Peep Gaardiyoolaan akkas jechuun Sky Sport'tti dubbate.
Morkattoota dhugumaan jaboodha. Kubba dhaabbate, Kubba sarara darbee harkaan darbatan fi kaan irratti daqiiqaa jalqabaa baay'ee qoramne.
Keessumaa karaa bitaa boqonnaa dura karaa cinaa lamaniin boqonnaa boodas akka malee qoramne jedhe.
Jeremii Dookuun taphataa addaati. Boqonnaa booda sanduuqa isaanii keessa taphattoonni baay'een akka galan goone.
Isa dura akkas waan hin gooneef galchii dhabnee rakkanne jedhe.
Dookuun amma taphataa guutuu taheera. Waan fooyyessu qabaatus dandeettii addaa qabu sanaan hedduu nu gargaare.
Amma garuu dhimma tapha mo'achuu fi goolii galchuuti. Isan barbaada jedhe.
Arsenaal: Mee ilaalla, amma harka keenya keessa hin jiru. Hojii manaa keenya hojjenna. Everteen waliin sirriitti hojii keenya hin hojjenne. Hojii keenya hojjennee waan dhufu eeguudha jedhe.
Taphattoonni keenya warra harka kennan miti. Everteen irratti 3-1 ka'uun qixa xumurre. Gaafas boqonnaan booda goolii isaaniif kennine.
Kun kubba miilaati. Waan akkasii ni mudata. Garuu akkaataatti har'a deebii kennine jaaladheera jedhe.