Maqalee dirqamee keessaa ba'eetti kan deebiye Obbo Getaachoo Raddaa maal jedhe?

Obbo getaachoo Raddaa
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo getaachoo Raddaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hoggantoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Maqalee dabalatee magaalota Tigraay hedduu keessaa erga bahanii booda naannichi Komaand Postii mootummaa Federaala jala akka turuu fi Tigraay keessatti filannoon akka gaggeeffamu Obbo Getaachoo Raddaa himeera.

Pirezidantii duraanii naannoo Tigraay kan turee fi yeroo ammaa ammoo Gorsaa Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee Abiy Ahimad kan ta'e Obbo Getaachoon kana kan dubbate miidiyaa TBS jedhame waliin gaaffii fi deebii Tigirinyaan taasiseenidha.

Obbo Getaachoo Raddaa aangoorratti atakaaroo qondaalota TPLF gidduutti dalateen magaalaa Maqaleetii dirqamee erga bahee waggaa tokkoofi walakkaa booda naannichatti kan deebiye yoo ta'u, wayita Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa qaqqabetti ummanne bahee miira ho'aan simateera.

Humnoonni TPLF, Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa kan Maqaleetti argamuu fi kan biroo lama naannicha keessaa to'atanii ture.

Obbo Getaachoon humnoonni mootummaa Federaalaa fi Humnoonni Nagaa Tigraay (TPF) Maqalee dabalatee magaalota hedduu naannichaa to'atanii booda balaliin gara Maqaleetti guyyaa jalqabaa taasifameen deeme.

Naannoo Tigraay Waliigaltee Tigraay booda bulchiinsa yeroo ce'umsaatiin bulaa kan turte yoo ta'u, bara darbe ji'a Ebla as garuu aanga'oonni TPLF bulchiinsa yeroo ce'umsaa kaasuudhaan bulchiinsa waraana dura ture gara aangootti deebisuun isaanii ni yaadatama.

Kanarraa ka'uun muddamni mootummaa Federaalaa fi hoggantoota TPLF gidduu ji'oota ja'aaf ture gara waraanaatti ce'ee Raayyaan Ittisa Biyyaa fi michuu isaa kan ta'e humni TPF naannoo Tigraay harka caalu to'achaa jiru.

Obbo Getaachoon Komaand Postii (Wiirtuu Ajajaa) hundaa'ee naannicha bulcha jedhe itti gaafatamni isaa inni guddaan, "Tigraay seeraan akka bultu gochuu, nageenya eegisuuf, akkasumas hojiiwwan naannicha deebisanii cimsuuf garfgaaran raawwachuufidha," jedhe.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Nageenya naannichaas Raayyaa Ittisa Biyyaa Mootummaa Federaalaa fi Humnoota Nagaa Tigraay waliin ta'uun kan hojjetan yoo ta'u, naannoowwan humnoonni kunneen to'atan keessas gargaarsi namoomaas akka dhiyaatu ibseera.

Jiraattonni Tigraay Lixaa bakkeewwan nqannoo Amaaraa waliin irratti wal falmanirraa buqqa'anis gara mana isaaniitti akka deebiyanis beeksiseera Obbo Getaachoon itti dabaluun.

Obbo Getaachoon, kanaan booda naannoon Tigraay Komaand Postii mootummaan Federaalaa huneessuun kan gaggeeffamuu fi ji'a ja'a booda ammoo naannicha keessatti filannoon gaggeeffamee bulchiinsi ummataan filatamu aangoo akka fudhatu eereera.

Biyyattii keessatti dhimma filannoo kan hoogganu Boordii FIlannoo Biyyaalessaatiin filannoowwan biyyaaleessaa fi naannoo lama kan keessatti hin gaggeeffamiin hafe naannoo Tigraay keessatti filannoo ji'a ja'a booda gaggeeffamu Boordiin Filannoo kun akka gaggeessu dubbateera.

Obbo Getaachoon hoggantoota TPLF warra akka waraanni irra deebiyee Tigraay keessatti akka ka'u godhanii fi gocha yakka raawwataniin itti gaafatamaniin ala miseensonni TPLF Tigraayiin deebisanii ijaaruu keessatti hirmaachuu ni danda'u jedheera.

Hoggantoonni TPLF yeroo ammaa kana bakka Ertiraa waliin wal daangessu Laga Marabitti dhiyoo akka jiran kan eere Obbo Getaachoon, kanaan booda gara naanicha bulchuutti akka hin deebine dubbateera.

Torban sadii dura Tigraay gama naannolee Amaaraa fi Affaar waliin wal daangessutti waraanni jalqabamuun isaa ni yaadatama.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Fulbaana 23 Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqaleetti argamu to'achuu booda balalii gara Tigraay ''yeroof adda kutuu'' ture har'a wayita deebiyee jalqabatte Obbo Getaachoo Raddaa dabalatee aanga'oonni mootummaa Federaalaa gara naannichaatti imalaniiru.

Qondaalonni Humna Nagaa Tigraayillee akkuma kana balalii jalqabaa kanaan Maqalee galaniiru. .