Adaamaatti doktaroonni 'oppireeshinii sa'atii 8 fudhateen' dargaggoo tokkorraa dhiitoo kg 10 baasan

Madda suuraa, Hakim/FB
Namoota waggootaaf ba'aa dhibee akkasiin eelaniif kun abdii guddaadha. Keessattuu kanneen fageenyarratti argamanii fi tajaajila fayyaa argachuu hin dandeenyeef aara galfiidha.
Dargaggoo Ayyaanaan Wallaggaa Lixaa baadiyyaa Najjoo irraa gara Adaamaatti kiilomeetira dhibbaan lakkaa'amu qaxxaamuruun ba'aa waggoota kurna lamaaf baataa ture ofirraa buuse.
Dhibeen isaa Neurofibromatosis jedhama. Ijoollummaarraa qabee irra ture. Waggaa 22 gaafa guutu garuu baachuu dadhabe, humnaa ol itti ta'e.
Galatni ogeeyyii fayyaa Hospitaala Adaamaaf haata'u malee, sababa isaanii gurbaa oladeemaan kun dhiitoo kiilogiraama 10 ulfaatu ofirraa lafa kaa'e.
Garee gurbaa kanaaf tajaajila wal'aansa baqaqsanii yaaluu kennan keessaa tokko kan ta'an Dr Abbebee Firdiisaa, hiriyoota isaanii waliin ta'uun waggaa shan dura tajaajila fayyaa Plastic and Reconstructive Surgery jedhamu Hospitaala Adaamaa jalatti hundeessuun tajaajila akkanaa kennaa turan.
''Dhibeen gurbaa kanaa dhalootumarraa akka ture,'' kan ibsan Dr Abbebee Firdiisaa hiriyaasaanii kan ta'an Dr Nagaasaa Wiirtuu waliin wal'aansa baqaqsanii yaaluu dargaggoo Ayyaanaaf kennan.
Dargaggoon kun qaamaan gara mana yaalaa kana dhufee Dr Abbebeefaa waliin walarge seetanii? Lakki.
Dr Abbebeen dhimma gurbaa kanaa miidiyaa hawaasummaarraa arguun hordofanii bakka inni jiru, baadiyyaa Najjoo, irraa akka garasaanii dhufu taasisan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dargaggoon kun ofiifuu ba'aa baata, fageenyarra jira, kana hunda irratti ammoo humna ittiin of wal'aanuu fi ittiin gara mana yaalaa dhaqu hin qabu.
Gabaabumatti dargaggoo harka qalleessa, maatii harka qalleessaati.
Garuu tumsa fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa fi ogeeyyii fayyaa kanaan harka qalleessummaasaa dagate, ba'aa waggaa 22f baataa tures ofirraa lafa kaa'e.
Maallaqa inni ittiin hanga hospitaalaa dhaqu kan mijeessaniif namoota miidiyaa hawaasaarra jiran, Dr Abbebeefaan ammoo kaffaltii malee wal'aanan.
Dr Abbebee fi gareen isaa akkasumas hojiin abdichaasaan haala kanaan miidiyaa hawaasummaarratti hojjetamu namoota akka Ayyaanaa hedduuf abdii ta'a.
''Dhiitoon fuula gurbaa kanaarra ture baayyeedha. Sababa kanatti qaamni isaa baayyee miidhameera. Kanaaf raajii fi CT Scan erga ilaallee boodadha gara baqaqsanii yaaluu (surgery) kan deemne,'' jedhan Dr Abbebee Firdiisaa.
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu akkasii (plastic and reconstructive surgery) amala baayyee walxaxaa ta'e qaba.
''Miidiyaa hawaasummaarratti kan mul'atetu kana malee nuti yeroo hundaa kanuma hojjenna. Kan kanaan oliis baayyeesaanii hojjetaa oolla,'' jedhan Dr Abbebeen.
Kan dargaggoo Ayyaanaa kun uumamaan kan turedha. Lafee uumamaan sammuu keessaa hir'uu ta'etu jira.
''Uumamaan narvoota qaamaa irratti, ijasaa gara mirgaa fi gurrasaa kana qabatee gara sammuuttis siqee dhiita baheedha. Baayyee guddaadha. Sababii yeroo dheeraa tureef lafee mormaa isaa kan duubaa gadi cabseera,'' jedhan ogeessi fayyaa kun.
Rakkoon dargaggoo Ayyaanaa mudate dhiitoo qofa miti. Rakkoo lama, sadi ofirraa qaba.
''Tokkoffaa mormisaa waan gadi cabeef wal'aansa baqaqsanii yaaluu eegaluu dura tuubboo afaan keessa galee hadoochu galchuun rakkisaa ture,'' jedhan Dr Abbebee Firdiisaa.
Hojiin kun meeshaa addaa Fiberoptic intubation jedhamu gaafate ture.
''Meeshaan kun suuta yeroo fudhattee ilaaltee qaawwaan ujummoo qilleensaa argamee yoo gale malee rakkoo baayyee geessisa. Isa kana ogeeyyiin xiyyeeffannaan ilaalanii erga ujummoo qilleensaa keessa galchanii booda nuti baqaqsanii yaaluu hojjenne,'' jedhan ogeessi fayyaa kun.
Baqaqsanii yaaluu irratti ammoo rakkoowwan ijoo lamatu isaan mudate.
''Tokkoffaa [dhiitoon kun] gara sammuutti siqee sammuu faana walqabatee jira. Lammaffaa hidda dhiigaa gurguddaa kan dhiita kana sooraa turan tuqnaan carraan gurbaan dhiigee rakkoo biraaf saaxilamuusaa baayyee bal'aa ture,'' jedhan.
Kanaaf dursanii of eeggannoo cimsuun akkasumas dhiiga hedduu qopheessuun ''wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii saddeet fudhate,'' milkaa'inaan xumuruu ibsan.
Dhukkubi kun Benign tumor jedhama. Uumamumarraa kan nama waliin guddatuudha.
Balaansaa guddaa ta'us garuu ''gara qaamaatti faca'ee dhibee kaansarii fidee lubbuu galaafachuu hin danda'u,'' jedhan Dr Abbebee Firdiisaa.
Yeroo dheeraaf yoo ture garuu dhiita kan ture kun carraan gara kaansariitti jijjiiramuu dhibbeentaa 10 jedhan.
''Kun yeroo dheeraa booda. Amaluma dhukkuba kanaati. Daa'imummaarraa wajjin dhalatee akkuma namni guddatuun waliin guddataa deema.''
Dargaggoo Ayyaanaan sababa dhiitoo kanaa iji isaa inni mirgaa guutummaatti badeera.
Ammoo haguugamee ture malee bakka tureera. Darbee darbee imimmaan buusaa ture. Kun ammoo akka naannoon sun daran foolii badaa qabaatu taasiseera.
''Gara sammuutti siqee waan jiruuf, ijisaa inni mirgaas hin jiru, hin argus waan ta'eef guutummaatti dhiita sana faana ba'eera,'' jedhan.
Xiyyeeffannaa guddaan ba'aa mucaan kun waggootaaf baatee jiru, kan morma isaa gadi cabsee jiru, akkasumas dhibee biraafis sodaachisu irraa baasuudha.
''Galmi keenya ijoon ba'aa guddaa kana gurbaa kanarraa kaasuudha. Kan biraan ammoo gurbaan kun lafeen mormaa isaa gadi cabee waan jiruuf yoo xiqqaate kiiloo kudhan kana irraa hir'isuun fuulasaa duraatti akka deebi'u gochuudha.''
Wal'aansa kana booda fuulli gurbaa kanaa sirrachuu (gara normal) deebi'uuf carraa bal'aa qaba kan jedhan Dr Abbebee Firdiisaa ''gurbaan amma fayyee gara manasaatti deebi'uuf jira,'' jedhan.

























