Yaadannoowwan Mahaatama Gaandiin ofii barreesse dolaara mil 1.9tti gurguraman

Madda suuraa, Saffronart
Yaadannoowwan Mahaatama Gaandiin ofii barreesse dolaara mil 1.9tti gurguraman.
Hogganaan qabsoo bilisummaa uummata Hindii Mahaatama Gaandiin yaadannoon harkaan barreesse Hindii magaalaa Mombaay keessatti dolaara mil. 1.9tti gurguraman.
Yaadannoowwan Gaandii kunneen harka maatii isaa Anaand Tii Hingoraaniikan turan yoo ta'u, baroota 1944 fi 1946 gidduu barreeffaman.
Dhugaa, jeequmsarra of eeguu fi of to'achuu yaadawwan jedhaman yaadannoo kana keessatti hammatamanii jiru.
Hangi maallaqaa yaadannoowwan kanneen bituuf dhiyaate, sanada seena qabeessa Hindiitiif gatii olaanaa kaffalame ta'uu caalbaasii kana kan qopheesse dhaabbanni Saafroon Aart jedhamu beeksise.
Waldhaansoo Hindii gita bittaa koloneeffattoota Ingliizii jalaa baasuu kan hoggane Gaandiin abbaa qabsoo karaa nagaa jedhamee beekama.
Yaadannoon isaa miilanaa kun garuu siyaasaan gamatti Maahatamaan dhuunfaan nama akkamii akka ture baruuf kan karaa saaqani.
Gaandiin haadha warraa isaa Viidiyaa du'aan kan dhabe Hiingoraaniif xalayaa barreesse gaddaa fi jajjabina barreessefii ture. Ergaawwan kunneen boodarra ‘A Thought for the Day’ mata duree jedhuun kitaaba barreeffame keessatti hammatameera.
Hundeessitoota Saafroon Aart keessaa tokko kan ta'e Daaniish Vaaziraanii yaadannoowwan kunneen Maahatama Gaandiin dhiyeenyattii fi dhuunfaan nama akkamii akka ture hubachuuf kan dandeessisani jedhe.
Caalbaasii dhiyaaterratti xalayaawwan, dokimantoonni harkaan barreeffaman, suuraaleen fi meeshaaleen dhuunfaa jiru.
Meeshaaleen waggoota kurnan lamaa oliif walitti qabamaa turan kunneen yeroowwan murteessoo qabsoo walabummaa Hindii fi michummaa Gaandii fi Hiingoraanii agarsiisu.





