Ameerikaan Sooriyaa tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jettuun keessaa haqxe

Pirezdantii US Donaald Traampi fi Prezdantii Sooriyaa Ahmed al-Sharaa kora Adoolessa 01, 26 Ankaaraatti gaggeeffameen cinatti yoo mari'atan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

US Wixata Sooriyaa tarree biyyoota shororkeessummaa deggaran jettuun keessaa haqxe. Damaasqoon qormaataa guddaa invastimantii danqetu ka'e jetteen. Hariiroon US fi Sooriyaa eegi mootummaan haaraa dhufee jabaachaa jira.

Akka websaayitii Ministeera maallaqaa US irratti maxxanfametti cTiraamp tarkaanfii Sooriyaa tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaranii keessaa haquuf akeeka qabaachuu kongiresiitti kan hime Adoolessa 08, 2026 ture.

"Tarkaanfiiwwan kunneen gochaawwan gaggaarii bulchiinsa mootummaa Sooriyaa Pirezdant Ahmed al-Sharaaf beekkamtii kennuu fi gara fuulduraattis Sooriyaa gochaawwan shororkeessummaa idil-addunyaa irraa fageessuuf kutannoo akka qabaatu jajjabeessuufi tarkaanfii fudhatamani" jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo.

Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa Dilbata Asaad al-Shibaanii Rooytarsitti akka himanitti mootummaan isaanii "gufuu dhumaa" kana kaasuun Sooroiyaa sirna maallaqaa fi diinagdee addunyaatti deebisa, invastimantii ishees ni dabala.

"Kana booda gufuun invastimantii hin jiraatu, daldalachuu fi diinagdee Sooriyaa deebisanii ijaaruu dha" jedhan.

Sooriyaan bara 1979 wayita Waashingtan pirezdantii duraanii biyyattii Hafez al-Assad hidhattoota deeggara jetteenii kaasee tarree shororkeessitootaa keessatti ramadamte.

Ramaddiin kun bara bulchiinsa Bashir Al- asaadiis ittuma fufe. Al-asaad Sadaasa 2024 hidhattoota pirezdantii ammaa Ahmed al-Sharaatiin durfamaniin Mudde 2024 aangoorraa fonqolame.

Kuubaa, Iraan, Kooriyaan Kaabaa ammallee jiru

Tarkaanfii miilana Sooriyaa tarree shororkeessitootaa keessaa baasuu kanaan garee hidhattootaa Nusraah Firoont jedhamus, kan addatti Dhaabbata Shororkeessaa Addunyaa, jedhamee ramadames haqame.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Biyyootni Kuubaa, Iraan, Kooriyaan Kaabaa ammallee biyyoota Waashingtan tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaranii jettuun keessaa hin baane.

Biyyootaf tarree warra shororkeessitoota deggaranii keessatti ramadamuun gargaarsa US ni dhabsiisa, meeshaa waraanaa gurguruu fi alatti ergachuu ni uggura, qoqqobbii maallaqaafi oomishaalee waraanaa fi kaanii ni uggura, baankotaa fi invastarootaafis ni sodaachisa.

Ministeerri Maallaqaa US amma dhaabbileen maallaqaa Ameerikaa Sooriyaaf tajaajila kennuu danda'u, adeemsa baankota Sooriyaa keessatti kaffaltii mijeessuu fi bakka bu'iinsa baankotaa, hariiroo baankotaa horachuu ni danda'u. Garuu, qaama qoqqobbiin irra hin kaa'amne faana qofa jechuu dha.

Sooriyaan tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaranii keessatti ramadamuun dhaabbilee biyyattii seenuu fe'aniif danqaa seeraa fi adeemsa jabaa tureera.

Waraana waggoota 14 booda Sooriyaa deebisanii ijaaruun dolaara biliyoonaan lakkaawamu barbaada.

Tarree biyyoota Shororkeessitoota deeggaran keessaa haqamuu dursee mallattooleen tumsaa dhaabbilee Ameerikaaarraa mul'atanii jiru. Ministeerri maallaqaa Baankii Ameerikaa fi dhaabbilee maallaqaa Ameerikaa faana waliin hojjechuuf mariin eegalamuu ibse.

Tumsa itti fufe

Tiraamp kongiresiif akka himetti Adoolessaa keessa Pirezdantii Sooriyaa Sharaa waliin Ankaaraatti wal arguu booda Sooriyaa irraa "danqaa hunda" biyyattii deebisanii ijaaruu hanqisu haquuf waadaa galee ture.

Tarkaanfiin kun waliin marii dhimmoota imaammata diinagdee fi dhimma alaa irratti ji'ootaaf Waashingantanii fi Damaasqoo jidduu ture booda fudhatame.

Sooriyaan arma booda boba'aa Raashiyaarraa bittu akka hir'iftu maddeen isaa wabeeffachuun Rooytarsi gabaase.

Tiraamp seelii al Qaayidaa fi hoggana garee hidhattoota Nusraa kan ture, bara 2016 kaasee networkii Jihaadistootaa irraa kan adda of baasuun tumsa hidhattoota ijaaree bulchiinsa Pirezdant Bashaar al -Asaad fonqolche, Pirezdant Sharaa jajeera.

Waashingtan tumsa Sharaan qabsoo garee IS irratti tolchu jajuun, uggura salphisuufiifi Sooriyaa caalatti tasgabbeessuuf, invastimantii hawwachuufi deebisanii ijaaruuf akka deggartu ibsite.