Dubartoonni kunneen dhala godhachuu hin barbaadan - sababiinisaa kunooti


Umuriin ishaa waggaa 32 kan ta'e Jees Kiing dhala gochuu dhiisuu filatte
Ibsa waa'ee suuraa, Umuriin ishaa waggaa 32 kan ta'e Jees Kiing dhala gochuu dhiisuu filatte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yunaayitid Kingidam (UK) keessatti lakkoofsi dubartoota daa'imman godhachuu hinbarbaannee dabalaa jiraachuu himame.

Qorannoon Giddugala Haqa Hawaasummaa (CSJ) akka agarsiisutti biyyattii keessatti dubartoonni umriinsaanii waggaa 16 hanga 45 ta'efi lakkoofsisaanii miliyoona sadi ta'u daa'ima godhachuu dhiisuu malu.

Ragaan Waajjira Istaatistiksii Biyyaalessaa akka agarsiisuttimmoo bara 2025'tti Ingilaand fi Weels keessatti lakkoofsi daa'imman dhalatanii walitti fufiinsaan waggoota afuriif gadi bu'eera. Kunis yeroo walakkaa jaarraa ta'u keessatti isa gadi aanaa akka ta'e ragaan waajjirichaa agarsiisa.

Gadi bu'uu lakkoofsa dubartoota daa'imman godhachuu hinbarbaanneef sababoonni garagaraa jiraachuu kan himu gabaasni CSJ, "dhiibbaawwan hawaasummaafi diinagdee garagaraa jiru" jedheera.


Jees King dhala godhachuu akka hin barbaadne hiriyyaashee dhiiraatti himuun ishee sodaachia.
Ibsa waa'ee suuraa, Jees King dhala godhachuu akka hin barbaadne hiriyyaashee dhiiraatti himuun ishee sodaachia.

Haaluma kanaan qaala'uun mana jireenyaa, dafanii diinagdeen ofdanda'uu dhabuun, turanii heerumuu fi fuldureen hojii amansiisaa ta'uu dhabuun sababoota ijoo keessaati.

Dubartoota daa'imman godhachuu hinbarbaanne keessaa tokko kantaate Jess King, dhimmi maallaqaa sababoota murtee kanarra akka geessu ishee taasisan keessaa tokko ta'uu himti.

Jaalalleeshee waliin kutaa gara dhihaa magaalaa Landan keessa kan jiraattufi miidiyaalee hawaasaarratti qabiyyee uumuun galii kan argattu Jess, galiinshee al tokko tokko ni dabala, yeroo kaan immoo ni xiqqaata.

"Namoonni rakkoo diinagdee qaban heddudha. Ji'oota tokko tokko maallaqa baay'ee xiqqoo qofatu harka keenyarra jiraata, jireenyi ulfaataa ta'uu danda'a" jechuun himteerti.

Dubartoonni UK keessaa daa'ima godhachuu akka hinbarbaanne himan baay'een sababoota murtee kanarra akka gahan isaan taasisan keessaa rakkoon maallaqaa tokko ta'uu himaniiru.


Chii Bilaak, dubariin umuriin ishee waggaa 33 daa'ima godhachuun waan isheen hojjechuu dandeessurraa akka ishee dhorku dubbatti.

Madda suuraa, Chy Black

Ibsa waa'ee suuraa, Chii Bilaak, dubariin umuriin ishee waggaa 33 daa'ima godhachuun waan isheen hojjechuu dandeessurraa akka ishee dhorku dubbatti

Dabalataan yaaddoon jijjiirama qilleensaan walqabatee qaban, kutannoofi xiyyeeffannoo hojii isaaniif kennan, fedhii kutaalee addunyaa garagraarra imaluun daawwachuuf qaban akkasumas waan isaanif ta'u ofiif murteeffachuuf bilisummaan jiraachuun akka sababaatti eeraniiru.

Jess fi dubartiin isheen biroon Chy, namoonni ejjennoo isaanin walfakkaatu qaban gama marsaalee hawaasaan deeggarsa yaadaa akka taasisaniif himu.

Maatiifi hiriyoonnishee dhiyoo murtee daa'ima godhachuu dhiisuushee akka deeggaran kan himtu dubartiin waggaa 33 Chy, maatiin bal'aan garuu murteeshee akka hin hubanne dubbatti.

"Hiddi dhalootaakoo Afrikaadha" kan jettu Chy, firoonnishee baay'een aadaa "dubartoonni daa'imman qabaachuu qabu" jedhurraa kan dhufan ta'uu dubbatti.


Umuriin ishaa waggaa 28 kan ta'e Saashaa Toomaas ijoollee godhachuu akka hin barbaadne TikTok irratti viidiyoo qooddi.

Madda suuraa, Sasha Thomas

Ibsa waa'ee suuraa, Umuriin ishaa waggaa 28 kan ta'e Saashaa Toomaas ijoollee godhachuu akka hin barbaadne TikTok irratti viidiyoo qooddi
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojiifi imalli dhimmoota dursa laattuuf akka ta'an kan himtu dubartiin tun, wantoonni kunimmoo "daa'imman wajjin baay'ee ulfaatu" jetteerti.

Dubartoota umriinsaanii waggaa 18-35 ta'e 1,500 keessaa dhibbeentaan 38 sababni daa'ima godhachuu itti hinbarbaanneef damee hojii irratti bobba'aniin guddachuu waan barbaadaniif akka ta'e gabaasni CSJ agarsiisa.

Kunneen qorannicharratti hirmaatan keessaa walakkaansaanii baasiin kununsitoota daa'imaaf kaffalamu dabaluu yemmuu himatan, dhibbeentaan 41 immoo daa'ima godhatu taanaan mana amma keessa jiraatanirra kan guddatutti jijjiirachuu akka qaban himaniiru.

Gabaasni CSJ gama isaatiin, UK keessatti gaheen haadhummaa hawaasa keesaattis ta'e sadarkaa imaamataatti ulfinni guddaan kennamuufi akka qabu hima. Dabalataan jaarraa 20ffaa keessatti biyyattii keessatti haadhummaan kabaja guddaa qaba ture jedheera.

Daa'immaan godhachuun salphumatti wanta "fedhii haadha ta'uu" osoo hinqabaatiinill godhamu akka ta'etti yaadaa guddachuushee kan himtummoo Siyaan Laawlii-Rudd dha.

Ga'eettiin waggaa 37fi hojii saroota leenjisuu hojjettu Siyaan, amma garuu daa'ima godhachuu dhiisuuf murtessuusheefi murteesheettis ofitti amantuu akka taate himti.

Fillannooshee kana keessattimmoo walitti bu'iinsawwan Raashiyaafi Baha giddugaleessaa keessaa akkasumas jijjiiramni qilleensaa sababoota gahee qabanidha.

"Haala addunyaan amma jirtu keessatti daa'ima gara addunyaa kanaatti fiduu nan barbaadaa? Deebiinkoo lakki hinbarbaadu kan jedhudha, hanga ammaattis yaadakoo kana hinjijjiirre" jetteerti.

Yaada kanaan kan waliigaltu Jess immoo, "addunyaa kanarra nama baay'eetu jira, dhuguma isarratti nama biraa dabaluun barbaadaa?" jechuun gaafatti.

Dabaluunis, "daa'imman qabaadhee booda gaabbuurra, daa'ima osoo hinqabaatiin turee booda gaabbuu naaf wayya" jetteerti.

"Silaa dhaloota biraa keessatti dhaladheera osoo ta'ee yaaduma amma qabu kana osoon qabaadheyyuu daa'imman godhachuun danda'a ture" kan jettu Jess, "dhaloota sana keessatti daa'ima akkan godhadhuuf dhiibbaan hawaasaa ni jiraata, silaa fedhii hawaasaa sanan hordofa ture" jetteerti.

Saroota Boonii fi Olivar jedhaman lama kan qabdu Siyaan immoo, "saroota kootiin gammadduudha, isaan nan kunuunsa, isaan anaaf akka maatiiti" jetteerti.

Dabaluunis "Hojiikoof jaalalan qaba, innis fedhii miiraakoo naaf guutera. Namoota biroof immoo daa'ima godhachuun wanta fedhii miiraasaanii guutu ta'uu danda'a" jetteerti.