Fuula uummataa duraa dhabamuun Mojtabaa Kaamenii akkamiin Iraaniif 'idaa' ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan isaa ajjeefamee torbaan keessatti hoggana olaanaa Iraan ta'ee kan muudame Mojtabaa Kaamenii uummatatti bahee mul'achuu dhabuunsaa lammiilee biyyattiitti hiibboo ta'eera.
Sirna awwaalchaa abbaa isaa Ayatolaah Alii Kaamenii irraa dhabamuu qofa osoo hin taane, ergaa barreeffamaa gabaabaa iyyuu kan hin ergine yoo ta'u, kunis yeroo gaaga'ama olaanaa biyyattiin keessa jirtu kanatti karoora inni Iraaniif qabu akka gaaffii keessa galchu godheera.
Tumsa Eegdota Warraaqsaa Iraaniin aangotti kan bahe Mojtabaan, haleellaa isa mudateen fuula isaarra akka malee madaawuu, dabalatee miidhaawwan biroo akka irra gahe aangawootni olaanoo biyyattii ni dubbatu.
Akka odeessa maddeen kanaatti, hogganaa haaraan kun murteewwan dabarsaa kan jiru ta'ullee, ammatti garuu sadarkaa fayyummaa uummata duratti mul'achuu isa dandeessisurra hin jiru.
Amma, erga US waliin torban kana walhaleellaatti deebi'anii booda, gaheen isaa fi fayyummaan isaa dhimma yaaddoo guddaa fi ijoo ta'eera.
"Ija nageenyaatiin yoo ilaalamu uummata duratti mul'achuu akka hin qabne nan hubadha. Garuu biyyattiin yeroo baay'ee rakkisaa ta'e keessa dabraa jirti," jedha daldalaan magaalaa Isfahaa keessaa qabu kan maqaan maatii isaa akka ibsamu hin feene Taaghii.
"Hogganaa Olaanaan argamuun dirqama miti. Miidhaan irra gahuu yoo danda'eyyuu, namoonni hogganaan isaanii jiraachuu isaa fi biyya bulchaa akka jiru arguun fedha."
Firoonni maatii Mojtabaa isa bakka bu'uu?
Koreen sirna awwaalchaa abbaa isaa Kamisaa, kan hayyoota amantiin raawwatamee fi salaatni du'aayii Kaamenii xumuraa sanduuqa reeffaa isaa irratti ilmaan isaa sadiin masgiida guddichaa fi qulqulluu Iraan keessatti gaggeeffame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun ammas bakka guddaa maatiin isaa hoggansa Iraan keessatti qaban addeessa.
Obbolaan Mojtabaa Kaamenii sadan hoggansa siyaasa Iraan keessatti dhiibbaa guddaa hin ilaalaman, gara fuulduraattis tarii akka hin taane ni tilmamama.
Ta'us garuu hundi isaanii hoogganoota amantii ol'aanoo amantiiti.
Haa ta'u malee, Akaakayyuun Alii Kaameniin warraaqsa Iraan bara 1979 keessatti qooda olaanaa qabu, sirna gaddaa Jimaataa irratti Mojtabaa bakka bu'ee dubbate.
Kunis hariiroo maatii fayyadamee ittifufiinsa sirna amantii (clerical system) agarsiisuuf akkaataa itti yaalame dha.
Mojtabaa Kaamenii dhumarratti yeroo abbaan isaa awwaalamett qaamaan argamuu baateyyuu ergaa sagaleen waraabame mormii ykn suuraa haaraadhan ni mul'ata jedhamee tilmaamamaa ture.
"Yeroo namni iddoosaa bu'u bakka sanatti hin argamne, hoggansi dhageettii qabu akkamitti dhalachuu danda'a?
Kun yeroof yoo dabarsettiyyuu gara fuulduraatti isaan mudachuun isaa hin oolu. Inni kun gara fuulduraatti yeroo dheeraaf ittifufuu hin danda'u," jedhu pirofeesara seenaa ammayyaa Yuunivarsitii St Andrews kan Iskootilaanditti argamuu kan ta'an Alii Ansaarii.
Hoggana Eegdota Warraaqsaa waliin hariiroo qabu
Yeroo rakkinaatti mul'achuu dhabuun hoggana kanaa, kanneen Rooytarsi dubbise 20 caalan ta'an siyaasaa Iraan keessatti yaaddoo jabaa ta'uu dubbatu.
"Mul'achuu dhabuun isaa, keessattuu erga waraanni darbee fi awwaalcha hoggana biyyattii booda, biyyattii keessatti miiira shakkii guddaa fi toora dhabuu jabaa uumuu danda'a," jedhan ganna 51 Tehraan keessaa Mohammad Reezaa.
Iddoon hoggana ol'aanaa Iraan hooggantoota biyya biraa irraa adda, sababni isaas ilaalchi amantii biyyattii akka mul'isutti, namni bakka kana hogganu bakka bu'aa dacheerraa fi imaama 12ffaa kan gosa amantii Shi'aa, kan jaarraa saglaffaa keessa dhabameeti jedhamee amanama.
Mojtabaan iddoo kana akkamitti akka itti fufsiisu ammayyuu ifa miti.
Hoogganaan jalqabaa, Ayatollah Ruhollah Khomeini, abbaa warraaqsaa nama dhageettii addaa fi hayyuu amantii Iraan keessatti kabajamaa turan yoo ta'u, eenyummaan isaanii kabajamaa fi ajajni isaas mormii hin kaafne ture.
Bakka bu'aansaa, Alii Kaamenii wayita muudametti pirezidantii kan ture yoo ta'u, akka hoggansa amantii gameessaattis hin laalamu. Aangoo akka qabuuttis hin laalamu
Abbaan isaa waggoota 37 hoggansa isaa keessatti, morkattoota isaa tooftaan kuffisuun, tumsa jabaa Eegdota Warraaqsaatiin, dhimmoota siyaasa biyyattii mara keessatti abbaa aangoo guutuu ta'uu isaa nama mirkaneesse.
Mojtabaan beekumsa amantii gahaa ta'e hin qabu, akka abbaa isaa dhageettii siyaasaa addaa of danda'e hin qabu.
Kanarra dabrees, waajjira abbaa isaa guddicha ni bulcha. Hariiroo caasaa biyyattii faana kan qabu yoo ta'u, kanaanis Eegdota Warraaqsaa waliin hariiroo dhihoo uummachuu danda'eera.
Ilaalchi, aangoo fi dandeettiin isaa ammallee bifa ifa hin baane, ta'us garuu hooggansa isaa keessatti Eegdonni iddoo guddaa qabaachuun akka itti fufan ni tilmaamama.
Osoo Iraan waraana kanaan hudhamtee jirtuu, diinagdeen ishee qoqqobbiin miidhamee osoo jiruu, fi uummanni haalota rakkisaa baay'ee keessa jiruu hogganaan haalli hogganaa kanaa wallaalamuun yaaddessaa dha.

















