Huutiin karoora dooniiwwan Galaana Diimaan cehan qaraxuufi jedhame haale

Qaamni qindeessaa imala galaanarraa kan Huutiiwwaniin durfamu Sanbata yaada kenneen dooniiwwan daldalaa ulaan Bab el-Mandeb keessa darban irraa qaraxa guuruuf karoorfate kan jedhame soba jedhee haaleera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Huutiin Yamanii karoora dooniiwwan Galaana Diimaa cehan qaraxuufi jedhame haale

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Huutii

    Huutiin Yamanii karoora dooniiwwan Galaana Diimaa cehan qaraxuufi jedhame haale.

    Qaamni qindeessaa imala galaanarraa kan Huutiiwwaniin durfamu Sanbata yaada kenneen dooniiwwan daldalaa ulaan Bab el-Mandeb keessa darban irraa qaraxa guuruuf karoorfate kan jedhame soba jedhee haaleera.

    Tarkaanfiin akkasii akka hin fudhataminiii fi Ulaa murteessaan Baab el Mandab bilisa ta'ee akka itti fufu ibseera.

    Ibsi kun Rooyitarsi maddoota naannichaa wabeeffachuun Roobii darbe Huutiin gama kibba Galaana Diimaatiiin dooniiwwanirraa qaraxa guuruuf yaadaa jiru gabaasa jedhu hojjetuu hordofee bahe.

    Kunis dooniiwwan Sa'udi Arabiyaa akka ulaa kana hin dabarre labsii uggura galaanaa dabarsanii torban tokko booda dhagahame.

    Gabaasa Rooytarsi keessatti karoorri qaraxa kaffalchiisuu kun Adoolessa qondaalonni Huutii wayita Iraan daawwatan mari'atamuu eerameera. Yeroon isaa garuu hin murtoofne jedha gabaasichi.

    Huutiin amma ulaan kun nagaa tajaajila kennaa akka jiruu fi qaraxarraa bilisa ta'uu beeksise.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Sambataa eegale.

    Dhimmoota ijoo biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan BBC Afaan Oromoo Instagram gubbaa hordofaa.

    Nagaan oolaa!

  3. Iraan dooniiwwan boba'aa lama ulaa Hormuz keessatti haleelte

    Suuraa toora x irratti qoodame

    Madda suuraa, Niroo_daryay

    Humnootni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) dooniiwwan boba'aa lama ulaa Hormuz keessa darbuuf yaalan haleeluu isaanii beeksisan.

    IRGC ibsa baaseen, dooniiwwan kunneen akeekkachiisa humna galaanaa Iraan cabsuun karaa "seeraan alaa fi nageenya hin qabne" fayyadamanii imalaa turan.

    Akkasumas, dooniiwwan kunneen humna waraanaa Ameerikaatiin qilleensarraa eegumsa argachaa turan jechuun himate.

    Akka ibsa IRGCtti, haleellaan erga raawwatamee booda dooniiwwan boba'aa biroo afur ariitiin kallattii isaanii jijjiiranii gara bakka irraa dhufanitti deebi'aniiru.

    Humnootni Warraaqsa Islaamaa Iraan abbootii doonii fi dhaabbilee inshuraansii,waan waraanni Ameerikaa jedhu hordofuun gara ulaa kanatti dhiyaachuu irraa akka of qusatanis waamicha dhiyeesse.

    Gama biraatiin, Humni Waraanaa Ameerikaa (CENTCOM) Kamisa ibsa baaseen, daandii doonii idil-addunyaa Hormuz keessa jiran nageenya akka qaban ibse.

    IRGC marsariitii X irratti suuraalee dooniiwwan ibiddi itti qabate agarsiisan maxxansuun, "Namoonni qajeelfama cabsan xumura isaanii kana" jechuun barreesse.

    Haa ta'u malee, odeeffannoo Iraan baaste kana ilaalchisee qaamoleen walaba ta'an hanga ammaatti waan mirkaneessan hin qaban.

  4. Israa'el karoora nagaa Gaazaa Tiraamp baase ni mormitii?

    Tiraamp fi Neetaniyahuu

    Madda suuraa, AFP

    Qondaaltonni Israa'el tokko tokko karoora nageenyaa kana mormuun dhaga'amaa jira.

    Ministirri Nageenyaa Biyyoolessaa Israa'el Itaamar Ben-Gevir karoorri nagaa mootummaan Ameerikaa dhiyeesse "Israa'eliif fudhatama hin qabu" jechuun morme.

    Ben-Gevir akka jedhetti, waliigalteen kun Hamaasiif humna kenna, deebi'anii akka of ijaaranii fi haleellaa biraaf qophaa'aan carraa kenna.

    Kanaaf, haleellaan waraanaa Gaazaa keessatti itti fufuu akka qabu ibsan.

    Hogganaa waraanaa Israa'el duraanii Gaadii Ayzenkoot, waliigalteen humna waraanaa fi loltoota Hamaas diiguu hin dandeenye kamiyyuu kufaatii guddaa ta'uu ibsan.

    Ayzenkoot dabalataan, MM Beeniyaamin Netanyahu waliigaltee kana uummata Israa'elitti ifatti dhiyeessuu dhabuun gaaffii guddaa akka uumes dubbate.

    Israa'el yeroo dheeraaf Hamaas guutummaatti hidhannoo hiikkachuu akka qabu fi hidhannoon hundi Gaazaa keessaa akka baafamu gaafachaa turte.

    Haa ta'u malee, karoora Tiraamp keessatti hidhannoon Hamaas sadarkaa sadarkaadhaan hiikkaamee qaama mootummaa Filisxeem haaraa jalatti akka olkaa'amutu ibsame.

    Ta'us garuu Netanyahu'n karoora Gaazaa kana irratti Tiraampin mormuun akka itti ulfaatu xinxaltootni kan ibsan.

  5. Hamaas amma ibsa haaraa baase

    Loltoota Hamaasa

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhannoo ulfaataa keenya kan hiikkannu yoo Israa'el waraana dhaabdee Gaazaa keessaa baate qofa jechuun ibsa baasee Hamaas

    Sochiin Hamaas Israa'el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu guutummaatti yoo dhaabdee fi humnoota waraanaa ishee Gaazaa keessaa yoo baaste qofa hidhannoo gurguddaa akka hin hiikkannee eera.

    Hamaas marii Koree Nagaa kan Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaggeessaa jiru keessatti "itti gaafatamummaa fi haala gaariin" hirmaachuu ibsite.

    Akkasumas, gareewwan Filisxeem gidduutti waliigalteen mootummaa uumamuun gabaafame.

    Hamaas akka jedhetti, Israa'el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu dhaabuu fi waraana ishee keessaa baasuun waliigalteen kun hojii irra ooluuf haal-duree ijoodha.

    Ibsi Hamaas dabalataan, waliigalteen kun humna nageenyaa idil-addunyaa Gaazaatti bobbaasuu, mirga Filisxiimonni of bulchuu fi hiree ofii murteeffachuu kabachiisuu, akkasumas mootummaa Filisxeem walaba hundeessu akka hammatu ibse.

    Hamaas hidhannoon gurguddaan hiikkamu Koree Bulchiinsa Gaazaa (NCAG) jalatti olkaa'amee eegumsa jala akka oolu ibsame.

  6. Godaantotni 60,000 sa'aatii 24 keessatti Ispeen galan - Hogganaa kutaa bulchiinsaa Ispeen

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Godaantota Ispen seenan

    Godaantotni 60,000 sa'aatii 24 keessatti Ispeen (Ku'eetaa) galuu hogganaan kutaa bulchiinsaa Ispeen beeksisan.

    Sa'aatii 24 keessatti godaantonni 60,000 kaaba Afrikaa Morookoorraa gara Ispeen cehuun kutaa bulchiinsa Ispeen Ku'eetaa seenuu isaanii pirezdantiin kutaa bulchiinsa Ku'eetaa himan.

    Yoo xiqqaate namoonni 34 imala Morookoorraa gara Ispeen cehuu kanarratti dhumaniiru jedhan Pirezdant Ju'aan Jiisas Viivaas ibsa miidiyaaf kennanirratti.

    Yaa'insi godaantotaa kun kan uumame ji'a kana keessa Manni Murtii Ispeen godaantotni gara Ku'eetaa ykn Maliilaa (kutaa bulchiinsa biroo Ispeen kan taate) wayita cehan galaanarratti dhaabsifamuu fi gara Morookoo deebifamuu dhorkinaani.

    Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saanchez haala kana akka "haleelllaatti" ibsuun, mootummaan godaantota seeraan alaa hunda haala danda'ame hundaan "ariitiidhaan" gara Morookootti deebisuuf hojjechaa akka jiru dubbatan.

    Hoggantoonni Awurooppaa hedduunis yaaddoo qaban ibsan yoo ta'u, kaan ammoo to'annoo daangaa caalaatti jabeessuuf waadaa galaniiru.

    Ministirri Muummee UK Andii Barnhaami fi Pirezdantiin Fireench Ispeen gargaaruuf akka fedha qaban himan.

    Ku'eetaan gama Kaaba handaara galaanaa Morookootiin argamtu, qaama Ispeeni yoo taatu, Ulaa Gibraaltariin Ispeenirraa adda baati. Waggootaaf iddoo xiyyeeffannoo godaantota gara Awurooppaa cehaniiti.

    Aangawoonni mootummaa giddugaleessaaa Ispeenitti kan iyyatan yoo ta'u, garuu Kamisa daangaan cabee naannawa daangatti jeequmsi mul'ateera.

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Ispeen daangaarratti
  7. Haleellaa haaraa Israa'el Gaazaa irratti raawwataa jiru suuradhaan

    Haleellaa Qilleensaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Qilleensaa

    Doonaald Tiraamp hidhattoota Hamaas Gaazaa keessa jiran ''hiikkachiisuuf'' waliigalteerra ga'ameera yoo jedhan haleellaan Israa'el itti fufee jira.

    Israa’el Gaazaa irratti haleellaa haaraa banuun ishee, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Hamas hidhannoo hiikkachuuf waliigaltee erga labsanii sa’aatii muraasa booda.

    -

    Madda suuraa, Reuters

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Har’a ganama haleellaa qilleensaa Gaazaa irratti raawwatameen lammiileen Filisxeem hedduun madaa’uu isaanii Rooyitars gabaaseera.

    Yeroo walfakkaatutti haleella Gaazaa keessatti raawwateen loltoonni Israa’el 4 ajjeefamaniiru.

    Suuraaleen dhiheenya kana kaafaman kunneen haala jireenya hamaa namoota naannoo waraanaa jiraatan agarsiisu.

    -

    Madda suuraa, Reuters

    -

    Madda suuraa, Reuters

    -

    Madda suuraa, Reuters

  8. Karoorri Tiraamp Hamaas hiikkachiisuu akkamiin raawwatama?

    Hidhattoota Hamas Gaazaa keessatti 2025

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Hamas Gaazaa keessatti 2025

    Karoorri Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiheenya kana bahe akka agarsiisutti, mootummaa Hamaas hidhannoo hiikkachiisuu fi humnoota waraanaa Israa'el suuta suutaan Gaazaa keessaa baasuun yeroo wal fakkaatutti raawwatama.

    Akka karoora fuula afur qabu BBC'n argatetti, adeemsi kun to'annoo fi hordoffii boordii idil-addunyaa jalatti gaggeeffama.

    Qabxiileen ijoo karoorichaa keessaa:

    • Jalqabarratti, hidhannoon ciccimaan, bakkeewwan meeshaan waraanaa itti oomishamu, kuusawwan hidhannoo fi buufanni lafa jalaa Hamaas Gaazaa keessatti argaman guutummaatti lakkaa'amanii galmaa'u.
    • Humni nageenyaa idil-addunyaa tokko Gaazaatti bobba'a. Humni kun Koree Bulchiinsa Gaazaa haaraa kun mootummaa Filisxeem waliin ta'uun adeemsa hiikkachiisuu hordofa.
    • Hidhannoon Hamaas yeroo tokkoon osoo hin taane, suuta suutaan fi sadarkaa sadarkaadhaan hiikkachiifama. Karoorri hojii guyyoota 14 as keessatti akka qophaa'uu eegama.
    • Adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu, humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa sadarkaa sadarkaadhaan akka bahan waliin wal qabata. Koreen hordoffii tokko adeemsi kun sirnaan raawwatamuu isaa ni hordofa.
    • Waliigaltichi meeshaan waraanaa kamiyyuu Israa’eel ykn qaama Filisxeem hin taane kamiifuu akka hin kennamne ibsa.
    • Adeemsi kun erga xumuramee booda, qaamni mootummaa Filisxeem haaraan hundeeffamu qofti hidhannoo Gaazaa keessatti kuusuu, olkaawuu fi to'achuu ni danda'a.

    Karoora kana irratti mootummaa Israa'el hanga ammaatti ibsa hin kennine.

  9. Waraana Gaazaa waggaa lamaatiin maal maaltu ta'e, lakkoofsaan

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa Gaazaa

    "Waraanni sulula Gaazaa waggoota lamaa ol ture dhumaatii ilmaan namaa mul'atee hin beeknee fi gaaga'ama namoomaa isa hamaa hordofsiisuu" Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

    Akka gabaasa UN kan baatii Ebla bahetti, waraanni Gaazaa Paalestiinota 71,000 caalan fixe, kanneen 171,00 ta'an immoo madaawanii jiru erguma waraanni kun eegalee jechuudha.

    Ummanni miliyoona 1.2 caalu jechuunis uummata Gaazaa keessaa 60% qe'eesaaniirraa akka buqqa'an amanama.

    Akka tilmaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Gaazaa keessatti misoomni namaa waggaa 77'n duubatti deebi'e.

    Kun kanaan osoo jiruu, gama Israa'eliin lammiileen Israa'el 1,671 fi lammiilee biyyoota alaa ajjeefamaniiru. Irra caalaan namoota gama Israa'eliin ajjeefamanii haleellaa Onkololeessa 07, 2023tiin ajjeefaman.

    UN buqqaatii guddaa fi mancaatiin gama Israa'eliin mudachuu ibseera.

  10. Sa'atii 24 keessatti godaantonni 49,000 Ispeen seenuu qondaaloti biyyattii himan

    Godaantota Ispeen galuuf yaalaa turan

    Madda suuraa, cx2kp639yx4o

    Godaantonni 49,000 tahan sa'atii 24 keessatti daangaa Ispeen See'uutaa jedhamtu gama kaaba Afrikaarra jirtuun Morokoorraa Ispeen seenuu qondaaloti biyyattii beeksisaniiru.

    Viidiyoo fi suuraaleen gadhiifamaa jiran gaafa Kamisaa namoonni gara magaala kanaa ce'uuf yeroo bishaan daakan agarsiisu. Miidiyaan biyya keessaammoo halkaniyyuu namoonni 300 hanga 400 ce'aa turan jedhan.

    Akka qondaaloti jedhanitti yeroo dhihoo dargaggoonni ganna 18 otoo hin hafiin daangaa kana ce'uuf otoo yaalanii lubbuu dhabaniiru.

    Dhaddachi Olaanaa Ispeen godaantonni baatii kana keessa otoo magaalaa See'utaa gahuuf yaalanii hafan gara Morookootti deebi'uu hin danda'an jechuun booda oduun kuni dhagahame.

    See'uutaan daangaa kaaba Morookootti argamtu yoo tahu lafa gogaa Ispeenirraa Ulaa Jibiraaltaartu adda baasa godaantota gara Awurooppaa ce'uuf yaalaniifis iddoo ija tahe dha.

    Qondaaloti naannoo godaantonni daangaa biyyattiitti ce'uuf yaalan baayyannan mootummaa Maadriid jiruuf iyyataniiru.

    Gaafa Kamisaa garuu daangaa kanatti wacaafi jeequmsatu eegdonni daangaa to'achuu hin dandeenyetu ture.

    Akka qondaaloti jedhanitti lakkoofsi godaantota seenaniin walakkaa uummata See'uutaa 83,600 ola taha.

  11. Haleellaa diroonii Masrii irratti raawwateen sochiin dooniiwwan Siwiiz Kaanaal yaaddoorra bu'e

    Siwiiz Kaanaal

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaan diroonii buufata doonii Masrii Daamiiyeetaa qarqara Meeditaraaniyaanirra argamutti raawwate dooniiwwan gaasii geejiban irratti ibidda qabsiiseera.

    Sochii doonii Siwiiz Kaanaalii irratti yaaddoo uumeera.

    Yeroo lolli Ameerikaa fi Iraan hammaachaa dhufe kanatti Siwiiz Kaanaal daldala boba'aa Saawudiif sararoota murteessoo hafan keessaati.

    Dooniiwwan lama kan buufata doonii Daamiiyeetaarra turan irratti ibiddi akka qabatu kan godhe haleellaa diroonii tahuu Masriin ifatti beeksisteetti.

    Hamma ammaa haleellaa kanaaf qaamni ittigaafatamummaa fudhate hin jiru.

    Buufatni doonii kuni dhihoo sarara Siwiiz Kaanaal Meediteraaniyaaniifi Galaana Diimaa wal-qunnamsiisuutti argama.

    Haleellaan diroonii kuni kuusaa gaasii Ameerikaa irra erga raawwatameen booda ibiddi qabachuun dooniiwwan kaaniitti tamsa'uu namoonni ijaan argan Rooyitarsitti himaniiru.

    Iraan haleellaa Daamiyeetaa irratti raawwate keessaa harka akka hin qabne ibsiteetti.

    ''Masriin naannicha keessatti michuu yoo taatu nageenyishees nuuf akkaan murteessaa dha,'' jechuun Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abaas Araachi himaniitu.

    ''Nagaa naannichaa booressuuf shiraafi waliih dhahaa Israa'el xaxxu hundi kee dammaqinaan eeggachuu qabna,'' jedhan.

    Waraanni Iraan baatii shan lakkoofsise sochii dooniiwwanii Ulaa Hormuuz keessatti taasifamu daangessuun dhiyeessi aannisaa addunyaa irratti dhiibbaa uumeera.

    Waraanni jalqabuun dura Ulaa Hormuuz keessa boba'aa addunya dhibbeentaa 20 tahutu keessa darba ture.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu biyyoota lameenii irratti dhimmi dhiibbaa gochaa jirus waa'eema Ulaa Hormuuz kana.

  12. Lammiin Biriiteen Iraaniif basaasaa ture jedhame to'atame

    Xiyyaara buufata waraanaa

    Madda suuraa, Reuters

    Buufata waraanaa Biriiteen Qophiroos jirutti lammiin UK Iraaniif basaasaa ture jedhame to'annoo jala oole.

    Namni ganna 40 Rashaad Sultaanov jedhamu buufata waraanaa kanatti akka mul'ateefi Rippaabliika Islaamaa Iraaniif odeeffannoo qooduusaatu ibsame.

    Rashaad lammummaa Aazarbaajaanis kan qabu yoo tahu poolisiin Qophiroos to'annoo jala isa oolchuun booda UK'f dabarfamee kennameera.

    Poolisiin UK labsii nageenya biyyaalessaan nama kanarratti himannaa akka banu beeksiseera.

    Ameerikaa fi Israa'el Teehraan irratti waraana banuun booda baatii Bitootessaa keessa Iraan buufata waraanaa UK Qophiroos jiru irratti haleellaa raawwatteetti.

    UK'n bara 1950 qabee Qophiroos keessaa buufata waraanaa kan qabdu yoo tahu buufaticha haleellaa Iraan irraa itti dhufu qolachuuf itti fayyadamteetti.

    Namni kuni naannoo buufata waraanaa UK kanatti hojii basaasummaa kan dalage Caamsaa 11/2025 hanga Waxabajjii 22/2025

  13. Hamaas hidhannoo akka hiikkatu yeroo beeksisetti, Israa'el Gaazatti haleellaa gaggeessite

    Nama gamoo jijjiga keessa dhaabbatu

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas akkaataa Karoora Nagaa Tiraamp dhiyeessetti hidhannoo akka hiikkatu har'a yeroo dhagahametti Israa'el Gaazatti haleellaa raawwatte.

    Israa'el haleellaa kan gaggeessite, Pirezidaant Doonaald Tiraamp Hamaas hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu beeksisee sa'aatii muraasa boodadha.

    Haleellaa kanaan Filisxeemonni heddu miidhamuusanii maddi Oduu Rooyitars gabaase.

    Aljazeeraan ammoo haleellichi Magaalaa Gaazaa naannoo Karaamaa jedhamutti gaggeeffamuu gabaase.

    Humni Waraanaa Israa'el haleellaa gaggeeffameen miidhaa qaqqabe qorataa akka jiru beeksie. T

    Onkoloolessa darbe erga Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuuf waliigalanii as haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessituun hanga ammaa namoonni 1, 168 du'uu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise. Gama Israa'eliin ammoo loltoonni afur ajjeefamaniiru.

    Karoorri Nagaa Tiraamp waraana Gaazaa dhaabsisuuf jalqabe kun gulantaa sadi kan qabu yoo ta'u, Hamaas hidhannoo hiikkachuutti waliigaluu hordofee gara marii gulantaa lammaffaatti cehuuf abdiin jira yeroo jedhamuttiidha Israa'el Gaazatti haleellaa kan gaggeessite.

    Hamaas hidhannoo hiikkachuutti waliigaluu ibsa Tiraamp kenne ilaalchisee mootummaan Israa'el hanga ammaa homaa hin dubbanne.

  14. Hamaas akkuma jedhe hidhannoo hiikkata taanan waraana Gaazaa guutummaan dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa ta'uu danda'a

    Dubartoota bakka haleellaan manca'e keessaa mul'atan

    Madda suuraa, Reuters

    Marii yeroo dheeraa booda, Hamaas yeroo jalqabaaf gutummaan hidhannoo hiikkachuuf waliigale.

    Karooricha kan dhiyeesse, Boodii Nagaa kan Tiraamp hundeesse yoo ta'u Hamaas Gaazaa keessatti guutummaan hidhannoo akka hiikkatu kan jedhuudha.

    Marii nagaa giddu seentummaa UStiin taasifamaa ture kanaan Hamaas hidhannoo hiikkachuun wal-qabatee rincicuusaan lafarra harkifataa turuun kan ibsame yoo ta'u, meeshaalee waraanaa hidhate hikkachuuf tole jedheera.

    Kuni ammoo marii gulantaa 2ffaatti cehuuf haala mijataa kan uumudha jedhameera.

    Akkaataa karoora waraana Gaazaa guutummaan dhaabuu bulchiinsi Tiraamp dhiyeessetiin, mariin kan taasifamu gulantaa sadiin yoo ta'u, hanga ammaa gulantaa jalqabaa qofaatu taasifame.

    Hamaas hidhannoo akka hiikkatu kan beeksise gaggeessaa haaraa Kaliin al-Hayyaa erga filatee boodadha.

    Qondaalonni Filisxeem mariiwwan taasifaman keessatti hirmaatan akka jedhanitti, gaggeessaan Hamaas haaraa filame seenaa Hamaas keessatti murtee baay'ee murteessaa fudhachuuf kan qophaa'e ta'uu kan akeekudha.

  15. Gaanaan umurii xiqqaa itti pirezidaantii ta'an 35tti daangessite

    Pirezidaantii Gaanaa

    Madda suuraa, Reuters

    Gaanaan umurii xiqqaa namni tokko pirezidantii biyyattii ta'ee itti filamu waggaa 35tti akka daanga'u murteessuu Rooyitarsi gabaase.

    Ministiirri Haqaa Gaanaa Kamisa, Adoolessa 30, akka beeksisetti kanaan dura umuriin xiqqaan namni itti pirezidaantii ta'uu danda'u waggaa 40tti kan ture yoo ta'u, seera amma dhiyaateen 35tti akka gadi bu'u ta'eera.

    Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa bara darbe koree hundeessuun, seera duraan ture kan umuriin xiqqaan itti pirezidaantii ta'anii filaman 40 ture akka fooyya'uuf ajaja kennanii ture.

    Seerri umurii xiqqaa itti pirezidaantii ta'an kan murtaa'e heera biyyattii bara 1992 baheen yoo ta'u, amma akka fooyya'u ta'eera.

    Umurii xiqqaa gaggeessaan tokko pirezidantii ta'ee itti filamu qofa osoo hin taane barri aangoo pirezidaantiis waggaa afur irraa gara waggaa shaniitti akka guddatu godhamee jira.

    Barri aangoo pirezidaantii waggaa afur irraa gara waggaa shaniitti akka guddatu kan godhameef, mootummaan hojii karorse milkeessuuf yeroo gahaa akka argatuuf ta'uu ministeerri haqaa biyyattii ibse.

  16. Hamaas karoora Tiraamp fudhachuun hidhannoo hiikkachuutti waliigaluu ibse

    Daa'ima gamoo jijjige walakkaa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Pirezidanti Doonaald Tiraamp karoora nagaa Gaazaa Board of Peace jedhamu labsee booda Hamaas hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu ibse. Dhimma kanarratti hanga yoonaa Israa'el yaada hin kennine.

    Garuu yoo loltoonni Israa'el Gaazaa gadhiisanii hin baane Tiraamp akka mufatu qondaalonni US himaniiru.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp karoorri nagaa Gaazaa- Board of Peace jedhamuu fi Hamaas fi hidhattoonni kaan akka hiikkatan gaafatu milkaa'uu ibse.

    Tiraamp akkuma Hamaas fi gareen hidhatanii Gaazaa keessa socho'an kaan hiikkataniin loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa baafamu jedhe.

    Adeemsi kun sadarkaa milkaa'inaarra ga'uu kan ibse Tiraamp ''gulantaa murteessaa Gaazaan mootummaa Filisxeem haaraadhaan buluurra geessetti ceeneerra,'' jedhe.

  17. Godaantonni kumaan lakaa’aman daangaa Ispeen cabsanii seenuu hordofee biyyaattiin humna waraanaa bobbaaste

    Waraana Ispeen

    Madda suuraa, Reuters

    Godaantonni kumaan lakkaa’aman Morookoo irraa ka’uun daangaa Ispeen humnaan cabsuun seenuu hordofee mootummaan Ispeen humna waraanaa bobbaase.

    Godaantonni kunneen oddola xiqqoo Ceuta jedhamtu Bo’oo Jibraaltaar irratti argamtutti kan qaxxaamuran yoo taatu, daangaa Morookoo waliin baay’ee walitti dhiyoodha.

    Taateen kun kan mudate Kamisa yoo ta’u, viidiyoowwan qoodamaa turanirraa akka mul’atutti, godaantonni lakkoofsaan heddu ta’an bishaan daakanii Ceuta bakka jedhamutti yeroo cehan ni mul’atu.

    Gama Morookoo irraa ka’uun oddola Ispeen kana gahuuf yeroo bishaan daakanii cehan namoonni 15 bishaanin nyaatamanii du’uun ibsame.

    Qondaalonni oddoolichaa mootummaa giddu galeessatti iyyatanis, godaantonni kumaatamaan humnaan daangaa cabsanii Ispeen seenuu dhorkuu hin dandeenye.

    Godaantonni oddoola Ispeen erga gahanii booda gara Morookotti deebifamuu akka hin qabne Manni Murtii Olaanaa Ispeen ji’a kana murteessee ture.

    Taatee amma mudate kanaaf mootummaan biyyattii kanneen seeran ala namoota daddabarsan kan komate yoo ta’u, haala naannichaa to’achuuf humna waraanaa bobbaasuu beeksise.

  18. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Hamaas hidhannoo akka hiikkatu ibseera. Kun erga Tiraamp karoora nagaa Gaazaa jechuun ibseeti.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo jiranii fi dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaan akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa irra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Dhihaadhaa!