Wiigiifi hiwuumaan heeriin keemikaallii kaansarii harmaan hidhata qabu keessatti argame

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa maratti wiigiifi hiwuumaan heeriin rifeensatti gudunfamu kaansarii harmaa, jeeqamuu hormoonii akkasumas fayyaa wal-hormaataa irratti keemikaalota miidhaa qaban qabaachuu qorannoon agarsiise.
Qorannoon bal'inaaniifi addatti taasifame kanaan qorattoonni wiigiiwwan kunneen irratti keemikaalota miidhaa qaban 50 argataniiru.
Keemikaalonni kunneen wiigiifi hiwumaan heerii rifeensa irratti dhahamu, keewwatamuufi hodhamu hunda irratti argamuusaa qorattoonni kunneen himaniiru.
Bu'aan qorannoo kanaa joornaalii Ameerican Chemical Society jedhamu irratti kan maxxanfame yoo tahu induustiriin doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu sochoosu kuni to'annoofi fayyadamtootaaf iftoomina akka qabaatu waamicha dhiyeesseera.
Qorannoo kana kan geggeessan Alishiyaa Firaankiliin ''oomishoota keemikaalota balaa qabanirraa bilisa tahan tolchuuf warshaaleen ulaagaa hin gaafanne akka jiraatan amanna,'' jedhan.
Wiigiinis tahe oomishooti mataarra keewwataman yeroo dheeraaf waan turaniifi gogaa qaamaatti waan maxxananiif balaa qabu. Haalli kuni yeroo dheeraa keessatti rakkoo fayyaa fida.
''Wiigiin rifeensa dheeressu gogaatti maxxaneetu keewwatama,'' kan jedhan Aliishaan, ''torbee dheeraafis gogaa mataafi mormatti maxxanee turuun,'' balaa qabu agarsiisuu yaalaniiru.
Keemikaalota balaa qaban
Gabaan wiigii addunyaa bara 2028tti doolaara Ameerikaa biiliyoona 14 ol akka sochoosu tilmaamameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoonni hedduun bareedinaaf yookaan faashiniif wiigiin rifeensa isaanii dhahatu. Garuu qorannoon kuni akka agarsiisutti, dubartooti gurraacha garuu jiruu salphifachuu jecha keewwatu.
Rifeensi namtolchee (synthetic hair) doolaara 20 qofa bitamuu danda'a. Rifeensi namaa (human hair) qulqullina olaanaa qabu garuu doolaara kumaan lakkaa'amu baasuu mala.
Saayintistoonni kunneen qorannoo isaanii keessatti saamuda 43 sakatta'uun keemikaalota 170 argataniiru.
Keemikaala tokko irratti qofa xiyyeeffachuu mannaa, mala keemikaalota garagaraa adda baasuu danda'u fayyadamuu isaaniis ibsaniiru.
Keemikaalota kunneen keessaa 48 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbilee keemikaalaa Awurooppaan tarree "balaa qabu" jedhamu jalatti ramadamaniiru.
Alishaan akka jedhanitti, "keemikaalota rifeensi ibidda akka hin qabanneef gargaaran irraa kaasee hanga qoricha farra ilbiisotaa, keemikaalli hormoonii jeequu fi fayyaa hormaataa miidhu, akkasumas umurii pilaastikii dheeressuuf fayyadan (phthalates) wiigiiwwan kunneen keessatti argamaniiru."
Samuuda wiigii fi rifeensa namaa(hiwumaan heer) 36 keessatti keemikaalonni 17 kaanserii harmaan hidhata qaban argamaniiru.
Samuuda kunneen keessaa dhibbeentaa 10 kan ta'an ammoo pilaastikii ibidda dandamatu tolchuuf bulbula (organotin compounds) jedhamaniifi balaa qaban of keessaa qabu.
Saayintistoonni keemikaalota orgaanootiin jedhaman, kan yeroo baay'ee oomishaalee bittuu keessatti hin argamne argachuu isaaniin dinqamaniiru.
Keemikaalonni kunneen gogaa rifachiisuufi hormoonii jeequu akka danda'an beekama. Kana jechuun hormooniiwwan dalagaa qaamaa hedduu to'atan jeequ, kunis hormaataafi guddina waliin hidhata qaba.
Keemikaalota baay'inaan wiigiiwwan kunneen keessatti argaman keessaa feenooliin (phenol) muka meeshaa tahuuf soofame walitti maxxansuuf, akkasumas pilaastikii diriirsuuf fi dadachaasuuf keemikaalonni gargaaran garummoo qamaaf miidhaa qaban keessatti argamaniiru.
Qorattoonni akka jedhanitti, keemikaalonni kunneen kaansarii harmaa fiduu akka danda'an kan beekamu yoo tahu; yeroo dheeraaf itti saaxilamuun immoo carraa kaanserii harmaan qabamuu ni dabala.
Hiwumaan heeriin keemikaalarraa bilisaa?

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoowwan kanaan dura godhaman, rifeensa nam-tolchee irratti yoo tahu sibiilota balaa qaban of keessaa qabaachuus mirkaneessaniiru.
Haatahu malee qorannoon miilanaa saamuda rifeensaa isa nam-tolchee waliin makameefi hin makamne 11 sakatta'eera.
Gosooti rifeensaa raw fi virgin jedhaman keemikaala irraa bilisa jedhamuun gatii qaaliin gurguramu. Kanneen raw jedhaman warshaa kan hin seenneefi kallattiin rifeensa namaa irraa haadamanii ykn muramanii gurguramu.
Tahus akka qorannoon kuni jedhutti rifeensi raw ykn virgin jedhamuun gurguramu isa kan nam-tolchee caalaa keemikaala balaa qabu qabatee argameera. Kunneen keessaa baayyeen hormoonii namaa geeddaruu ykn jeequ.
Institiyuutii Saayileent Ispiriingitti sababoota kaansarii harmaa kan qo'atan Alishiyaan ''rifeensi namarra muramee waan argameef qofa isa namtolchee caala fayyaalessa tahuu dhiisuu mala,'' jedhan.
''Rifeensa nam-tolchee keessatti keemikaala balaa qabu tokko yoo arganne isa kan uumamaa jedhamu keessatti torba fa'a argachuu dandeenya,'' jechuun ibsaniiru.
Keemikaalonni rifeensa uumamaa jedhamu keessatti argaman rifeensicha miidhagsuuf ykn akka yeroo dheeraa turu gochuuf yeroo warshaa seenu saaxilamuu mala jedhan.
Qorannoon kuni hamma keemikaalota balaa qaban kanaa sakatta'uu baatus hormooniin qaama namaa jeeqamuuf hammi bicuu taheyyuu gahaa dha jedhu Alishaan.
Qorattoonni kunneen dhimmi isaan yaaddesse ooomisha dhiyaatu irratti keemikaalli keessa jiru ifatti kan hin barreefamne tahuusaati.
Alishaan ''miidhagaaf jecha oomishoota fayyadamnu keessa keemikaalonni balaa qaban sababiin hin jiraanneef hin jiru. Keemikaalota guyya guyyaan irraa hafuu hin dandeenyeef saaxilamneerra.
Wiigiin baayyeen bishaan ho'aa keessatti akka cuubamu godhama, kuni aara summaa'aa akka baasan gochuu danda'a. Garuu keemikaalonni kunneen deebi'anii karaa afaaniifi funyaaniin qaamatti seenuu danda'u.
Tuttuqqaa gogaan gara qaamaatti seenuu waan danda'aniif ogeessota rifeensa miidhagsanillee miidhuu malu.
Namoonni gariin sababa wiigii fayyadamaniif gogaan isaanii ni hoqsisa, mormaafi fuularratti shifiifi dhiitoon itta bahuun dabalataan rakkoon sirna hargansuu akka isaan mudate dubbatu.
Wiigiifi hiwumaan heerii akkamiin fayyadamna?

Madda suuraa, Getty Images
Wiigiifi hiwumaan heerii haala keemikaala irraa bilisa taheen malli mirkanaa'aa itti fayyadaman hin jiru. Tarkaanfiiwwan saaxilama hir'isuuf hojjetan jiraatanillee amansiisoo tahuu dhiisuu malu jechuun qorannoon kuni eeree jira.
Fakkeenyaaf rifeensa ittiin dhahachuun dura dhangalaa'aa dhangaggooftuun micuun hangam balaa kana akka hir'isu waan mirkanaa'e hin jiru.
Saamuuda wiigii sakatta'aman 43 keessaa lama qofaatu keemikaalota kunneen irraa bilisa tahee argame.
Gosti lameen kunneen ''waan summaa'aa irraa bilisa,'' jedhamanis Alishaan haalli akkasii mirkana dogoggoraa akka hin kennineef sodaa qabu.
''Ibsa 'keemikaala of keessaa qabu hin qabu' jedhu, kanaaaf to'annoon waan hin jirreef eenyuyyuu irratti maxxansuu danda'a, haala kanaan gaafatamummaan hin jiraatu,'' jedhan.
UK keessatti keemikaalota kaansarii fiduu malan irratti bara 2026 baatii Hagayyaa kaasee seerri to'annoo jabaan hojiirra oola jedhamee eegama.
Haa tahu malee rifeensi bittaa kuni ramaddii oomishaalee miidhaginaa(cosmotics) jedhamu keessatti waan hin ramadamneef sakatta'insi irratti adeemsifamuu dhiisuu mala.
Kanaan dura halluun rifeensatti dibamu kaansarii harmaaf akka saaxilu adda baafamee ture. Tahus oomishaaleen rifeens ittiin dheerrafatan kunneen akka oomisha miidhaginaatti waan hin ilaalamneef sakatta'insi irratti hin taasifamu.
UK'tti hojii geggeessituun federeeshinii rifeensaafi miidhaginaa Kaarolaayiin Laariisee ''danbiin kuni kan hojiirra oolu oomishni sirnaan yoo ramadameefi yeroo biyyatti galu akkasumas iddoo gurguramutti yoo hojiirra oole qofa dha,'' jedhu.
''Dhimmi kuni qaawwa sirriifi furmaata akka barbaadu qorannon kuni mirkaneesseera,'' jedhan.
Bara 2016tti BBC'n qorannoo dalageen oomishi rifeensaa baayyeen ibsa sirrii hin taane ofirraa qaba.
Oomishtoonni bittuun rifeensa bitan fudhachuu dura qulqullina akka qabu akka mirkaneessan akeekkachisu garuu akka Alishaan jedhanitti kuni itti gaafatamummaa fayyadamtootaa miti.
''Otoo gabaa irratti hin hdiyaannee yoomiyyuu filachuun nurraa hin eegamu ture,'' jechuun falmu.










![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

