Haleellaa Ameerikaa fi Israa'eliin Guraadhala darbe kan ajjeefaman hogganaan olaanaa duraanii Iraan Ayaatoolaa Alii Kaameenii sirni awwaalchaa isaanii raawwachuuf jira.
Iraan Ameerikaafi Israa'el sirna awwaalchaa kanarratti haleellaa akka hin raawwanne akeekkachiifte.
Sirni awwaalchaa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatoolaa Kaameenii Kamisaa hanga Sambataa Iraaniifi Iraaq keessatti iddoo garagaraatti raawwata. Qondaaloti biyyoota garagaraa sirna kanarratti hirmaachuuf gara Teeharaan akka deeman ibsameera.
Chaayinaa, Paakistaan, Hindii fi Qataar biyyoota qondaalota isaanii ergan keessaati. Waraanni Iraan akka dhaabbatuuf jaarsummaa taa'aa kan turte Paakistaan Ministira Mummee Sheebaaz Shariif gara Iraan akka imalan mootummaan biyyattii beeksiseera.
Sirna awwaalchaa kanarratti hirmaachuuf lammiilee Afgaanistaan 'kuma lama' tahaniif viizaan akka kennamu BBC Parshiyaan maddeen eeruun gabaaseera.
Yeroo sagantaan kuni adeemaa jirutti humni waraanaa Iraan Hataam al Anbiyaa jedhamu ibsa akeekkachiisaa baasuu Rooyitars gabaaseera.
Hogganaan dhaabichaa olaanaa Alii Abdoolaa ibsa miidiyaaleef kenneen ''diinoti Iraan keessumaa Ameerikaafi sirnaTsiyoonii Israa'el shallaga dogoggoraa irraa of qusachuu qabu,'' jechuun akeekkachiisan.
''Haleellaafi yaaddoon biyya keenyarratti qiyyaafatu hundi tarkaanfiin deebii hamaa akka keenamuuf ni akeekkachiifna,'' jechuun hubachiisaniiru.
Roobii kaleessaas Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii uummata biyyattiifi hogganoota irratti haleellaa qiyyaafatuuf deebiin jabaa akka kennamu akeekkachiisaniiru.
Araachiin kana kan dubbatan Ministarri Ittisaa Israa'el Hogganaan Olaanaa Israa'el Mojtaabaa Kaameeniin ''nama du'aaf kaadhimame dha,'' jechuun booda dha.
Sirna awaalachaa kanarratti eegumsi guddaan akka taasifamuufi magaalawwan baayyee dhorkaan balalii akka irra ka'amu ibsamuu Rooyitarsi gabaaseera.