'Hojjetaan mootummaa akkamiin dubartoonni 200 ol akka of irratti fincaa'an godhe?

Anaayis de Voos bunni Negree isheef kenne summeeffameera jettee shakkiti
Ibsa waa'ee suuraa, Anaayis de Voos bunni Negree isheef kenne summeeffameera jettee shakkiti
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

"Baay'ee dadhabeen ture. Miillikoo waan hadoodeef natti dhagahamaa hin turre" jetti Anaayis Vos. "Nan sodaadhe. Waan ta'aa jirus hinbeekun ture."

Hojii qacaramuuf deemtee ofirratti fincoofte. Maaltu mudate?

Sagantaan keenya Isheen Eenyuu har'aa as irratti xiyyeeffata.

Yeroonsaa Adoolessa bara 2011, iddoonsaammoo magaalaa Paaris keessa ture. Waqtii sanatti shamarree ganna 27 kan turte Anaayis Vos, Ministeera Aadaa keessatti qacaramuuf af-gaafiin godhamaafii ture.

Shamarreen tun buna baay'inaan hindhugdu. Garuummoo namni af-gaafii gochaafi jiru, hojjetaan mootummaa sadarkaa olaanaarra jirufi Kiristiyaan Neegree jedhamu buna akka dhugdu ishee affeere. Isheenis kabaja agarsiisuuf jecha bunicha dhugde.

"Bunicha ofiif qopheesse" jechuun BBC Giloobaal Wuumenitti kan himte Anaayis, "dhandhamnisaa badaa ture... kanaafuu walakkaasaa qofan dhuge" jetti.

Walgahiin jara lamaanii waajjira keessatti eegalus daqiiqaawwan muraasa booda garuu Neegreen gara alaa akka bahan Anaayisiif yaada dhiyeesse.

Gadi bahanii daandiiwwan Paarisirra deemaa osoo jiranuu Anaayis miirri ibsamuu hindandeenye itti dhagahamuu eegale, fedhiin fincaan fincaa'uu isheen to'achuu hindandeenyes itti dhagahamuu eegale.

Wayita kana hatattamaan mana fincaanii deemuu akka barbaaddu Neegreetti akka himtes dubatiin tun dubbatti.

"Ija keessa na ilaalee 'oh, fincaa'uu barbaaddaa?' nan jedhe. Akkan daa'ima ta'etti natti dhagahame. Akkatti inni itti na ilaale sirrii natti hinfakkaatu, waan gammade fakkaata" jetti.

Itti aansunis gara balbala mana kuusaa riiqicha Laga Siin jalatti argamutti ishee geessuun, "Asitti fincaa'uu dandeessa" akka jedheen himti.

Amma Anaayis dubartoota 250'tti siiqanfi Neegreen bara 2009 fi 2018 gidduutti isaan to'achuuf yookiin akka isaaf ajajaman gochuuf qoricha nama adoochu akka itti kenne amanan keessaa ishee tokkodha.

"Rifachuun eegale. Wayita gara kutichaa dhiibee na galchuufi balbala natti cufu yaadaan natti mul'ate" kan jettu Anaayis, gara kutichaa seenuu diduun akka deeman itti himuu dubbatti.

Itti aansuunis mana fincaanii god-hambaa Louvre keessatti argamutti fayyadamuuf garas deemanis kaffaltii yuuroo tokko gaafatamte. Haa ta'u malee Anaayis korojooshee waajjira ministeera aadaa keessatti dhiistee dhufte, Neegreenis maallaqa callaa (kaashii) hoomaa akka hinqabne itti hime.

Fedhiin fincaaniishee akka malee ishee muddaa kan jiru Anaayis dhukkubbiinis itti dhagahamaa ture. Haala kana keessa osoo jirtuu kaaffee mana fincaanii akka fayyadamtu heeyyameef tokko argatte.

Haa ta'u malee "yeroo sanatti qaamnikoo baay'ee dadhabee ture" kan jettu Anaayis, wayita mana fincaanichaatti dhiyaattu fincaanshee to'achuu dadhabde, ofirrattis fincoofte.

Taatee bara 2011 kana duubatti deebitee yemmuu yaadattu yoo xiqqaate yemmuu ofirratti fincooftu Neegreen ishee arguu dhabuunsaa mijaa'ina hanga tokko akka kennuuf himti.

"Guyyaa sana qamisii uffachuukoo nan galateeffadha" kan jettu Anaayis, uffatichi wanta uumame akka dhokseef himti.

Kana malees Neegree walin sa'aatiiwwan sadi dabarsuushee kan himtu dubartiin tun, "mataan na naanna'eefi baay'ee dadhabeen ture" jetti.

Wanta guyyichatti ishee mudate baruun kan itti ulfaate Anaayis, hojii qacaramuuf dorgomte hin arganne, Neegrees ni shakkite. Muddannichis ofitti amantummaashee akka miidhe himti.

Bara 2019 keessa poolisiirraa xalayaan kan ishee qaqqabe Anaayis, dubartoota 200 ta'anfi Neegreen af-gaafii qacarrii hojiirratti qorichaan akka adoochee shakkame keessaa tokko ta'uunshee itti himame.

"Nan rifadhe. Garuummoo guyyaa sana waa uumamera kanan jedhe lafaa ka'ee akka hintaane baruu kootti nan gammade. Guyyaa sana waa uumamee ture" jetti.

Dubartoonni 250 tahan hojjetaa mootummaa Faransaay Neegree jedhamu bara 2009 hanga 2018 nu summeesse jechuun himatan

Madda suuraa, Grand Est Region & Bas-Rhin Prefect

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni 250 tahan hojjetaa mootummaa Faransaay Neegree jedhamu bara 2009 hanga 2018 nu summeesse jechuun himatan

Ergasii as dubartoonni heddu hojjetaa kanaan balleessaan nurratti raawwatameera jechuun as bahaniiru.

Poolisiinis Faransaay, Neegreen dubartoota kunneenif qoricha qaamni namaa fincaan baay'inaan akka omishu taasisu dhoksaadhaan kenneera jedhee amana. Qorichi kun dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa to'achuuf faayidaarra kan oolu yemmuu ta'u, qaamni fincaan baay'inaan akka omishu kan taasisudha.

Anaayis fi Nègre gara Louvre deemuun tajaajila hawwaasaa argadha jettee yaaddee turte

Madda suuraa, Mohammed Badra/EPA/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Anaayis fi Nègre gara Louvre deemuun tajaajila hawwaasaa argadha jettee yaaddee turte

'Yaalii P'

Poolisoonni maqaashee tarree miidhamtoota Neegreen kompiitarasaa keessatti galmeeffatee qaburraa arganii akka ishee qunnaman Anaayis dubbatti. Dokumantiin tarree maqaa miidhamtoota kunneenii qabatee jirus maqaa 'Yaaliiwwan P' jedhu kan qabudha.

Dokumantiin kun yeroo dubartoonni af-gaafichaaf waajjira ministeerichaa itti gahan odeeffannoowwan, yeroo qorichi fincaan baay'inaan akka omishamu taasisu itti kenname, fincaan fincaa'uun dura yeroo hagamiif akka turanfi uffata keessoo dubartoonni kunneen uffatanii turan ofkeessaa qaba.

Ammarra taatee yaadaan duubatti deebitee yemmuu yaadattu dhandhamni badaan bunicha keessa jiru dhandhama qorichichaa akka ta'e Anaayis himti.

Qorannoon Neegree irratti taasifamu bara 2018 keessa kan eegale yemmuu ta'u, kunis wayita dubartii af-gaafii gochaafii ture minjaala jalaan suuraa kaasu waahila isaatiin harkaaf harkatti qabamuusaa hordofee ture.

Itti aansunis jalqaba gahee hojiisaa daayrektara dhimmoota aadaa naannoo irraa kan ittifame yemmuu ta'u, bara 2019 keessammoo guutummaatti hojiirraa ari'ameera.

Abbaan Alangaa akka jedhutti Neegreen bara 2018 keessa, wayita af-gaafii godhutti dubartootarratti 'gochaa qaanessaa raawwachuusaa' qorattootatti himeera.

Yeroo ammaa maanguddoo umrii waggaa 60 olii kan ta'e shakkamaan kun himatawwan: namoonni osoo hinbeekin qoricha kennuu, icciitii dhuunfaa sarbuufi haleellaa saalaa jedhanin qoratamaa jira.

Himannaawwan oduu kana keessatti irratti dhiyaatan ilaalchisee BBC'n gama abukaatoosaatiin yaada Neegree kan gaafate yemmuu ta'u, yaada kennuurraa of qusateera.

Dubartiin isheen biroon barreeffama yaadannoo Neegree keessatti maqaanshee eerame Meerii-Heelen yemmuu taatu, bara 2016 keessa magaalaa Staasbarg keessatti Ministeera Aadaa keessatti hojjechaa wayita turetti af-gaafii taasiseef.

Shakkamaan kun Neegreen kan dhidhiphatte akka fakkaatttu itti himuun 'dhiphinashee tasgabbeessuuf' deemsa lafoof akka ishee affeere dubbatti.

Haa ta'u malee osuma lafoo deemanuu Meerii-Heelen akkuma Anaayis miirri fincaanii cimaan itti dhagahamuufi ishee dhukkubuu akka eegale dubbatti.

Dabaluunis Neegreen manni fincaanii ummataa inni beeku dhiyeenyatti jiraachuusaa akka itti hime, garuummoo wayita iddicha gahan manni fincaanii akka hinjirre himti.

"Akka malee dararamuun eegale... hanga qaamnikoo diimatee imimmaan ija keessaa na yaa'utti nadhukkubaa ture" jetti.

Muddama kana keessa filannoo kan dhabde Meerii-Heelen hurufuma keessa fincaa'uuf dirqamuushee himti. Neegreenis jaakkettiisaatiin ishee dhoksuuf yaada dhiyeessuusaa dubbatti.

"Akka maleen qaana'e. Ijasaa narraa kaasuu dide" kan jettu dubartiin tun, miirri qaanii waggootaaf irra turuu himti.

Akkuma Anaayis miidhamtuu akka taate poolisiidhaan kan itti himame Meerii-Heelen, "waan naasuu guddaa natti uume ture" jetti.

Qorichaan nama to'achuu (chemical submission)

Gochaan irratti raawwatame gaaga'ama xinsammuun dabalataan rakkoo fincaaniin walqabatuuf ishee saaxiluu Meerii-Heelen himti.

Gochaan irratti raawwatame hiikaa namoonni haleellaa saalaaf qabaniin walfakkaachuu dhiisuu akka malu kan himtu dubartiin tun, "haleellaan narratti raawwatameera, akkan machaa'u taasifameera, summiin naaf kennameera, kanaaf gochichi anaaf ifaan ifatti haleellaa saalaati" jetteerti.

Faransaay keessatti dhimmi qorichatti fayyadamuun nama to'achuu (chemical submission) xiyyeeffannoo argachaa kan dhufe dhimmichi miseensa paarlaamaa Faransaay kan ta'an Saandiriin Jossonin ka'uu erga jalqabee boodadha.

Miseensi paarlaamaa tun senaatarri Faransaay Jo'el Guerriau, yakka haleellaa saalaa raawwachuuf jecha qoricha nama si'eessufi namoonni namoota birootti akka siiqan taasisu (ecstasy) dhugaatiisheerratti naquun balleessaa erga jedhamee booda dhimmicharratti duulawwan garagaraa taasisuu eegalte.

Kana malees Faransaay waggoota dheeraaf dubartoota fedhiisaanii malee araada yookiin qorichaan akka machaa'an taasifaman gama deeggaruutiinfi kunneen balleessaa raawwatan seeratti gama dhiyeessuutiin hanga barbaadamu hojjechaa hinturre jechuunis komatti.

Kana malees sagantaa yaalii dubartoonni araadaan akka of wallaalan taasifamuusaanii shakkan poolisiitti iyaachuun osoo isaan hinbarbaachisin samuuda dhiiga, fincaan yookiin rifeensasaanii qorannoof laboraatoorii akka geessan dandeesisus eegalchiisterti.

"Namoonni sochii eegalaniiru, kunneen miidhaman as bahanii iyyachaa jiru, kunimmoo barbaachisaadha" jechuunis BBC'tti himteerti.

Haa ta'u malee hanqinawwanis ni jiru. Sababnisaas namni tokko araada yookiin qorichaan adoochamnaan hatattamaan samuudni yoo fudhatame malee yeroo booda qorichichi samuuda dhiigafi fincaan keessatti hinmul'atu.

Miseensi Paarlaamaa Saandriin Joossoo keemikaalaan harka kennachiisuun kun akka dhaabbatuuf duula kana dursaa jirti
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensi Paarlaamaa Saandriin Joossoo keemikaalaan harka kennachiisuun kun akka dhaabbatuuf duula kana dursaa jirti

Gama biraatiin Anaayis, Neegree walin erga wal agartee waggoonni 15, poolisii walin erga haasofteemmoo waggoonni torba darbaniiru. Haa ta'u malee dhimmi Neegree mana murtii bira gahuuf yeroo dheeraa fudhachuusaatiin dhimmichatti abdii dhabaa jirti.

Dhaabbanni mirga dubartootaaf falmu akkasumas dubartoota Neegreen miidhaman 30 deeggaraa jiru Faawundeeshin des Femmes akka himutti Neegreen gahee hojii humna namaarratti hojjechuu itti fufeera.

Yeroo ammaa ga'eettii ganna 42 kan taate Anaayis, "wanti hundi nama jeeqa, haala qabiinsa keenyaanis aareen jira" jetti.

Poolisii walin yeroo jalqabaaf bara 2019 haasa'uushee kan himtu Anaayis, ergasii booda irra deddeebiin imeelii itti barreessitus hanga bara 2023'tti waa'ee dhimmichaa odeeffannoo hoomaa akka hindhageenye himti.

"Miidhamtuu ta'uukoo osoon beekuu waggoota afuriif kophaakoon ture. Wantan gochuu qabu hinbeekun ture. Sirna haqaatti baaay'een aare" jechuunis komatti.

Meerii-Heelenis dhimmisaanii xiyyeeffannoo gahaa osoo hinargatin akka jiru himti.

Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanii dhimma dubartootaarratti xiyyeeffachuun hojjetu UN Wuumen (UN Women), mootummoonni, poolisiifi sirnoonni haqaa haleellaa saalaa qorichootatti fayyadamuun raawwataman dhabamsiisuuf caalmaatti hojjechuu qabu jechuun BBC'tti himeera.

Gama biraatiin qabiinsa dhimma dubartoota kunneenii ilaalchisee BBC'n poolisii, mana murtiifi mootummaa Faransaayif gaaffii dhiyeessus deebii hin arganne.