Dhiibbaan waraana Iraan wanbadee galaanarraa Somaaliyaa hammeesse

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Yaaddon saamicha galaanarraa qarqara galaana Somaaliyaatti ka'e sodaa dooniiwwan daldalaa gama kanaan darban irra jiru caalaatti dabalee jira; kunis dooniiwwan kunneen kanaan dura uggura galaanaafi waraana US fi Iraan gidduu jiruun dhiphachaa erga turanii boodadha.
Torban darbe keessa guyyoota afur gidduutti dooniiwwan fe'umsaa lama Galoogalaana Eeden keessatti kan to'ataman yoo ta'u, kanaanis baay'inni doonniiwwan jalqaba waggaa kanaatii as haleellaan irratti raawwatamee yoo xiqqaate 13tti ol guddateera.
Kunis saamtota galaanaa irratti haleellaa diroonii kanaan dura argamee hin beekne qabsiiseera.
Kunis waggoota kurnan tokkoo ol keessatti dooniiwwan butuun dhimma baay'ee yaaddessaa ta'e ta'uun, nagaafi tasgabbii daldala idil-addunyaatiif murteessaa ta'e kana irratti sodaa haaraa uumeera.
"Saamichi galaanaa yeroo hundaa yakka hireeti " jedhu Omar Mahmuud, xiinxalaan olaanaan Sumaaliyaa kan International Crisis Group , "Ammas immoo saamtonni galaanaa carraa kana argatanii jiru."
Carraan sunis dhiibbaa waraanni sun qaamolee bishaanii naannichaa gara kaabaatti argaman irratti uume irraa kan maddedha.
Iraaniifi Ameerikaan to'annoo Ulaa Hormuuz tarsiima'aa ta'e irratti walfalmii itti fufanii jiru.
Akkaataa gabaasa kanaatti, deeggartoonni Teehraan Huutiin Yaman Ulaa Bab el-Mandeb kan seensa Galaana Diimaa to'atu irratti uggura addatti xiyyeeffate uumanii jiru.
Kunis falmii Saawud Arabiyaa waliin jiru irratti kan xiyyeeffate ta'us, daldala doonii idil-addunyaatiif sodaa nageenyaa guddaa uumeera.
"Saamtonni galaanaa waan yaadan natti fakkata, mudannoo alaa lamaan Hormuz fi Bab el-Mandeb keessatti uumaman kanaan, humnoonni idil-addunyaa saamtoota galaanaa barbaaduu dhiisanii qofaa rakkootiif xiyyeeffannoo kennu jedhanii amanu," jedhu ajajaan oppireeshinii humna galaanaa Gamtaa Awurooppaa kan qarqara bishaan Somaaliyaatti doonota eegu Vaayis-Admairal Ignaasiyoo Viyaanuu'eevaa Seeraanoo.

Madda suuraa, VesselFinder
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dooniiwwan dhiheenya kana saamtota galaanaatiin butaman keessaa takka doonii alaabaa Kaameeruun qabdu kan MV Lutuf jedhamtu yoo taatu, isheenis Hagayya 17 qarqara galaanaa bulchiinsa Puntlaand ture.
Guyyoota muraasa booda, saamtonni galaanaa doonii boba'aa fe'attu kan alaabaa Eertiraa qabdu, MT Sibu 1 jedhamtu, galaana Yamanitti dhiyoo jiran, gama kaan Garba Eeden keessatti koranii to'atan.
To'atamuu MV Lutuf hordofee bu'aan hin eegamne uumameera. Hagayya 18 asitti haleellaa diroonii lamaan namoonni 13 kanneen saamtotaaf tajaajila dhiyeessuu keessaa qabu jedhamanii shakkaman ajjeefamaniiru.
Eenyullee haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne, garuu aangawoonni naannichaa doonichi meeshaa waraanaa Turkii fe'ee ture jechuun Turkii komataniiru.
Akka BBC'n baretti, MV Lutuf dabalatee doonniwwan jaha amma maallaqa doolaara miliyoonaan lakkaa'amu gaafachuuf to'annoo jala jiru; isaan keessaa afur magaalaa qurxummii kiyyeessitootaa Bander Beyla, kan akka handhuura saamtota galaanaatti beekamtu bira dhaabbatanii jiru.
Kun waggoota 15 dura yeroo weerarri dooniiwwan gubbaa baay'ee hedduu turee fi diinagdee addunyaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu kisaarsee ture sanaan wal bira qabamee yoo ilaalamu baay'ee gadi aanaadha.
Bara 2011 keessa, saamtonni galaanaa Sumaaliyaa haleellaa 200 ol kan raawwatan yoo ta'u, miseensonni doonii dhibbaan lakkaa'amanis boojuu jala turan.Tarkaanfiin dooniiwwan waraanaa idil-addunyaa qindoominaan fudhatanii fi eegumsonni dhuunfaa dooniwwan daldalaa irratti ramadaman balaa kana gadi buusuu fi dambalii weerara bara 2023 fi 2024 keessa ka'e to'achuu irratti milkaa'aniiru.
Haa ta'u malee, ogeeyyiin akka gabaasanitti, networkiin saamtota galaanaa hafuurri isaanii ukkaamamellee, sababa hanqina bulchiinsa amansiisaa fi hiyyuma diinagdee Sumaaliyaa isa saamtota kanaan horfu furuun hin danda'aminiif, akkuma jiranitti turaniiru.
Yeroo ammaa kanatti, ka'umsi saamichichaa aariidhaan kan kaka'e yoo ta'u, dooniiwwan gurguddoon qurxummii kiyyeessan kan biyya alaa qaamolee bishaanii Somaaliyaa keessatti qurxummii garmalee kiyyeessuun naannoo Puntlaand keessatti jireenya hawaasaa qurxummii irratti hirkatu miidhaa jiru.

Nageenya dhabuu naannoo galaanaa kanaan kan ka'e, doonniwwan tokko tokko waraana gara kaabaa jiru baqachuuf gara kibbaatti yeroo goran qarqara galaanaa Sumaaliyaatti dhiyaachaa jiru.
Gatiin boba'aa olka'aa ta'uun isaa, doonii boba'aa fe'atte butuun bu'aa guddaa akka qabaatu taasiseera.
"Gama tokkoon eegumsonni doonniwwan waraanaa bishaanota kana irratti taasisan xiqqaachuu, gama biraatiin immoo sochiin doonniwwan daldalaa dabaluun isaa carraa guddaa uuma," jedha xiinxalaan Maahmuud.
"Dabalataanis, al tokko haleellaan tokko erga milkaa'ee booda, gareewwan biroos gocha walfakkaatu akka raawwatan kan jajjabeessu natti fakkaata.
"Inni fi qorattoonni biroon, erga doonniwwan baay'een qarqara galaanaa Yamanitti to'ataman booda, saamtota galaanaa Sumaaliyaa fi Yaman gidduu hidhanni waliin hojjechuu jiraachuu danda'a jedhanii shakku.
Haa ta'u malee, Maahmuud akka jedhutti, gareewwan kun leellistoota Huutii kan Iraan caalaa gareewwan yakkaa ta'uu danda'u; keessumaa dooniiwwan torban darbe to'ataman keessaa takka, MT Sibu 1, doonii meeshaa lolaa (shadow fleet) Iraan kan daldala boba'aa dhowwaa USA jalaa milkissuuf tajaajilu ta'uu isheeti.
"Waan addatti Iraaniin qajeelfamu natti hin mul'atu," jedha xiinxalaan. Garuu, gama biraatiin, Turkiin dhimma butamuu doonniwwanii dhiheenya kanaa keessaa harka qabdi jedhamee gabaasameera.
Maddi nageenyaa Phuntlaandi fi aangawoonni mootummaa Sumaaliyaa BBC'tti akka himanitti, dooniin MV Lutuf meeshaa waraanaa gara kaampii leenjii waraana Turkii kan magaalaa guddoo Sumaaliyaa, Moqaadishuutti deemaa ture fe'ee ture. Ankaaraan walitti dhufeenya ittisaa fi diinagdee bal'aa dabalatee, nageenya galaanaa Sumaaliyaa cimsuuf waliigaltee mallatteessitee jirti.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)