Isheen Eenyu? 16: 'Ni rooba, ni caama kan jettu ati Waaqa biraa dhuftee naan jedhan'
Maxxanfame
Aadde Caalii Dabaleen Ejensii Meetiroolojii Biyyaalessaatti Daayireektara raaga haala qilleensaati. Naannawaa magaalaa Finfinnee Koyyee Facceetti haa dhalataniyyuu malee naannoo isaaniidhaa dubartiin baratte 'ana qofa' jechuun danda'a jedhu. Seenaa isaanii nutti haasa'aniiru.