Paawondiin Sudaan haaraan Sudaan iddoowwan RSF to'ate keessa naanna'aa jira.
Gareen hidhatee waraana biyyaalessaa lolu kun maallaqa kana eessaa akka fide gaaffii kan kaase yoo ta'u, qoqqoodamiinsa biyyattii durumaa eegale akka malee kan hammeessu ta'uu waan akeeku jedhameera.
Bara darbe RSF kaabinee mataa ofii kan hundeesse yoo ta'u, kunis mootummaa TASIS jedhama. Naannoo RSF to'ate keessatti dhawaata tajaajiloota akka mindaa hojjettootaa kaffaluu fa'i eegaleera.
To'annoon maallaqa Sudaan irratti taasifamu bara 2024 irraa jalqabee falmii guddaa ta'ee ture.
Yeroo sana mootummaan waraanaan dursamu nootiiwwan qarshii Sudaan moofaa ta'an gatii akka hin qabne labsus, nootiiwwan qarshii haaraa dhibba shan (500) fi kuma tokko (1,000) maxxansuu jalqabee ture.
Humnoonni RSF qarshiin haaraan kunniin gatii akka hin qabne labsan.
Kanaanis, maallaqni callaan naannolee to'annoo isaanii jala jiran keessatti suuta-suutaan dhabamaa deeme jedhan jiraattonni afur kanneen Rooyitersitti dubbise.
Hanqinni sun dhuma baatii Caamsaa keessa kan laafe fakkata; yeroo sanatti hojjettoonni mootummaa fi loltoonni RSF qarshii Sudaaniin mindaan isaanii kaffalamuun kun immoo naannolee to'annoo RSF jala jiran keessatti wanta barame ta'aa dhufe.
Akka suuraa Rooyitersi mul'ise tokkootti qarshiiwwan kunniin haaraa fi kan hin hojjetamne yoo ta'an, baatii Caamsaa bara 2022 irratti kan maxxanfamanii turani jedhu jiraattonni.
Maddi maallaqoota kanneenii eessa akka ta'e Rooytarsi adda akka hin baafatin hime. Nootii maallaqaa baankii Sudaan kan waraanan duraatiin baay'ee wal fakkaaata
Haa ta'u malee, ogeessi baankii Nyala, kan magaalaa Daarfuur kan maandhee aangawoota TASIS taatee jirtuu akka jedhetti maallaqoonni kun haaraa maxxanfaman.
Maallaqni kun mallattoo bulchaa baankii biyyaalessaa waraanaan duraa Hussein Yahia Jangol, ofirraa qaba. Hussein Yahia Jangol, Caamsaa 21 nootiiwwan kunneen maxxanfamuu dursee bulchaa baankii giddugaleesaaa mootummaa TASIS ta'ee muudame.
Inni garuuu waayee nootiiwwan haaraa kanneenii irratti yaada kennuurraa of qusateera.
Garuu "Qophiin kamiyyuu kan bulchiinsa maallaqa callaa ykn dhiyeessii maallaqaa waliin walqabatu" kan hundaa'e "koreewwan tekinikaa sirriitti yaadameefi kanneen tasgabbii diinagdee eeguu fi fedhii lammiilee akkasumas gabaa guutuuf kaayyeffatan irratti" dha jedhe.