Loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuurra turan lama hidhattoota Sudaan Kibbaan ajjeefaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Haleellaa ''riphee loltummaa'' hidhattoonni Sudaan Kibbaa raawwataniin loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuurratti bobba'anii turan lama ajjeefamuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibse.

Haleellaa loltoota kunneen irratti qiyyaafate kanaan nagaa eegsistoota sadi dabalatee namoonni torba madaa'uun ibsameera.

Sudaan Kibbaatti miseensota Ergama Nagaa Eegsisuu UN (UNMISS) kan ta'an loltoonni Itoophiyaa kunneen haleellaan isaan ittiin ajjeefaman Wiixata kaleessaa, Hagayya 24, 2026 ture.

Loltoonni kunneen Bulchiinsa Joongilee naannawa ''Paajuut'' jedhamuun beekamu keessa osoo socho'aa jiranii ajjeefaman.

Loltoonni kunneen qaama duula ''rakkoo nageenyaa waggootaaf osoo hin furamin ture'' to'achuuf eegalamee ta'anii kan bobbaafaman ta'uu dubbii himaan UN Isteefan Duujaarik ibseera.

''Hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamneen haleellaan raawwatameera. Haleellaan kun waan loltoota nagaa eegsistoota ta'an irratti xiyyeeffate fakkaata,'' jedhe.

Haleellaa kanaan ''nagaa eegsistoonni lama ajjeefamaniiru. Namoota torba irra ammoo miidhaan ga'eera. Loltoonni ajjeefaman lamaan kan Itoophiyaati,'' jedhe dubbi himaan UN kun.

Kanneen miidhaan irra ga'e keessaa nagaa eegsitoonni sadi lammummaansaanii hin ibsamne.

Kanneen miidhaman kaan garuu eeyummaansaanii ibsameera. Lama poolisoota Sudaan Kibbaa yoo ta'an lama ammoo siiviloota.

Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutereez haleellaa kana balaaleffachuu dubbi himaan kun ibseera.

Guteerez taatee kanaan gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsuun, maatii fi jaallattoota loltoota ajjeefamanii akkasumas uummataa fi mootummaa Itoophiyaaf jajjabina hawweera.

UNMISS gama isaan ibsa addatti baaseen ''haleellaa riphee loltummaa'' raawwatame balaaleffateera.

Nageenya naannawa kanaa eegsisuu fi yeroo balaa tasaa furmaata kennuuf hojii hojjetamu tumsuuf humnoota saffisoo (loltoota) ramaduu ibseera jaarmiyaan kun.

Sudaan Kibbaatti bakka bu'aa UN fi hoogganaa UNMISS kan ta'e Aniitaa Kiikii Geehoo ''haleellaa hamaan haala kanaan nagaa eegsistoota Sudaan Kibbaa irratti raawwatame madaala kamiinuu fudhatama hin qabu,'' jedhe.

UNMISS ibsa baase keessatti haleellaan nagaa eegsistoota UN irratti haala kanaan raawwatamu ''bu'uura seera idiladdunyaan yakka waraanaa'' ta'uu akka danda'u eereera.

Hoogganaan jaarmiyaa kanaa ''qaamoleen dhimmi kun ilaallatu kanneen yakka kana raawwatan akka seeratti dhihaatan qorannoo ariifachiisaa fi gadi fagoo akka gaggeessan dhaamsa koo dhiheesseera,'' jedhe.

Haleellaa loltoota Itoophiyaa ergama nagaa eegisuu irratti bobba'an irratti raawwatame ilaalchisee hanga yoonaa gama mootummaa Itoophiyaan wanti jedhame hin jiru.

Ragan UN akka mul'isutti kan ammaa dabalatee Amajjii as haleellaa hidhattoonni raawwataniin nagaa eegsistoonni Sudaan Kibbaa sagal ajjeefamaniiru.

Itoophiyaan ergama nagaa eegsisuu Sudaan Kibbaaf loltoota 1,300 ta'an gumaachuu ragaan UN bara 2017 baase ni mul'isa