Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimmoota shan marii US fi Iraan irratti qormaata ta'uu danda'an
Iddoon qophaaye, eegumsi mijaayeera, Islaamaabaad marii nagaa US fi Iraaniif waa hunda qopheessitee keessummoota simatteetti.
Kuun yaaddoo ibsatanis, jaarsa araaraa marii kanaa kan ta'e mootummaan Paakistaan marii nagaa kanarraa abdii akka qabu dubbata. Gareen lamaanuu amantaa irraa qaba waan ta'eef fakkaata.
Pirezdantii itti aanaan US , JD Vaans akkanuma abdii marii kanarraa qabaachuu ibsatan.
"Yoo warri Iraan garaarraa mari'achuuf dhufan" jedha US gadhiisanii bahuu dura, "shakkii tokko malee harka keenya bal'ifnee simanna."
Akeekkachiisnis ni jira.
"Yoo nutti taphachuu barbaadan, jilli keenya callisee hin simatu."
Gaara guddaatu marii kana fuuldura jira jedhamuu danda'a.
Libaanos
Israa'el michuu Iraan kan ta'e garee hidhattoota Hizboollaa, Libaanos keessatti haleeluu hin dhaabne. Kun immoo marii nagaa kanatti danqaa ta'uu danda'a jedhama.
Pirezdantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan, "Haleellaan Israa'el Libaanos keessatti itti fufee jiru marii kana hiika dhabeessa godha" jechuun fuula X ofii isaaniirratti barreessan.
"Harki keenya ammallee qaataarra jira. Iraan obbolaawwan Libaanos gattee mari'achuu hin dandeessu."
Ministirri muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu, Hizboolaa kan ilaallatuun, "dhukaasni dhaabbatu hin jiru" jedhan. Jiraattonnni kibba Beerut qe'ee gadhiisanii akka bahanis irra deddeebiin akeekkachiisaa jirti Israa'el.
Donaald Tiraamp gochi Israa'el Libaanos keessatti raawwattu hamaa miti jedhe.
Ministeerri dhimma alaa US mariin kallattii torban dhufu Libaanosii fi Israa'el jidduutti Waashingtanitti ni godhama jedhe.
Iraan kana tole haa jettu, haa dhiiftu hin baramne.
Ulaa Hormuuz
Dhimmi ijoo kan bira marii kanaaf danqaa ta'u dhimma Ulaa daddabarsa boba'aa murteessaa Hormuuzi.
"Dooniwwan Ulaa Hormuuz irraan dabarsuu ilaalchisee Iraan waan hin taane gochaa jirti" jedhe Donaald Tiraamp.
"Kun waan waliin dubbanne miti!" jechuun Iraan waan saalfachiisaa gochaa akka jirtu miidiyaa hawaasaa isaa Tiruuz soshaal irratti maxxanse.
Dooniiwwan muraasatu ulaa kanaa darbaa jira. Dooniiwwan dhibbaan lakkaawamanii fi imaltoota galaanarraa 20,000tu Galoo Galaanaa irratti danqamee jira sababa kanaan.
Ulaa kana huutee kan qabde Iraan, xurree bishaanii kana qabdii qabachuu idileessuu feeti fakkaata. Qabiyyee biyyaalessaa (birmaduu) kiyya jetti. Maaltu akka achii darbuu fi hin dabarres murteessuuf seera baasuu feeti.
Kamisa, ulaa darbiinsa haaraa beeksifteerti Hormuuz keessa. Daandii imala duraaniirraan gara kaabaa iddoo jiruun dabarsina jetti. Kun itti yaadamee kaampaanota doonii doorsisuuf waan goote dha. Isheen garuu, dhootuuwwan (fanjii) awwaalame irraa goruuf" jetti.
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti dooniiwwan kuun dolaara miliyoona lama baasanii darbaa jiru, Tiraamp "Iraan dooniiwwan kaffalchiisuu yoo dhiifte isheedhaa wayya" jechuun akeekkachiise.
Niwukilarii
Dhimma waldhibdee falmisiissa ijoon tokko niwukilariidha.
Tiraamp guyyaa waraana eegale, "Iraan niwukilarii hidhachuu akka hin dandeenye mirkaneessuun kaayyoo waraanichaa" tokko akka ta'e eeree ture.
Iraan boombii niwukilarii akka hin hidhanne waakkatti. Mootummoonni lixaa shakkiidhumaan itti duulaa kan jiran kana isheen yuraaniyemii kaayyoo nagaaf gabbisuu mirga akka qabdu Waliigaltee niwukilarii gabbisuu dhiisuu eeruun himatti.
Qabxiilee mariif dhiyeessaa jirtu 10 keessaa tokko beekamtii mirga niwukilarii gabbisuuti.
Tiraamp marii kanaaf qabxiilee 15 kaawwate. Kanneen keessa tokko "Dachii Iraan irratti gabbisa yuraaniyemii hunda dhaabuu" kan jedhu dha.
Garuu torban kan jalqabarratti Ministirri Ittisaa US Piit Heegseet akka jedhetti, "Iraan takkaa niwukilarii hin hidhanne, humna akkasiis hin horanne."
Gareen lamaan mari'achuuf qophiidhaa ree?
Michoota Iraan Baha Jiddu-galeessaa
Networkiin Iraan kan harka lafa jalaa - Hizboolaa Libaanos keessaa, Huutiiwwan Yaman keessaa, Haamaas Gaazaa fi milishoonni Iraaq keessaa dhibedee Teehraan masaanuuwwan ishee Israa'elii fi US waliin qabduuf qaamolee ijoo dha.
Onkololeessa 2023 kaasee "Iraan gurmuu diddaa (Axis of Resistance)" kan jettuun gareeleen kunneen haleelamaa jiru.
Qaamni tokko abbaa Irree Siriyaa, Bashir Al-asaad ture. Amma aangorraa kufeera.
Israa'el gurmuu diddaa kana akka balaa hamaa isheerratti aggaamameetti fudhatti. Hundeedhaan baduu qabus jetti.
Yeroo diinagdeen isaanii daddaaqee jiru kanatti lammiileen Iraan garuu biyya namaa keessatti of agarsiisuu kana hin deeggaran.
Iraan gurmuulee kanneen deeggaruu dhiisuun ishee gaaffii keessa waan jiru.
Aar-galfii Qoqqobbii
Sirni mootummaa Iraan waggoota kurnanootaaf qoqqobbii idil-addunyaa hedduudhan rukutame. Qoqqobbiiwwan US irra keesse fi akka idil-addunyaatti irra kaayaman mariiwwan keessatti gaafachaa turan.
Jimaata, af-yaa'iin paarlaamaa Iraan, Mohammad Bagher Qalibaf, qabeenyi Iraan uggurame dolaara biliyoona 120 ta''u marii kana dura akka gadhiifamu gaafatan.
Tarkaanfii kun lamaan asii dura irratti waliigalame jedhan. (Kan biraa Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu dha.)
Ebla 07 garuu Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariif yeroo waan dhukaasa dhaabuu dubbatan, waan qabeenya Iraan qabame gad lakkisiisuu hin kaafne. Qaalibaaf waliigaltee kam akka jechaa jiran ifaa miti.
Bulchiinsi Donaald Tiraamp dhimma kanarratti mariidhaan dura waan waliigalu hin fakkaatu.