Imbaappee fi taphattoonni Faransaay kaan erga Ispeeniin mo'amanii maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo addunyaan Faransaay Waancaa Addunyaa mo'atti jettee eegdutti ijoolleen Ispeen taphattoota urjii Faransaay waan raajii goote.
Ispeen 2-0 Faransaayiin mo'achuun xumura Waancaa Addunyaaf darbite.
Imbaappee, Dembeelee, Oliisee, Duwee, Baarkoolaa fa'aa taphattoonni sarara ittisaa dhaaban hin jiru jedhamaa ture.
Garuu taphattoota muuxannoo waggaa dheeraa qaban osoo hin taane ijoollee Ispeen umurii xixiqqaatu waancaan ala isaan taasise.
Taphataan sarara ittisaa Baarselonaa fi Ispeen Paawuu Kubaarsii carraa galchii tokkoo isaaniifillee hin kennine. Isa cina kan jiru Al Naasir kan taphatuu fi duraan maanchister Siitii keessatti beekamu Ayemirik Laapport yoo tahu Kubaarsii waliin ittisni isaan agarsiisan ajaa'iba.
Cinaa lamaaniin ammoo Maark Kukurellaa fi Peediroo Pooroo taphattoota Faransaay jifachuuf itti dhufan dhaabuu qofa osoo hin taane ittisa Faransaayis afuura kutaa turan.
Ispeen hanga xumura waancaaf darbitutti galchii tokko qofatu irratti lakkaa'ame.
Paawuu Kubaarsii akkas jedhe. ''Waa'ee laafina ittisaa fi karra eegaa keenyaa oduu tokko tokkotu dhagahamaa ture. Garuu afaan isaan qabachiifne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkan yaadutti kubba miilaa keessatti waan murteessaan tokko galchiin sirratti lakkaa'amuu dhabuu isaati. Galchii tokko qofa nurratti gale. Kunoo amma xumura Waancaa Addunyaaf darbine,'' jedhe.
Leenjisaan Ispeen Luwis de La Foontee, '' garee taphattootaa ciccimoo akkasii leenjisuukoon carraa qabeessa. Garuu ammas tarkaanfii tokkotu nu hafa. Tarkaanfii dhumaa kanas milkaa'inaan xumuruuf waan dandeenyu hundaa goona'' jedhe.
Dursaan taphattoota Faransaay Kiiliyaan Imbaappeen ''xumura waancaa kanaaf dhaqqabuuf waan gochuu qabnu homaa hin goone. Taphni har'a taphanne kan walakkaa xumuraa madaalu miti. Gama taaktikaa fi teeknikaan kufneerra,'' jedhe.
Ispeen Peedrii taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uun Roodrii, Faabiyaan Ruwiizii fi Daanii Oolmoo sarara gidduu taphachiisuun akka Faransaay isaan hin darbine taasiseera.
Oliiseen sarara gidduu kana keessaa kubba argachuu hin dandeenye.
''Yeruma kubba argannuyyuu akkaataan sochii keenyaa fi kubba itti qabannee fiignu tapha walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa kan madaalu miti'' jedhe Imbaappeen.
Dhugaa dubbachuuf waan tapha xumura waancaaf nu dhaqabsiisu hin hojjenne jedhe.
''Yeruma jalqabnu carraa argannee sadii taanee ittisa Ispeen nama lama qofa jifachuuf deemne. Kubbicha akka hin taane goonee balleessine. Ispeeniin kan jifachuu dandeessu baay'attee osoo hin taane tokko tokkoon [ 1v1] taateeti'' jedhe.
Faransaay osoo taphattoota akkasii qabduu yaaliin gara galchiitti taasifte baay'ee muraasa.
Taphataan duraanii Arsenaalii fi Faransaay Paatirik Viyeeraa Ispeen karaa hundumaa tapha kana caalteetti jedhe.
Taphataan duraanii Arsenaal gara biraa Gaa'el Kiliichii Ispeenuma durii argine. Injifannoon kun isaaniif mala jedhe.
Teerii Henerii, ''baay'ee gaddeera, qaana'eeras. Gareen taphattoota ciccimoo akkasii qabu wal tajjii guddaa kana irratti mul'achuu dhabuun nama gaddisiisa. Ispeen injifachuun waanuma isaaniif maludha jedhe.
Akkuma taphni xumurameen Mootiin Ispeen Felipee VI leenjisaa Ispeeniif bilbiluun baga gammaddan jedhaniiru.
De Laa Foonteen irra caalaa taphattoota Ispeen ammaa waliin waggaa 10 dura jalqabuun hojjechaa ture. Leenjisaa umurii 19 gadii tahee Mikeel Meeriinoo, Roodirii, karra eegaa Unaay Simoon fi Daanii Oolmoo waliin hojjechaa ture.
Garee kanaan dorgommii umurii waggaa 19 fi 21 gadiin waancaa Awurooppaa mo'ateera.
Kanaaf taphattoonni kunneen haala gaariin waan wal beekaniif qindoomina jabaa qabu.
Ispeen erga bara 2010 yeroo jalqabaaf waanca injifachuu dandeessi. Har'a Arjeentiinaa fi Ingilaandi keessaa kan mo'atu waliin waancaaf Niw Yoorkitti morkatu.


















