Mootummaan federaalaa Tigraayitti 'mootummaan imaanaa' hundeeffamuu beeksise

MM Abiy Ahmadiifi qondaalota mootummaa imaanaa gaggeessuuf muudaman shanan
Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Teewodiroos Aragaayi, Birgaadeer Jeneraal Gabra Igzaabeer Bayyanaa, Shishaay, MM Abiy Ahmad, Obbo Asaffaa Abrahaa Hagoos fi Obbo Raddaa'i Halafoom ⁠
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mootummaan federaalaa waraanni torbanoota sadan darban Tigraayitti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsuun naannichatti 'Mootummaa Immaanaa' hundeessuu beeksise.

Waajjirri Ministiira Muummee ibsa har'a, Onkoloolessa 16 baaseen akkaataa dambii Mana Maree Federeeshiniitiin naannoo Tigraayitti Mootummaan Imaanaa hunda'uu ibse.

Bifuma kanaan Mootummaan Imaanaa ji'oota jahaaf naannoo Tigraay bulcha jedhameera.

Waliigaltee Piritooriyaa booda Tigraay Bulchiinsa Yeroon bulaa kan turte yoo ta'u, bara darberraa kaasee TPLF mootummaa cehuumsaa aangorraa buusun bulchiinsa waraana Tigraay dura ture iddootti deebisuun naannicha ofii bulchaa ture.

TPLF naannicha dhuunfachuu hordofee muddamni mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti hammaachuun gara waraanatti cehe. Torbanoota sadan darbaniif Tigraayitti waraanni gaggeeffamaa erga tureen booda, Raayyaan Ittisaa naannicha to'achuu hordofee mootummaan federaalaa 'Mootummaa Imaanaa' hundeessuu beeksise.

Waajjirri Ministiira Muummee ibsa har'a baaseen, Mootummaan Imaanaa ji'oota jahaan dhufaniif Tigraay bulchu hoji raawwachiistota shan kan of keessaa qabu yoo ta'u, Obbo Abrahaa Hagoos Hoji Raawwachiisaa Bulchiinsafi Tajaajila Uummataa ta'uun muudamaniiru.

Dr. Aragaay Walda Tinsaa'ee ammoo Hoji Raawwachiisaa Dhimmoota Diinagdeefi Deebisanii ijaaruu ta'uun yoo muudaman, Birgaadeer Jeneraal Gabra Igzaaber Bayanaa Hoji Rawwaachiisaa Dhimmoota Nageenyaa Tigraay ta'uun muudamaniiru.

Obo Radaa'i Halafoom Hoji Raawwachiisaa Siyaasaafi Ijaarsa Uummataa yoo ta'an, Dr. Shishaay Amaaraa ammoo Kantiibaa Magaalaa Maqalee ta'uun ji'oota jahaan dhufaniif akka tajaajilaniif muudamaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Namoonni shanan Mootummaa Imaanaa Tigraay ji'a jahaaf akka gaggeessaniif muudaman kunneen, naannichatti mootummaan uummataan filame hanga hundaa'utti qajeelfamaafi kallattii mootummaa federaalaa irraa kennamuun naannicha bulchu jedhameera.

Waajjirri Ministiira Muummee ibsa har'a baase kanaan, waraanni naannoo Tigraay keessatti torbanoota darbaniif gaggeeffamaa ture "injifatamuu TPLFtiin xumurameera" jedhe.

"Gaggeessitoonni TPLF nagaa hin barbaanne marsaa arfaffaaf waraana balaafamaa eegalan injifatamuu TPLFtiin xumurameera" jedha ibsichi.

Mootummaan Imaanaa Tigraayitti hundaa'e hojiiwwan ijoo akka hojjatuuf itti kennaman: naannichatti tasgabbii buusuu, caasaalee mootummaa diigaman hatattamaan iddootti deebisuu, bu'uuraalee misoomaa sababa waraanaan miidhaman suphuun hatattamaan tajaajilatti deebisuu kanneen jedhan warra ijoodha.

Dabalataanis, yeroo ji'a jahaa keessatti namoonni qe'eerraa buqqa'an qe'eetti deebisuu, tajaajilawwan hawaasaa naannicha keessatti adda citan akka itti fufan gochuunis hojii mootummaa haaraa hundaa'eti.

Tigraayitti haalli siyaasaa tasgabbaa'aa ta'e uumamee ji'a jaha keessatti "filannoon haqaafi bilisaa" gaggeeffamee Tigraay qaama federeeshinii akka taatu haala mijeessunis itti gaafatamummaawwan Mootummaa Imaanaa naannichaa keessaa tokkoodha.

Humnoonni nageenyaa federaalaafi naannoo Tigraay waliin ta'uun, naannodhaa hanga gandaatti haalli naga qabeessi tasgabbii qabu akka jiraatuuf, hidhattoonni hidhannoo hiikkatanii jireenya idileetti akka deebi'aniifi tasgabbaa'aniif haala mijeessuun akkasumas Tigraayitti caasaa nageenyaa haaraa hundeessuunis akka irraa eegamu Waajjira Ministiira Muummee ibseera.

Gorsaan dhimmoota Siyaasaa gaanfa Afrikaa obbo Getaachoo Raddaa torban tokko dura, naannoo Tigraayitti Komaandipostiin akka hundaa'u dubbatanii turan.

Kana hordofees dhaabbileen siyaasaa mormituu lama karoora obbo Getaachoon ibsan kana mormuun ibsa baasuun ni yaadatama.

Dubbi himaan dhaaba Salsay Wayyaanee yaada BBC'f keenneen naanichatti bulchiinsi yeroo ce'umsaa qaamolee siyaasaa hunda haala hirmaachiseen ijaaruun furmaata akka ta'u ibsan.

Hanga mootummaan ummataan filatame hundaa'utti qaama ce'uumsaa dhabbilee siyaasaa hunda hamaate ijaaruu malee komaandi postiin rakkoo hammeessu malee furmaata hin fiduu jechuun falman.