Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwiidinitti namichi niitiinsaa namoota 120 waliin salqunnamtii akka raawwattu dirqisiisee seeratti dhiyaate
Lammiin Siwiidin ganna 61 niitiinsaa dhiirota 120 ta'aniif tajaajila saalqunnamtii akka kennitu dirqisiiserratti himannaan seeraa eegalame.
Namni kun iddoo qonnasaanii fagaatee argamu bakka gochaan kun itti raawwatamu godheera jedhame.
Kaameraa sochii naannichaa hordofuufi qoricha sammuu hadoochus fayyadameera jedhame.
Achiis namoota online gubbaa beeku waliin haati warraansaa saalqunnamtii akka raawwattu dirqisiisa jedhame.
Namni kun garuu fedhiisheerratti hundaa'ee wanta godhame ta'uu eeruun badii hin qabu jechuun muggute. Wanti inni godhe haala mijeessuu qofa akka ta'es dubbate.
Adeemsi himannaa kun qalbii hawaasa idila addunyaa argateera. Dhimmisaas himannaa Dominiik Pelkoot kan waggoota sagaliif dhiirotni kaan haadha warraasaa yeroo sanii Giiseel jedhamtu dirqiin akka gudeedan godhe wajjin fakkeeffama jira.
Himannaan nama Siwiidin kanaa magaalaa xiqqoo qarqara galaanaa Baha biyyattiitti argamtu Härnösand jedhamtu keessatti Jimaata gaggeeffamuu eegale.
Namni kun Mana Murtiirratti himatnisaa wayita dubbifamu callisee dhaabatee ture.
Erga himatnisaa dubbifamee booda dhaddachi cufaa godhame. Kunis eenyummaa dubartii miidhamte sana dhoksuufi. Dubartiiin kun erga gochoonni sun irratti raawwataman booda Abbaa warraashee kana waliin wal gaa'ila diigdeetti.
Abbaan warraa himatni irratti dhiyaate kunis ammatti eenyummaansaa ifatti hin ibsamne, umriisaa malee.
Akka himatni dubbifame agarsiisutti niitiisaa namootni biyyattii keessaa gara manasaanii wayita deeman maallaqa fudhatanii isheenimmoo tajaajila saalqunnamtii akka kennituuf dirqisiisuu kan eegale bara 2022 ture. Gochaan kun kan dhaabate isheen bara 2025 keessa Poolisiitti wayita himattudha.
Jalqaba bara kanaatti namni kun yakkoota hedduun himatni irratti baname. Himatni kun dirqiin gudeeduu, dirqisiisanii gudeeduuf yaaluufi miidhaa qaamaa raawwachuu wajjin walqabata.
Abbootiin Alangaa ragaalee dubartiin kun tajaajila saalqunnamtii akka kennuu itti fuftu dhiibuuf qoricha sammuu adoochu fayyadamuu agarsiisu, hiriyyoota xiqqaa qabaachuushee akka carraatti fayyadamee dhiibbaa irratti cimsuu Mana Murtiif dhiyeessu.
Haati Alanagaa tokko dhaddacha Jimaataa dura yaada miidiyaa biyyattii tokkoof kenniteen abbaan warraa qotee bulaa ta'e kun ''saaxilamummaa qabdutti fayyadame'' jette. Sodaa isaaf qabdu amalasaa dirqisiisuuf itti fayyadameera jette.
Kaameraa sochii naannoo hordofu mana keessa kaahuun sochiishees hordofaa ture jedhamee himatame. Kaameraan kun takka takkas sochii saalqunnamtiis waraabeera. Viidiyoowwan kunniin akka ragaatti dhiyaatuuf deemu.
Abbaan warraa kun ishee ajjeesuuf, gaazii itti naquu, ishee gubuufi qubashee irraa kutuuf itti dhaadachaa akka tures himannaa abbaa alanagaarraa hubatameera.
Dhiironni saalqunnamtii waliin gochuuf dirqamte 120 jedhamanis namota 28 qofatu himatame. Hedduun isaanii himannicha haalaniiru. Kaansaanii saalqunnamtii waliin hin raawwanne ykn maallaqa hin kaffalleef jedhaniiru.
Haasaa oonlaayinii fi kaffaltii raawwatame akka ragaatti dhiyaata jedhameera.