Kirkirri lafaa Rektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudateen yoo xiqqaate namoota 80 galaafate

Madda suuraa, EPA/Shuttershock
Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudate daa'imman dabalatee yoo xiqqaate lubbuu namoota 80 galaafate.
Tajaajilli Ji'oolojikaalaa Kolombiyaa kirkirri lafaa kun kirkira lafaa isa hamaa waggoota 10 as mudatee hin beekne jedhe.
"Hanga ammaa sochiin lafaa kirkira lafaa boodaa (aftershocks) rekt. isk.2.8 fi 4.8 erga taatee kanaatii as bal'inaan dhagahamuu" Tajaajilli Ji'oolojikaalaa kun fuula X isaarratti beeksise.
Kirkirri kun hanga Veenzuweelaa, Ikuwaadoor fi Paanaamaatti dhagahameera.
Saalii keessatti yoo xiqqaate gamoowwan 20 jijjiguu fi namoonni achi jalatti danqamuu kantiibaan magaalattii himan.
Hospitaalonnis manca'uu ibsan.
Manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan cuccufaman. Kutaa bulchiinsa Kalkdaas keessatti dareewwan barnootaa manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan Maanizeels adda citan.
Pirezdantiin biyyattii Daani'eel Nobo'aa Aziin barbaachi fi baraarsi namootaa akka raawwatamu waamicha godhan.
Naatoo fi gadda maatii miidhamtootaa fi qabanis ibsan karaa fuula X isaanii ibsan.

Madda suuraa, EPA/Shuttershock










