Mojtabaa Kaameenii awwaalcha abbaasaarratti maaliif hin argamne?

Sirna gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii Masjiida Guddicha Imam Khomeini jedhamutti gaggeeffamerratti dubartii boossu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii sirna awwaalchaa abbaasaa irraa hafuun Iraaniif gaddarratti gadda dabaleera.

Aanga'oota olaanoo biyyattii gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii irratti kumaatamaan argaman keessaa Mojtabaa Kaameenii dhabuun miira gaddaa hamaa uumeera.

Ijoolleen Alii Kaameenii kaan- Mas'uud, Musxafaa fi Meyisaam sirna gaggeessaa Dilbata, Adoolessa 5, 2026 raawwaterratti Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan fi hoogganaa Eegdota Warraaqsaa Ahmad Waahiidii waliin argamaniiru.

Mojtabaa Kaameenii Guraandhala 28, 2026 guyyaa US fi Israa'el wal ta'uun Iraan irratti haleellaa banuun hoogganaa olaanaa biyyattii dabalatee aanga'oota mootummaa olaanoo hedduu ajjeesan miidhameera oduun jedhu akkaan tamsa'ee ture.

Erga Bitootessa 8, 2026 hoogganaa olaanaa Iraan ta'uun muudamee maqaasaatiin dhimmoota garaagaraa irratti ibsa barreeffamaan ba'uun alatti qaamaan hawaasatti mul'atee hin beeku Mojtabaa Kaameenii.

Abbaansaa, Alii Kaameenii, bara 1989 irraa hanga Guraandhala darbe lubbuun addunyaa kanarraa darbanitti Rippaablika Islaamaa Iraan bulchaa turan.

Sirni gaggeessaa (awwaalchaa) Alii Kaameenii sadarkaa guutuu biyyaatti kan eegale Jimaata, Adoolessa 3, 2026 kan eegale yoo ta'u, torban guutuu Iraan fi Iraaq keessatti sirnoota adda addaan dabaalamee gaggeeffama.

Sirna awwaalchaa seena qabeessa jaarraa kanaa jechuun kan waaman aanga'oonni Iraan, sirna kanarratti namoonni hanga miliyoona 20 ta'an akka argaman eegu.

Ammaaf reenfi Alii Kaameenii Masjiida Guddicha fi gamoo kabajaa magaalaa Tehraan Grand Mosalla jedhamu keessa jira.

Achitti sirni kadhannaa duree amantii, hayyuu umrii waggaa 97 Jaafar Sobhaanii jedhamaniin durfama.

Hayyuun kun mana barnootaa amantii Islaamaa magaalaa qulqullittii Qom keessatti argamu keessaa barsiisu.

Namoota gadda ibsachuuf Masjiida Guddicha Grand Mosalla jedhamutti walga'an

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ho'i akkaan waan dabaleef namoota gadda ibsachuuf ba'an irratti bishaan firfirfamaa ture

Guyyaan Dilbataa guutummaa Iraanitti guyyaa yaadannoo ta'ee labsameera.

Reenfi Alii Kaameenii Masjiida Guddicha Grand Mosalla keessaa erga baafamee booda Wiixata Adoolessa 6, 2026 sirna gaggeessaa magaalaa Tehraan keessatti itti fufa.

Sirni awwaalchaa kun of eeggannoo cimaan kan qixaa'eedha.

Mojtabaa Kaameenii sirna kanarraa hafuuniyyuu yeroo Iraan tarii Israa'el carraa argatteen hoogganaa kana ajjeesuu dandeessi sodaa jedhu keessa jirtutti kan mudatedha.

Sababa sirna gaggeessaa Alii Kaameenii kanatti US fi Iraan marii waraana dhaabuuf gaggeessaa turan yeroof dhaabaniiru.

Biyyoonni lameen erga waliigaltee walhubannoorra ga'anii booda waraana dhaabuuf marii eegalanis garuu ammallee wal himannaa itti fufaniiru.

Wal qoccoluu hanga tarkaanfii waraanaatti deebi'uutti walitti dhaadachuu hin dhiisne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaan US Axios jedhamu Sambata Adoolessa 4, 2026 Pirezidant Doonald Tiraamp wabeeffachuun akka gabaasetti sababa sirna gaggeessaa kanaaf mariin biyyoota lameenii torban tokkoof dhaabateera.

Tiraamp sirna awwaalchaa Alii Kaameenii kanarratti yaadota falmisiisoo ta'an kenneera.

Wayita aanga'oonni biyyattii olaanoon haala kanaan walga'anitti Waashingitan dhukaasa tokkoon hundasaanii balleessuu dandeessi jechuun Tiraamp dubbachuu Miidiyaan US kun gabaaseera.

Tiraamp ''garuu tarkaanfii akkanaa fudhachuuf hin deemnu. Yoo akkas goone nama waliin mari'annu dhabna waan ta'eef,'' jechuu gabaasi kun eereera.

Pirezidantichi wayita lammiileen Iraan haala kanaan boo'an arguun akka isa ajaa'ibse dubbateera.

Uummanni biyyattii Kaameenii ni jibba jedhee akka yaadaa ture kan dubbate Tiraamp ''tarii imimmaan sobaa ta'uu mala,'' jedhe.

Namoota gaddaaf ba'an keessaa kan taate dubartiin umrii waggaa 50 Zahraa Safaayee ''waggaa 47 dura kan warraaqsa gaggeessineef, gootota kunneen hunda kan dhabneef har'a imimmaan sobaa boo'uuf miti,'' jechuun Tiraampiif deebii kennite.

Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan dabalatee aanga'oonni olaanoo Iraan wayita sirna gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii irratti argaman, Mojtabaa Kaameenii garuu keessa hin jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan dabalatee aanga'oonni olaanoo Iraan wayita sirna gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii irratti argaman, Mojtabaa Kaameenii garuu keessa hin jiru

Gabaasi Asoosheetid Pirees (AP) fi Gaardiyaan (Guardian) sirna Dilbata gaggeeffamerratti namoonni Pirezidantii US Doonaald Tiraampiif du'a hawwaa dhaadannoo dhageessisaa akka turan gabaasan.

Waloo beekamaan biyyattii Mohammaad Rasuulii jedhamu walaloo isaa keessatti ''Tiraampiin galaafachuun dirqama keenya,'' jedhe.

Waloon kun namoota gaddaaf ba'an kaan waliin sagalee olkaasanii ''duuti Ameerikaaf, duuti Israa'eliif,'' kan jedhu dhageessisaa turan.

Namoonni gareedhaan magaalaa Tehraan keessatti ba'an dhaadannoo ''Tiraampiin ajjeesi, Bibi [MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu jechuusaaniiti], haaloo ni baana,'' jechaa turan.

Namoonni gadda ibsachuuf ba'an dhaadannoo faallaa Tiraamp fi Neetaaniyaahuu qabatanii mul'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni gadda ibsachuuf ba'an dhaadannoo faallaa Tiraamp fi Neetaaniyaahuu qabatanii mul'atan

Sirna magaalaa Tehraan irratti qofa namoonni miiliyoona 10 caalan argamaniiru.

Heddumminni namootaa eegumsi akkaan akka cimu taasiseera.

Miidiyaaleen Iraan namoonni baayyachuun walirratti kukkufuun balaaf saaxilamuu danda'u akeekkachiisa jedhu baasaniiru.

Hanga ammaatti namoonni kuma 4 caalan buufataalee fayyaa Grand Mosalla keessaa fi naanna sanatti argaman seenuun wal'aanamaniiru.

Garuu rakkoo mudateen lubbuun namaa darbuun hin gabaafamne.

Yeroo ammaa reenfi Alii Kaameenii firoota waliin lubbuu dhaban kaan afur waliin uummatatti agarsiifamaa jira.

Sirni gaggeessaa Kaameenii Wiixata erga Tehraan keessatti raawwatee booda, Kibxata reenfi gara Qom geeffama.

Isa booda Roobii ammoo iddoo qulqulluu biyya ollaa Iraaq keessatti argamutti darba.

Ergasii Kamisa iddoo dhaloota Kaameenii kan taate magaala kaaba-baha Iraan taate, Mashhad keessatti awwaalchi raawwata.