Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hormuuz keessatti doonii fe'umsaarratti haleellaan raawwatamnaan UN karoora hojjetoota baasuu dhaabe

Haleellaa doonii fe’umsaa karaa Ulaa Hormuuz darbaa turte tokkorratti haleellaan raawwatamuu hordofee, dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) karoora hojjetoota galaanarraa 11,000 ol kara abahaa dhabanii turan qabatee ture yeroof tursiisuu beeksise

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan waliigaltee sarbite jechuun Tiraamp himate

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp erga Iraan dooniiwwan afur haleeltee booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabeera jechuun himate.

    Barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanseen ''mootummaan Rippaabilika Islaamaa Iraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darbaa turan irratti yoo xiqqaate dirooniiwwan afur dhukaase,'' jedhe.

    Dirooniin tokko gubbaa doonii tokkoo rukutuu kan hime Tiraamp ''dooniin haleelame kun akkaan qaaliidha,'' jedhe.

    Dooniin kun miidhamus garuu deeggarsa malee yabaluu danda'eera jedhe Tiraamp.

    ''Dirooniiwwan sadan hafan rukunnee buusneerra. Garuu kun Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuu ishee mul'isa,'' jedhe.

  2. Doktarri Sa'uudii Jarmaniitti konkolaataadhaan nama fixe hidhaa umrii guutuun adabame

    Doktarri Sa'uudii kun Jarmanii bakka gabaatti namootarra konkolaataa oofuun ja'a ajjeesee dhibbaan kan lakkaa'aman kan madeesse Onkoloolessa 2024 ture.

    Jimaata har'aa (Waxabajjii 26, 2026) Jarmaniitti hidhaa umrii guutuun itti murtaa'eera.

    Dhalataan Sa'uudii ogeessa fayyaa sammuu ta'e Taleb A jedhamu kun amantii Islaamaarraa jibba hamaa akka qabu qondaalonni himaniiru.

    Abbaan Alangaa namni kun namoota ja'a ajjeesuu fi dhibbaan kan lakkaa'aman ajjeesuuf yaaluun himate.

    Haleellaa konkolaataadhaan daqiiqaa tokkoo fi sekondii afuriif raawwate kana namni kun torbanootaaf karoorsaa turuu kaasan.

    Namoonni du'an dubartoota shan umriinsaanii waggaa 45 fi 75 gidduu jiran fi mucaa dhiiraa umriinsaa waggaa sagal ta'edha.

  3. Toshituun Gaanaa beekamaan miila Haarii Keen natu hidhe jedhe

    Toshituu lammii Gaanaa beekamaan tapha Gaanaa fi Ingilaand irratti Haarii Keen akka goolii hin galchineef natu afuurakoon miila xaxe jedhe.

    Toshattuu Gaanaa kun Nana Kiwaku Boonsam jedhama. Namni kun Ingilaand akka Gaanaa hin mo'anneef anatu shoora olaanaa taphate jedhe.

    Taphaan dura humna afuuraakoo fayyadamee Keen irratti hojjechaan ture. Kanaanis Gaanaa gargaareera jedhe.

    ''Ani Kiwakuu Boonsam addunyaa irraa nama afuuraa humna addaa qabudha. Haarii Keen afuuraan miilan hidhe. Taphicha irratti gaafas isaa haala gaariin taphatu argitaniittuu?'' jedhe.

  4. Kirkira lafaa Venezuweelaa mudateen lakkoofsi namoota du'anii 589 gahe

    Kirkira lafaa cimaa Venezuweelaa mudateen lakkoofsi namoota du'anii dabalaa jira.

    Dheengadda, Roobii, kirkirri lafaa reektar iskeelii 7.2 ta'e kaaba baha Venezuweelaatti mudate.

    Kuni ta'ee sakandiiwwan muraasa booda kirkirri lafaa lammaffaan reektar iskeelii 7.5 galmeesse kibba baha biyyattiitti mudachuun lubbuu namoota hedduufi mancaatii guddaa qaqqabsiise.

    Viidiyoo miidiyaarratti qoodamaa turan, buufata xayyaaraa biyyattii dabalatee gamoowwan gurguddoon yeroo jijjigan agarsiisa.

    Kirkira lafaa mudate kanaan lakkoofsi namoota du'anii 589, kanneen miidhaman kuma 3 gahuu mootummaan biyyattii beeksiseera.

    Ammayyuu namoota jijjiga gamoo jalatti hafan barbaachi kan itti fufe yoo ta'u, US dabalatee biyyoonni akka Chiilii fa'aa deeggarsa namoomaafi ogeeyyii yeroo balaa erganiiru.

    US ogeeyyii lubbuu baraaran erguun alatti deeggarsa dolaara miliyeena 150 karaa dhaabbilee International Medical Corps fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa Venezuweelaaf ergiteetti.

  5. Hormuuz keessatti doonii fe'umsaarratti haleellaan raawwatamnaan UN karoora hojjetoota baasuu dhaabe

    Haleellaa doonii fe’umsaa karaa Ulaa Hormuuz darbaa turte tokkorratti haleellaan raawwatamuu hordofee, dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) karoora hojjetoota galaanarraa 11,000 ol kara abahaa dhabanii turan qabatee ture yeroof tursiisuu beeksise

    Haleellaa kana dursee bidiruuwwan baayyeen akka darbuu danda;an kan hime dursaan UNtti dhaabbata Mariitaayims Idil-addunyaa Arseeniyoo Doominiigez, imalawwan kaantaasisuuf dursa “mirkaneeffannoon nageenyaa barbaachisaa ta’e” jiraachuun hubatamuu akka qabu ibse.

  6. Haati Pirezidaant Isaayaas Afawarqii du'aan boqotan

    Haati pirezidaantii Ertiraa Isaayaas Afawarqii Adde Adaanash Barihee du'aan boqotan.

    Ministeerri Beeksisaa Ertiraa akka beeksisetti, haati Pirezidaant Isaayaas Adde Adaanash ganna 97tti kan boqaotan.

    Ertiraan sagalee uummataan Itoophiyaarraa erga adda baatee biyya taatee as biyyattii olaantummaan bulchaa kan jiran Isaayaas Afawarqii umuriinsaanii yeroo ammaa ganna 80.

    Haati isaanii ammoo ganna 97tti Wiixata darbe du'uusaanii ibsame.

    Kaleessa, Waxabajjii 26, bakka dhalootasaanii magaalaa Asmaaraatti dhiyoo jirtutti sirni awwaalchasanii kan gaggeeffame yoo ta'u, Pirezidaant Isaayaas dabalatee qondaalonni mootummaa olaanofi abbootiin amantii argamuusaanii Ministeerri Beeksisaa Ertiraa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti maxxanse.

    Adde Adaanash Barihee Obbo Afawarqii Abrahaa waliin bara gaa'ilaan jiraatan keessa Pirezidaant Isaayaas dabalatee ijoollee 14 godhataniiru.

    Isaan keessaa sagal qabsoo Ertiraan walabummaaf taasiste keessatti hirmaataniiru.

  7. Lakkoofsi namoota kirkira lafaa Venezuweelaan du'anii 164 ga'e

    Kirkira lafaa hamaa kaleessa galgala Venzuweelaa mudateen hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 164 ga'uu Pirezidantiin Yeroo biyyattii Deelsii Roodiriigeez himan.

    Gabaasi Rooyitarsii fi AFP lakkoofsi kun ammallee dabaluu danda'a jedha.

    Balaan kun interneetii biyyattiirrattis rakkoo uumeera.

    Balaan kirkira lafaa kun bulchiinsa Pirezidant Roodiriigeez fi bulchiinsa Pirezidant Tiraampiif qormaata guddaadha.

    Erga Amajji darbe Pirezidantiin biyyattii Nikolaas Maduuroo loltoota Ameerikaan ugguramuun gara US geeffamee biyyattiin pirezidantii yeroon bulaa jirti.

    Erga egeree Venezuweelaa kan murteessu Waashingitan.

  8. Gatiin boba'aa waraana Iraaniin as haala mul'atee hin beekneen hir'ate

    Dooniwwan Ulaa Hormuuz irraa darbuu itti fufnaan waraana Iraaniin as haala mul'atee hin beekneen gatiin boba'aa gad bu'eera.

    Boba'aan jikitaa bireent baarmelaan doolaara 72.48tti gad bu'eera. Kunis gatii Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwachuun dura turedha.

    Iraan Ulaa Hormuuz waan cufteef ji'oota darban gatiin boba'aa akkaan dabalee ture.

    Iraaniifi Ameerikaan sanada waliigaltee mallatteessuun booda gatiin boba'aa jikitaa gad bu'aa dhufeera.

    Jilli Teehraaniifi Waashingitan Siwiizarlaanditti marii taasisuun as US daldala boba'aa Iraan irratti qoqqobbii keessee turte laaffisteetti.

    Waliigalteen kuni mallattaa'uun as lakkoofsi dooniiwwan Ulaa Hormuuz irraan darban dabaleera.

    Boba'aa jikitaafi gaasiin uumamaa akkasumas xaa'oon dooniiwwan fe'an darbaa jiru.

  9. Daawwadhaa: Buufanni xiyyaaraa sababa kirkira lafaan yeroo raafamee miidhamutti viidiyoo waraabame

    Buufanni xiyyaaraa sababa kirkira lafaan yeroo raafamee miidhamutti viidiyoo waraabame

  10. Maallaqni haaraan RSF maxxansiise iddoowwan inni to'ate keessa naannawaa jira

    Paawondiin Sudaan haaraan Sudaan iddoowwan RSF to'ate keessa naanna'aa jira.

    Gareen hidhatee waraana biyyaalessaa lolu kun maallaqa kana eessaa akka fide gaaffii kan kaase yoo ta'u, qoqqoodamiinsa biyyattii durumaa eegale akka malee kan hammeessu ta'uu waan akeeku jedhameera.

    Bara darbe RSF kaabinee mataa ofii kan hundeesse yoo ta'u, kunis mootummaa TASIS jedhama. Naannoo RSF to'ate keessatti dhawaata tajaajiloota akka mindaa hojjettootaa kaffaluu fa'i eegaleera.

    To'annoon maallaqa Sudaan irratti taasifamu bara 2024 irraa jalqabee falmii guddaa ta'ee ture.

    Yeroo sana mootummaan waraanaan dursamu nootiiwwan qarshii Sudaan moofaa ta'an gatii akka hin qabne labsus, nootiiwwan qarshii haaraa dhibba shan (500) fi kuma tokko (1,000) maxxansuu jalqabee ture.

    Humnoonni RSF qarshiin haaraan kunniin gatii akka hin qabne labsan.

    Kanaanis, maallaqni callaan naannolee to'annoo isaanii jala jiran keessatti suuta-suutaan dhabamaa deeme jedhan jiraattonni afur kanneen Rooyitersitti dubbise.

    Hanqinni sun dhuma baatii Caamsaa keessa kan laafe fakkata; yeroo sanatti hojjettoonni mootummaa fi loltoonni RSF qarshii Sudaaniin mindaan isaanii kaffalamuun kun immoo naannolee to'annoo RSF jala jiran keessatti wanta barame ta'aa dhufe.

    Akka suuraa Rooyitersi mul'ise tokkootti qarshiiwwan kunniin haaraa fi kan hin hojjetamne yoo ta'an, baatii Caamsaa bara 2022 irratti kan maxxanfamanii turani jedhu jiraattonni.

    Maddi maallaqoota kanneenii eessa akka ta'e Rooytarsi adda akka hin baafatin hime. Nootii maallaqaa baankii Sudaan kan waraanan duraatiin baay'ee wal fakkaaata

    Haa ta'u malee, ogeessi baankii Nyala, kan magaalaa Daarfuur kan maandhee aangawoota TASIS taatee jirtuu akka jedhetti maallaqoonni kun haaraa maxxanfaman.

    Maallaqni kun mallattoo bulchaa baankii biyyaalessaa waraanaan duraa Hussein Yahia Jangol, ofirraa qaba. Hussein Yahia Jangol, Caamsaa 21 nootiiwwan kunneen maxxanfamuu dursee bulchaa baankii giddugaleesaaa mootummaa TASIS ta'ee muudame.

    Inni garuuu waayee nootiiwwan haaraa kanneenii irratti yaada kennuurraa of qusateera.

    Garuu "Qophiin kamiyyuu kan bulchiinsa maallaqa callaa ykn dhiyeessii maallaqaa waliin walqabatu" kan hundaa'e "koreewwan tekinikaa sirriitti yaadameefi kanneen tasgabbii diinagdee eeguu fi fedhii lammiilee akkasumas gabaa guutuuf kaayyeffatan irratti" dha jedhe.

  11. Daawwdhaa: Sababa kirkira lafaatiin manni rippoortarri BBC keessa ture wayita raafametti

    Magaalaa guddoo Venezuweelaa, Karakas keessatti garaagarummaa sekandootaa gidduuttti kirkira lafaa baayyee gurguddaa lama mudateen yoo xiqqaate namoonni 32 du’anii 700 kan ta’an ammoo miidhamuun isaanii gabaafameera.

    Sababa kirkira lafaatiin manni rippoortarri BBC keessa ture wayita raafametti.

    Daawwadhaa!

  12. Kirkira lafaa Veniizuweelaatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 32 du’an

    Magaalaa guddoo Venezuweelaa, Karakas keessatti garaagarummaa sekandootaa gidduuttti kirkira lafaa baayyee gurguddaa lama mudateen yoo xiqqaate namoonni 32 du’anii 700 kan ta’an ammoo miidhamuun isaanii gabaafameera.

    Kirkirri lafaa sadarkaan isaa rektar iskeelii 7.5 ta’uun isaa galmaa’e kun biyyattii keessatti isa ol aanaadha jedhameera.

    Wayita gamoowwan jijjiganitti namoonni lubbuu isaanii oolfachuuf fiiganii baha aturan.

    Kirkirri lafaa jalqabaa 7.2 kan lamaffaa ammoo 7.5 yoo ta’u pirezidantiin yeroo Venezuweelaa Deliisii Roodiriigez labsii yeroo muddamaa labsiteetti.

    Buufataaleen xiyyaaraa kan cufaman yoo ta’u, daandiiwwan baaburaas hojii addaan kutaniiru.

  13. Liibiyaan lammiileen Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan daangashee akka hin seenne dhorkite

    Qondaaloti Liibiyaa gara bahaa to'atan lammiileen Itoophiyaa, Ertiraa, Sudaaniifi Somaaliyaa gara daangaa biyyattii akka hin galleef dhorkaa kaa'an.

    Bulchitoonni Kaaliif Haftaariin hoogganamaniifi daangaa Liibiyaa walakkaa to'atan lammiileen Gaanfa Afrikaa biyyattii akka hin galle kan dhorkan godaantota seeraan ala Libiyaarraan Awurooppaa galan dhaabsisuuf tahuu himan.

    Biyyi waraanaan gargar hiramte Liibiyaan kutaalee Afrikaa biroo irraas godaantota jireenya fooyya'aa barbaacha gara Awurooppaa ce'aniif wiirtuudha.

    Karaa faddaalotaan gammoojji Saaraa qaxxaamuranii haala rakkisaa keessatti lammiileen seeraan ala Liibiyaa qaqqaban biyyattii keessatti gidiraan hamtuu akka irra gahu kana dura gabaasaa turre.

    Godaantonni kunneen bidiruudhaan galaanarraa gara Awurooppaa yeroo ce'uuf jedhan du'aaf saaxilamu.

    Haala kana to'achuuf bulchitoonni Liibiyaa bahaa godaantota Afrikaa Bahaarraa ''lafoo, galaanaafi qilleensaan achi akka hin seenne dhorkaa kaa'aniiru,'' jechuun AP'n gabaaseera.

    Dhorkaan kuni dippiloomaatota,hojjettoota fayyaafi barnootaa akka hin ilaallanne ibsameera.

    Erga mootummaan Mo'aammar Gaadaafii du'ee as bulchiinsi biyyattii bahaafi dhihaatti kan hirame yoo tahu olaantummaa qabachuufis bulchiinsoti kuni dhimmoota kaasan keessaa tokko dhimma godaantotaati.

  14. Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa dabraniif hubachiisa kennite

    Dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban hunduu nageenya isaaniitiif jecha karaan daban kan Iraan hayyamteef keessa akka ta’uufi sochii taasisanis dursanii beeksisuu akka qaban Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan beeksiseera.

    Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan ibsa kana kan baase Ulaa Hormuuz keessa toorri keessa darban haaraan banamuu gabaasaaleen agarsiisan bahu isaanii hordofeeti.

    Dooniiwwan ji’ootaaf karaa darbaa dhabanii turaniif toorri baname jedhame “fudhatama kan hin qabne ta’ee guutummaan guutuutti dooniiwwaniif balaa kan qabudha,” jechuun akeekkachiiseera.

    Eegduun Warraaqsaa kun ibsa isaatiin, “toorri karaa Ulaa Hormuuz keessa darbuuf hayyamame karaa Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraaniin ibsame qofaa,” ta’uu ibsuun dooniiwwan “karaa chaanaal16 jedhamuun” qofaafi humna waraanaa Iraan waliin dubbachuun ta’uu akka qabu hubachiisera.

    Gaafa Roobii olla Ulaa Hormuuz biyyi taate Omaan, sochii dooniiwwan yeroo dheeraaf karaa ba’aa dhabanii turan saffisiisuuf jecha toora galaanaa haaraa banuu kan beeksifte yoo ta’us, Eegduun Warraaqsaa Islaamaa Iraan garuu ibsa isaa keessatti waa’ee karaa galaanaa haaraa Omaan jetturratti kallattiin waan jedhe hin jiru.

  15. Ejansiin atomikii UN ogeeyyii niwkilaara to'atan gara Iraanitti akka ergu beeksisus Iraan garuu walii hin galle

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuu hordofee, Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) ogeeyyii niwkilaaraa Tehraanitti akka ergu beeksise.

    Gaggeessaan ejansichaa Raafaa'el Giroosii ogeeyyiin niwkilaaraa kan ergaman akkaataa waliigaltee US-Iraanin ta'uu ibsan.

    [Gabbisa yuraaniyaamii Iraan irratti] to'annoon ni taasifama. Akkaataa isaa: guyyaa, adeemsa fi bakka isaa yeroo dhiyootti irratti hojjanna," jedhan.

    Waliigaltee US-Iraan waliif mallatteessan irratti, yuraaniyaamiin Iraan sadarkaa olaanaatti gabbiste hordoffii Ejansii Anniisaa Atoomikii Addunyaatiin akka mancaafamu ifatti ibsameera.

    Haa ta'u garuu, ministeerri dhimma alaa Iraan ibsa baaseen wiirtuwwan nikularaa Iraan haleellaa USfi Israa'eliin miidhaman to'annoof banaa kan ta'an waliigaltee xumuraarra erga gahamee booda ta'uu akka qabu ibse.

  16. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Ejansiin nikulraa UN dhimma nikulra Iraan hordofuuf ogeeyyii to'annoo anniisaa atoomikii gara Tehraanitti akka ergu ibse.

    Iraan ammoo kun qaama waliigaltee US waliin taasise miti jechuun haalaa turte.

    Ulaan Hormuuz banamuurraa kan ka'e doonii daldalaa Itoophiyaa GIBE jedhamtu dabalatee dooniwwan daldalaa heddu darbaa jiru jedhame.

    Odeessa biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Karaa Marsariitii,YouTube, Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!