Chaayinaan qondaala matta'aa doolaara mil325 fudhate du'aan adabde

Poolisoota lamaafi Yaang Yooliin dhaddacha dura dhaabbatanii

Madda suuraa, CCTV

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dhaddachi baha Chaayinaatti argamu qondaala bulchiinsa magaalaa waggaa 30 darbe keessatti matta'aa doolaara miiliyoona 325 fudhachuusaatiif du'aan adabe

Yaang Yooliin magaalaa Naanjiing keessatti bara 1993 hanga 2023 gulantaa garagaraan kan tajaajile yoo tahu yakka waliin dhahuu, aangoo akka malee fayyadamuu, daddabarsa maallaqaa seeraan alaan galiin argate yeroo dhihoo asitti isa olaanaa dha jedhameera.

Namni ganna 69 aangoosaa fayyadamuun namoonni kontiraata ijaarsaa akka argatan gochuu, lafa daddabarsuufi gatii itti baasuun geeddaraasaan ammoo maallaqaafi waantota gatii jabeessa tahan fudhataa tureera jedhe miidiyaan mootummaa.

Yaang tarkaanfii Pireezidnat Shii Jiinpiing malaammaltummaa irratti fudhataa jiranii n qoratame. Tarkaanfiin fudhatamaa jiru kuni waraana, baankiifi seektaroota kaan ni dabalata.

Yaang yeroo hojiisaa baayyee Naanjiing keessatti diinagdeefi misooma teeknolojii irratti dabarse. Yakki raawwate ''akkaan jabaa'' fi ''uummataafi mootummaa irratti kasaaraa guddaa geessise,'' jedhe dhaddachi Chaangshuu ibsa Wiixata baaseen

Pireezidant Shii Jiinpiing gara aangootti erga dhufanii tarkaanfii farra malaammaltummaa jajjabaa kan fudhatan yoo tahu warri isaan qeeqan ammoo adeemsa ittiin mormitoota siyaasaa ittiin cal jechisiisanidha jedhe.

Nama yakka maallaqaa waliin wal-qabatu dalage du'aan adabuun kan hin baratamne dha. Tahus yeroo qarshiin yakkaan argame mallaqa Chaayinaa Yuwaan biiliyoona tokko darbe du'aan adabsiisiuu danda'a.

Fakkeenyaaf hogganaan faayinaansii Chaayinaa Laayi Shiyoomin waggaa 10 keessatti matta'aa yuwaan biiliyoona 1.8 fudhachuun balleessaa jedhamee bara 2021 du'aan adabameera.

Lii Jiyaanpiing qondaalli biyya keessaa Mongoliyaa yuwaanii biiliyoona 3 waliindhauuufi matta'aan argachuun du'aan adabameera.

Yeroo baayyee garuu dhaddachi yoo murtii du'aa hin dabarsine hidhaa umrii guutuun adaba.

Kana malees namni himatame kanneen yakka wal-fakkaataa dalagan yoo saaxile murtiin ni salphataaf.

Yaang qondaalota biroos kan gargaare tahullee balleessaan isaa garuu ''adabbiin akka isaaf salphatu waan godhu hin qabu,'' jedhe dhaddachi.

Yaang waan balleessaa ittiin jedhame hunda amanee ''jecha isaa dhumaan gaabbii agarsiisuu,'' miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.