Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kadhannaa eegaluu dura mallatteessaa': Seera amantii yaaddoo uume
Manneen amantaa kiristaanaa Indiyaa magaalaa Mumbaayi fi naannoosheetti argaman tokko tokko namoonni kadhaaf yeroo garas deemanitti waraqaa akka mallatteessan gaafachuu eegalaniiru.
Waraqaan namoonni kadhaaf deeman akka mallatteessan gaafatamanis "fedhii kootiin kadhachuufin as dhufe" kan jedhudha.
Haaluma kanaan amantoonni maqaa, lakkoofsa waraqaa eenyummaasaanii barreessuun gara waldichaa namuu osoo isaan hin dirqisiisiin fedhii isaaniin deemuusaanii mallatteessu.
Guca namoonni akka mallatteessan gaafataman kana BBC'n kan ilaale yoo ta'u, gucawwan fudhatama seeraa hinqabne akka ta'es mirkaneesseera.
Haa ta'u malee gaggeessitoonni manneen Kiristaanaa seera haaraa bahe hordofee amantaa namootaa jijjiiruuf yaalaniiru jedhamanii akka hin himatamneef jecha gochaa kana akka raawwatan himameera.
Gochaan kun dhuma ji'a Hagayyaa darbee seerri jijjiirraa amantaa daangessu naannoo Maharaashtiraa kan magaalaan Mumbaayi keessatti argamtutti hojiirra ooluusaan dura manneen kiristaanaa tokko tokko keessatti raawwatamuu eegalame.
Seeri haaraan kun jijjiirraa amantaa humna, gowwomsuu, dirqisiisuufi faayidaan hawwachuun taasifamu ni dhorka. Kana malees akka seerichaatti namoonni fedhii isaaniin amantaasaanii jijjiirrachuu barbaadan dursanii angawoota beeksisuu qabu.
Karaa seera qabeessa hintaaneen amantaa jijjiiruun hidhaa hanga waggaa torbaa gahu namatti mursiisuu kan danda'u yemmuu ta'u, yakkichi yeroo lammataaf raawwatame yoo ta'emmoo hidhaan kun hanga waggaa 10 gahuu danda'a.
Bulchiinsi Maharaashtiraa seerichi namoota saaxilamummaa hawaasummaafi diinagdee qaban dirqiin yookiin gowwomfamanii amantaasaanii akka hin jijjiirreef eegumsa kan taasisuu ta'uu himeera.
Haa ta'u malee seerri haaraan kun murtee dhuunfaa namni tokko fudhaturratti mootummaan harka akka galfatu taasisa jedhamuun qeeqamaa jira. Dhimma kanarratti BBC'n yaada mootummaa naannichaa argachuuf irra deddeebin gaafii dhiyeessus deebii hin arganne.
Seerri haaraan kun amantaawwan hunda kan ilaallatu ta'us caalmaatti yaaddoo kan uume garuu iddoowwan kadhannaa amantaalee hordoftoota xiqqaa qaban keessattuu waldaalee Kiristaanaa keessatti.
Devidaan Tribihuvaan amantaa Kiristaanaa kan hordofu yoo ta'u, dhaabata hawaasaa magaalaa Mumbaayi keessa jiraniif deeggarsa seeraa kennu keessa hojjeta.
Innis ji'oota muraasa as namoota seera haaraa hojiirra ooleen walqabatee yaaddoo qaban hedduu akka arge, isaanis adeemsi kadhaa isaanii adda citee maal gochuu akka danda'an, akkasumas maal irratti bilisa ta'uu akka danda'an isa gaafachuu isaanii hima.
Namoonni tokko tokko namoonni isaan hin beekne gara waldaasaaniitti ol seenuun "maqaankee eenyu? maal asii goota? namni akka as dhuftuuf waa sif kenne jiraa?" jechuun wayita namoota gaafatan arguusaaniis dubbateera.
Miidiyaan The Indian Express jedhamu gabaasa ji'a Adoolessaa keessa baaseen, ji'oota Eblaa hanga Adoolessaa magaalaa Mumbaayi keessatti sagantaaleen kadhannaa Kiristaanaa shan adda cituu isaanii gabaase.
Kana malees, poolisiin amantootaa fi qindeessitoota sagantaalee kadhannaa irratti galmeewwan yakkaa shan, miseensota garee sabboontota Hinduu Bajrang Dal jedhaman irratti immoo galmeewwan yakkaa lama banuu isaanii, The Indian Express gabaaseera.
Haa ta'u malee poolisiin gaafii galmeewwan kunneeni fi tarkaanfiwwan fudhataman ilaalchisee dhiyaateef deebii hin laanne.
Indiyaa keessatti seera jijjiirraa amantaa daangessu hojiirra oolchuun naannoon Maharaashtiraa isa jalqabaa miti. Qabiyyeen seerota raggaasisani garaagarummaa qabaatus biyyatti keessatti naannoleen kudhanii ol seericha hojiirra oolchaniiru.
Babal'achuu seera kanaaf sababni yaadawwan gareewwan sabboontota Hinduu biraa ka'an akka ta'an himama.
Yaadawwan kunneen keessaa tokkos Kiristaanonni maallaqa, barumsafi tajaajila yaalaatti fayyadamuun hawaasawwan harka qalleeyyii amantaa Hinduu hordofan amantaasaanii akka jijjiiran taasisaniiru kan jedhudha.
Kana malees musliimonni dhiiroliin dubartoota Hinduu jaalalaan hawwachuun amantaasaanii akka jijjiiran taasisaa jiru kan jedhus ni argama.
Qeeqxonni gama isaaniitiin himannaawwan kunneen sagantaawwan kadhannaa Kiristaanaafi jaalalleewwan amantaa garagaraa hordofanirratti qoccollaan akka raawwatamuuf sababa ta'aa jira jedhu.
Mootummaan Maharaashitraa gama isaatiin seerri haaraan kun namoonni fedhiisaaniirratti hundaa'uun amantaasaanii akka jijjiiratan dandeesisa jedha.
Dabalataan jijjiirraa amantaa humnaan raawwatamufi dabalaa jiru kan seeronni duraan turan dhaabsisuu hindandeenye ni hir'isa jedha.
Haa ta'u malee gaafiin ijoon sararri humna fi filannoo gidduu jiru maali kan jedhu akka ta'e qeeqxonni himu.
"Jijjiirraa amantaa humnaan taasifamu hin deeggarru" kan jedhan Pirezidaantii dhaabbata Hawaasa Dhugaa-barbaadaa Musliimaa kan ta'an Shamsuddin Tamboolii, garuu akkaataan yaadni faayidaan hawwachuu jedhu ija seeraan itti ilaalamu yaaddoo itti ta'uu himu.
Akka seerichaatti "hawwachuun" carraa hojii kennuun qacaruu, dhaabbata amantaatti barnota bilisaa kennuu, waadaa gaa'elaa, "jireenya gaarii" fi "fayyina Waaqaa" ofkeessatti qabata.
Mana Murtii Olaanaa Bombeeyitti abbaa seeraa kan turanfi amma sooramarra kan jiran Abhay Tipsaay, "Hiikaan (hawwachuu) bifa iftoomina hinqabneen kaayame.
Kanaafis nama tokkoof faayidaa kamiyyuu kennuun akka hawwachuutti lakkaa'amuu danda'a" jedhaniiru.