennamu Fileds Medal jedhamu injifateetti.

Badhaasi kun kabajaa fi beekamtii hayyuu herregaa Kanaadaa Joon Chaarlis Fields jedhamuuf kan hundaa'e yoo ta'u, namoota damee herregaan dandeettii addaa qabanii fi umriinsaanii waggaa 40 gadi ta'eef kan kennamuudha.

Badhaasa waggaa afuritti al tokko kennamu kana Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii umriishee waggaa 40 gaditti mo'atte.

Badhaasi dubartiin Iraan injifatte kun magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Sewulitti ture kan qophaa'e.

Badhaasi damee herregaaf kennamu kun Badhaasa Noobelii Nageenyaan gatii walqixa qaba.

Waa'ee badhaasa Mariyam waan aanga'oonni Iraan fi beektonni jedhan

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii badhaasa herregaa akkaan qaalii ta'e kana injifachuunshee irratti yaada kana kennite.

''Foormulaa addaa argachuu kiyyaaf qajeelfamni addatti an hordofe kanan amma dhiheessu hin jiru. Waan akka bosonaa gobbuu keessa seenuun, beekumsa haaraa fi mala maltee haaraa guurratanii ba'uuti. Carraa argattee karaa ittiin keessaa baatu wayita argattu jechuudha.''

Hayyuun herregaa kun wayita yaada kana kennitu ammallee hojiisheetti akka hin quufnee fi hojii caaluuf qophii akka taate addunyaatti mul'istee turte.

Pirezidantiin Yuniversitii Istaanford Marc Tessier-Lavigne ''hayyuu herregaa sammuu cimaa qabdu akkasumas nama warra kaaniif fakkeenya ta'uu qofaaf beekamtiiwwan fudhattuudha,'' jechuun Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii jaje.

Yuniversitii Oksifoord irraa miseensa koree badhaasaa kan ture Pirofeesar Dame Frances Kirwan ''badhaasi kun shamarran fi dubartoonni addunyaarra jiran badhaasa Fields Medal kana injifachuuf akka onnatan karaa banaaf,'' jechuun yeroo sana dubbatee ture.

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii hayyuu herregaa fi kompiyuutaraa biyya Check kan ta'e Jan Vondrak nama jedhamutti heerumuun daa'ima durbaa tokko kan waliin godhatan yoo ta'u, bara 2017 waggaa 40tti dhibee kaansariin duute.

Kaalifoorniyaa, Palo Alto jiraachaa kan turte Pirofeesar Mariyam, dhibeen kaansarii harmaa kan irratti argame bara 2013 yoo ta'u dhibeen kun gara lafee fi tiruu isheetti babal'achuun lubbuushee dabarse.

Duuti ishee Iraan fi addunyaa guutuu keessatti rifaatuu guddaa uume. Hayyoonni fi waahillan ishee guddoo rifatan.

Yeroo sana Pirezidantiin Iraan Hasan Ruhaanii duuti Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii ''gadda guddaa'' biyyattiitti uumuu ibsanii turan.

''Dubartiin sammuu addaa dandeettii kalaqa saayinsii akkasumas namummaadhaan beekamtu kun maqaan Iraan akka waltajjii addunyaarratti ol ba'ee mul'atu gochuun, dubartoonni fi dargaggoonni Iraan akka sadarkaa addunyaatti dorgomaniif daandii saaqeera,'' jedhan.

Yeroo sana pirezidantichi waan Iraan keessatti hin danda'amne cabsuun suuraa Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii kan mataanshee osoo hin haguugamin mul'isu fayyadamuun mormii kaasee ture.

Ergasii miidiyaaleen biyyattii suuraa dubartii kanaa kan yeroo isheen hijaaba uffataa turtee kuusaa keessaa baasuun maxxansuun oduu waa'ee ishee hojjetan.

Haalli kun baayyee qalbii warra lixaa hawwate.

Ministirri Dhimma Alaa yeroo sanaa Iraan Mohammad Javaad Zariif duuti dubartii kanaa uummata Iraan hundaaf gadda guddaadha jedhanii turan.

''Har'a ifatu nurratti dhaame. Onnee kootu cabe. Yeroo malee nu biraa deemte,'' jedhe saayintistiin lammummaa Iraan fi US qabu Firuuz Naadeerii.

''Isheen dandeettii addaa qabdi, ammoo intala, haadha, haadha manaa jabduudha,'' jedhe.

Fakkeenyummaa Pirof. Mariyam Mirzakaanii

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii duutees akkuma yeroo lubbuun jirtuutti dhiibbaa uumteetti.

Akkuma isheen duuteen waa'een lammummaa ijoollee biyya alaatti maatii hiddisaanii Iraan ta'erraa dhalatanii Iraan keessatti ajandaa ijoo ta'ee as ba'e.

Battalumaan miseensonni paarlaamaa Iraan lakkoofsaan 60 ta'an qindaa'uun ijoollee dubartii abbaa manaa biyya biraatti heerumteef lammummaan Iraan akka kennamu dhiibbaa uumuu eegalan.

Kunis akka intalli Piroofesar Mariyam Mirzakaanii Iraan keessa jiraachuu dandeessuuf haala mijeessuuf ture.

Du'a dubartii Iraan kana hordofee seenaan dhaloota ishee fi hojiiwwan isheen gumaachitee darbite akkaan faarfamuu eegalan, baayyinaanis maxxanfamaniiru.

Kanarraa ka'uun Waldaa Herregaa Iraan keessatti Jaarmiyaan dhimma dubartootaa guyyaa dhaloota Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii, Caamsaa 12, Guyyaa gumaachi dubartootaa Damee Herregaa keessatti yaadatamu akka ta'u murteessan.

Manni barnootaa dubartiin kun barnoota sadarkaa lammaffaa itti baratte, Farzanegan jedhamu ammoo dirree tiyaatiraa fi mana kitaabaa maqaasheetiin moggaase.

Yuniversitiin Shariif, kolleejjii Herregaa keessatti mana kitaabaa guddicha maqaa Pirofeesar Mariyam Mirzakaaniin moggaaseera.

Bara 2018 jaarmiyaan The Breakthrough Prize Foundation jedhamu badhaasa dubartoota damee herregaa keessatti dandeettii addaa qabaniif kennamu maqaa Maryam Mirzakhani New Frontiers Prize jedhuun eegale.

Pirofeesar Mariyam Mirzakaanii bara 2020 dubartoota saayintistoota ta'uun addunyaa jijjiiran torba keessaa tokko ta'uun filatamteetti.

Jaarmiyaan UN Women jedhamu kun dubartoota addunyaarratti dhiibbaa uuman kanneen lubbuun jiranis, kanneen hin jirres ni filata.

Baruma 2020 Caamsaa 12 jaarmiyaan dubartoota damee herregaa jajjabeessu tokko maqaa Pirofeesar Mariyam Mirzakaaniin hundaa'eera.

Sagantaa kana jaarmiyaa dubartoota Awurooppaa damee herregaa keessa jiran- European Women in Mathematics, Waldaa Dubartoota Damee Herregaa- Association for Women in Mathematics, Jaarmiyaa Dubartoota Damee Herregaa Afrikaa- African Women in Mathematics Association, jaarmiyaa Colectivo de Mujeres Matemáticas de Chile jedhamuu fi Koree Dubartoota Damee Herregaa Iraan- the Women's Committee of the Iranian Mathematical Society jedhamtu waliin hoogganu.

Kanaan walqabatee bara 2020 sagantaawwan 152 ta'an qophaa'aniiru.

Bara 2022 Yuniversitiin Oksifoord maqaa Pirofeesar Mariyam Mirzakaaniin carraa barnootaa (scholarship) damee herregaa irratti dubartootaaf barnoota PhD mijeessu kennuu eegaleera.