Huutiin wiirtuu boba'aa Sa'uudii haleele, Yamanittis namoota torba ajjeese

Huutiin Yamanii ji'a darbe erga Sa'uudiitti ulaa Galaana Diimaa cufee dooniiwwan fi buufataalee handaara galaanaa akkasumas wiirtuuwwan boba'aa irratti haleellaa raawwataa jira.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kirkirri lafaa Rektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudateen yoo xiqqaate namoota 80 galaafate

    -

    Madda suuraa, EPA/Shuttershock

    Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa Rektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudate lubbuu namoota 26 galaafate.

    Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudate daa'imman dabalatee yoo xiqqaate lubbuu namoota 80 galaafate.

    Tajaajilli Ji'oolojikaalaa Kolombiyaa kirkirri lafaa kun kirkira lafaa isa hamaa waggoota 10 as mudatee hin beekne jedhe.

    "Hanga ammaa sochiin lafaa kirkira lafaa boodaa (aftershocks) rekt. isk.2.8 fi 4.8 erga taatee kanaatii as bal'inaan dhagahamuu" Tajaajilli Ji'oolojikaalaa kun fuula X isaarratti beeksise.

    Kirkirri kun hanga Veenzuweelaa, Ikuwaadoor fi Paanaamaatti dhagahameera.

    Saalii keessatti yoo xiqqaate gamoowwan 20 jijjiguu fi namoonni achi jalatti danqamuu kantiibaan magaalattii himan.

    Hospitaalonnis manca'uu ibsan.

    Manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan cuccufaman. Kutaa bulchiinsa Kalkdaas keessatti dareewwan barnootaa manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan Maanizeels adda citan.

    Pirezdantiin biyyattii Daani'eel Nobo'aa Aziin barbaachi fi baraarsi namootaa akka raawwatamu waamicha godhan.

    Naatoo fi gadda maatii miidhamtootaa fi qabanis ibsan karaa fuula X isaanii ibsan.

    -

    Madda suuraa, EPA/Shuttershock

    Ibsa waa'ee suuraa, Namaoota buqqa'an
  2. 'Misaayeloonni Iraan sichi ittisa qilleensaa miliqanii haleellaa raawwachuu danda'u' - Iraan

    Misaayeloota Iraan Addababaayii Walabummaa, Tehraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaayeloota Iraan Addababaayii Walabummaa, Tehraan

    Misaayeloonni Iraan sichi ittisa qilleensaa miliqanii haleellaa raawwachuun dirree waraanaa jijjiiruu danda'u jedhan dubbii himaan humna addaa Eegdota Warraaqsaa Iraan.

    "Misaayeloon Iraan akka tana duraa iddoo tokko qofarraa dhukaafamuun bakka murtaa'e tokko qofatti akka haleellaa raawwataniif hin furguugfaman, miilana dandeettii qajeeluu fi kallattii jijijjiirachuu qabu" jedhan dubbii himaan Eegdota Warraaqsaa Iraan (IRGC) Birgaader Jeneraal Huseen Sayid.

    "Misaayeloonni kuun kallattii furguggee isaanii jijjiirachuu, fulaa sirna ittisa qilleensaa diinaarraa irraa maquu danda'u" jedhan.

    Ji'a darbe haleellaa misaayelaa Iraan buufata humna qilleensaa US Jordaan keessatti argamurratti raawwatteen loltoonni US lama ajjeefamuu kan yaadachiisan Itti Aanaan Ajajaa waraanaa duraanii Jordaan Lt. Jen. Qaasid Mahaamud, Iraan misaayeloota sasalphoo raadaarii miliquu danda'an ... achumaan misaayeloota qulqullina fooyyee, kan qiyyaafannoo isaa dhumaa 30 ykn 40 km keessatti jijjiiruu danda'an fayyadamti" jedhan.

    Moheb humnoonni Iraan amma misaayeloota gara balallii olka'iinsa giddugaleessaatti fooyyessuu akka danda'an himan.

  3. Ulaan Hormuuz bakka waraanaan duraatti tasa hin deebi'u jette Iraan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Alii Nikzaad

    Iraan Wixata kana yaada kenniteen Ulaan Hormuuz bakka waraanaan duraatti tasa hin deebi'u jette.

    Afyaa'ii itti aanaan Paarlaamaa Iraan Alii Nikzaad, Ameerikaa fi Israa'el dhugaa haaraawa tana liqimsuu qabu jedhan miidiyaa mootummaa IRIB irratti yaada kennaniin.

    "Ulaa Hormuuz deebisanii banuun waraana hin barbaachisu, [isaan] haala qabatamaa naannichaa haarawa dhalate kanaaf harka laachuu qabu," jedhan.

    Marii Omaan walin godhamu ilaalchisee, Nikzaad Iraan waliigaltee kiyyaa fi Omaan malee karaan asirra dabarsu hin jiru jettee jirti.

    "Murtoo irree jabaa humnoota Rippaablika Islaamaatiin murtaawuun qofaa karaan cehumsa dooniiwwanii murtaa'a" jedhan.

    Iraanifi Omaan egeree Ulaa Hormuuzifi nageenya imalaa achirratti taasifamu ilaalchisee mariin gochaa jiraachuun isaanii ni beekama.

  4. Iraan ajajaa olaanaa haaraa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa muudde

    Moohseen Reezaayi

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan nama ijjannoo leellistummaa cimaa qaba jedhamuun beekamu Moohseen Reezaayi ajajaa Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyyaalessaa gochuun muudde.

    Moohseen Reezaayi ajaa duraanii Eegdota Warraaqsa Islaamaa yoo ta'an amma gaggeessaa olaanaa Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyyaalessaa biyyattii ta'uun muudamuu isaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Qondaalli haaraa muudaman kun ajajaa duraanii mana marichaa Mohaammad Baqiir Zolqaadir caalaa dubbii nama amansiisu dubbachuu kan danda'aniifi ija uummataa durattillee beekamaniidha jedhamu.

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan ajajaa olaanaa kan turan Mohaammad Baqiir kaasuun Moohseen Reezaayi maaliif akka muudan waanti ifa ta'e hin jiru.

    Qondaalli aangorraa kaafaman, Mohaammad Baqiir ji'a Bitootessaa darbe Alii Laarjiyaanii haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu hordofee muudamanii ture.

  5. Iraan waliigaltee waraanaa Paakistaan-Turkii-Sa'udi sababni sodaadhuf hin jiru jette

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan waliigaltee waraanaa Paakistaan-Turkii-Sa'udi sababni sodaadhuf hin jiru jette

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'el Baaghee Wixata yaada kennaniin sababni itti waliigalteen waraanaa Paakistaan-Turkii-Sa'udii Iraan yaaddessu hin jiru jedhan.

    Baagheen waliigaltichi tarsiimoon biyyoonni naannichaa nageenyaa irratti qaban jijjiiramuu agarsiisa jedhan, kunis biyyoonni humna alaa caalaa dandeetttii ofii irratti hirkachuu guddaa agarsiisa.

    "Karoorri kamuu ji'oopolotikaa fi haala qabatamaa naannichaa giddugaleessa godhate, kan waliigalaa fi hammataa akkasumas diina fi yaaddoo adda baase, nageenya cimsuufi jeequmsaa fi sarbama diina Ziyoonistiifi michoota ishee hambisuuf hiree ni uuma" jedhan Israa'elitti quba yoo qaban.

    Sa'udii Arabiyaa, Turkiifi Paakistaan waliigaltee waraanaa yeroo rakkinaa kan waliif mallatteessan torbee darbe keessa ture.

    Waraanni Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Saawudiis harkisuu danda'a yeroo jedhamuuttiidha biyyoonni kun sadan waliigaltee tumsa waraanaa kan waliif mallatteessan.

    Akkaataa waliigaltee waraanaa biyyoonni kun waliif mallatteessaniitti, haleellaan biyya tokkorratti yoo gaggeeffame akka waan sadan isaanirrattuu gaggeeffameetti fudhachuun waliif duulu.

    Saawudii Arabiyaafi Paakistaan duraanuu waliigaltee waraanaa waliif mallatteessanii turan.

    Amma immoo Turkii dabalachuun waliigaltee tumsa waraanaa waliif mallatteessuu ifatti beeksisan.

  6. Yukireen haleellaa Raashiyaa irratti gaggeessiteen namoonni 13 ajjeefaman

    Buufata boba'aa Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen haleellaa bulchiinsa Raashiyaa Taataristaan jedhamurratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 13 ajjeefamuu qondaalonni biyyattii ibsan.

    Namoota du'an keessaa tokko daa'ima yoo taatu, kanneen du'aniin alatti ammoo namoonni 75 haleellaa kanaan madaa'aniiru.

    Erga waraanni kun eegalee waggoota darban keessatti haleellaa isa hamaa daangaasheerratti raawwate ta'uu ibsite Mooskoon.

    Haleellaan kun daangaa Yukireen irraa km 1,100 irraa fagaattee kan argamtu magaalaa Nizhnekamsk jedhamturratti raawwate.

    Humni Waraanaa Yukireen buufata boba'aa itti qulqulleessan magaalattii keessatti argamurratti haleellaa gaggeessuu beeksiseera.

    Haleellaan kun halkan edaa sa'aatii dheeraaf gaggeeffamaa turuutu gabaafame.

    Yukireen yeroo dhiyoo as buufataalee boba'aa Raashiyaarratti xiyyeeffachuun haleellaa ciccimaa gaggeessiturraa kan ka'e hanqinni boba'aa Raahsiyaa keessatti mudachaa jiraachutu gabaafame.

  7. Waraanni Yaman haleellaa Huutiin namoonni torba ajjeefamuu ibse

    Huutiin Yamanii ji'a darbe erga Sa'uudiitti ulaa Galaana Diimaa cufee dooniiwwan fi buufataalee handaara galaanaa akkasumas wiirtuuwwan boba'aa irratti haleellaa raawwataa jira.

    Kana malees buufataalee handaara galaanaa mootummaa Yamaniin hoogganamanirrattis haleellaa raawwachaa jiraachuu ibse.

    Dubbi himaan waraana Huutii Yahyaa Saaree gareensaa magaalaa handaara Galaana Diimaa Yaman- Mocha jedhamtu diroonii fi misaayelaan haleeluu ibseera.

    Buufati mootummaa Aden jiruun hoogganamu, kan Huutiin haleeluu hime, kun iddoo akkaan murteessaa ta'e Bab el-Mandabitti dhihoo jira.

    Qondaalonni Yaman sadi humni ittisaa biyyattii dirooniiwwan Huutiin dhukaase qolachuu ibseera.

    Dubbi himaan waraana Yaman haleellaa Huutii kanaan namoonni torba ajjeefamuu ibse.

    Ministeerri geejjibaa Yaman haleellaa Huutii kanaan misoomaawwan bu'uuraa buufatichaa guddoo miidhamuu ibseera.

    Erga Guraandhala 28 US fi Israa'el haleellaa eegalanii Iraan fi michuuwwan ishee Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Galoo Galaanaa kaanirratti haleellaa raawwachaa fi geejjiba boba'aasaaniitti daandii cufaa jiru.

    Mariin dippiloomaasii US fi Iraan gidduutti eegalames hanga ammaatti bu'aa hin buusin jira.

  8. Huutiin wiirtuu boba'aa Sa'ud Arabiyaa haleele

    Suuraa saatalaayitii doonii Galaana Diimaa irra jiru agarsiisu

    Madda suuraa, Reuters

    Deeggarsa Iraan kan qabu Huutiin Yaman kubbaaniyyaa oomisha boba'aa guddicha Sa'ud Arabiyaatti wiirtuu boba'aa qulqulleessu haleeluu ibse.

    Kunis erga Sa'uudii, Turkii fi Paakistaan waliigaltee humna waraanaa mallatteessanii guyyaa lama booda.

    Byyoonni sadeen sababa waraana US fi Iraan rakkoon nageenyaa Baha Giddugaleessaatti dhalate isaan yaaddessinaan adda waraanaa kana akka uummatan ibsan.

    Waliigalteen kun biyyoonni sadeen tokkummaasaanii cimsachuun weerara kamuu gamtaan qolachuuf kan dandeessisu too ta'u, haleellaan biyya tokkorratti raawwatamu akka haleellaa biyyoota sadan irratti raawwatametti ilaalama jedha.

    Garuu Turkii fi Paakistaan Sa'uudii bira dhaabbachuun haleellaawwan raawwatamaa jiran irraa qolachuu fi dhiisuu ilaalchisee wanti ifa ta'e hin jiru.

    Huutiin dooniiwwan Sa'uudiitti karaa kan cufu ji'a darbe ture.

    Dubbi himaan humna waraanaa Huutii Yahyaa Saaree dirooniidhaan buufata oomisha boba'aa Sa'uudii haleeluu X irratti barreesseera.

    Gareen kun duraan wiirtuu guyyaatti boba'aa baarmeela kuma 400 qulqulleessu Jizaan keessatti haleeluu ibsee ture.

    Akkasumas buufata boba'aa handaara Galaana Diimaatti argamu Yanbu jedhamu haleeluus ibseera.

  9. 'Reeffi shaanxaa keessatti' argame ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame

    Bakka poolisiin qorannoof daangesse

    Madda suuraa, ABC News

    Awustiraaliyaatti 'reeffi shaanxaa keessatti' argame qorannoon booda ashaangulliitii nama-fakkaatu ta'ee argame.

    Poolisiin Awustiraaliyaa reeffa shaanxaa keessatti argee erga qorannoo irratti gaggeesseen booda 'miidhamtuun' nama osoo hin taane ashaangulliitii nama-fakkaattu ta'uu ibseera.

    Shaanxaan kun mandara xiqqoo O'aaleen jedhamtu kan kibba-lixa Sidiniirraa kiiloomeetira 230 fagaattee argtamtutti daandii qarqaratti namoota lamaan argame.

    Poolisiin wixata har'aa nama ajjeefamerratti qorannoo gaggeessuu akka jalqabe erga ibsee dubbichi qalbii ummataa hawwatee kan ture yoo ta'u, boodarra garuu qorannoo foorensikii gaggeeffaeen reeffi shaanxaa kessatti argame sun kan namaa osoo hin ta'iin hafeera.

    Poolisiin akka jedhetti, wanti shaanxaa keessatti argame "jalqabarratti nama waan fakkaatuuf dogoggora uumeera. [Ashaangulittiin kun] dhugumatti reeffa nama fakkaatti ture," jedhan Poolisiin Onaa Humee Lindaa Biraandbalii.

    "Haata'u malee, mala biraatiin reeffa namaa akka hin taane mirkaneeffanneerra."

    Ashaanguliitiin kun uffate uffattee jirti, faayaa dabbasaafi uraa funyaaniillee ni qabdi," jedhe poolisiin.

    Kana malees, "wanti shaanxaa keessatti argame kun miidhaa, godaannisa waan fakkaatu fuularraa qabdi," jedhe poolisiin.

  10. Waraanni Naayijeeriyaa namoota hidhattootaan butaman 33 baraaruu ibse

    Waraanni Naayijeeriyaa namoota baraaruu mirkaneessuu suura waliin miidiyaa hawaaasummaarratti maxxanse

    Madda suuraa, HQ Nigerian Army / Facebook

    Waraanni Naayijeeriyaa namoota kaaba lixa biyyattii, bulchiinsa Zamfara jedhamutti hidhattootaan butamuun bakka dhoksaa geeffaman 33 baraaruu ibse.

    Waraanni kun haleellaa baneen hidhattoonni dheessanii bosona keessa wayita dhokatan namoota kunneen baraaruu ibse.

    Naayijeeriyaatti namoota ugguruun maallaqa gaafachuun baratamaadha, keessattuu kutaa kaaba-lixaa kanatti.

    Dubbi himaan waraana Naayijeeriyaa Lt-Kol Aliyu Danja hidhattoonni kunneen maaliif akka namoota kunneen ugguranii fi eessatti akka geessuu barbaadan beekamuu baatus, ammallee garuu ugguramtoota baraaraman kunneen hordofaa jiraachuu himan.

    Jiraattonni naannawa kanaa of eeggannoo fi qophiin akka turan akkasumas odeeffannoo argatan hunda akkka qaama nageenyaaf eeran waamicha dhiheessan.

    Humna nageenyaa Naayijeeriyaa Kamisa darbes namoota ugguraman 300 ta'an baraaruu ibsee ture.

  11. Israa'el karoora nagaa Gaazaa abbaa qabxii 15 Tiraamp baase kuffiste

    Pirezidant tiramp fi MM Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Israa'el erga jalqaba Onkoloolessa keessa dhukaasa dhaabuurratti waliigaltee Gaazaa keessatti haleellaa dhaabdee hin beektu.

    Ammas karoora Tiraamp kana akka hin fudhanne ibsiteetti.

    Neetaaniyaahuun walga'ii kaabinee Dilbataa irratti ''Israa'el karoora nagaa qabxii 15 qabate kuffisteetti,'' jedhe.

    Israa'el karoora nagaa Tiraamp kana hin fudhanneef sababa hin fudhanneef ibsiteetti.

    Gama Hamaasiin ammoo maaltu jedhame?

  12. Chaayinaatti roobi bubbee fi bakakkaa makate hammaannaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kaafaman

    Balaan roobaa Chaayinaatti namoota miiliyoona tokko qe'eerraa kaase

    Madda suuraa, Reuters

    Aangawoonni Chaayinaa akka himanitti, sababa rooba hamaa bubbee fi bakakkaa makatee roobuu eegaleen namoonni miiliyoona tokko ta'an magaalaa daldalaa biyyattii Shangaayidabalatee kutaalee baha biyyattii keessaa kaafamaniiru.

    Bubbee hamaan rooba balaafamaaf sababa ta'e Typhoon Dolphin jedhamu kun balaa sigiga lafaa uumeera.

    Sababa balaa kanaan geejjibi gufateera. Shagaayi qofatti Wiixata har'aa balaliin 1,000 caalu haqameera.

    Aangawoonni biyyattii roobi balaafamaan itti fufee akka roobuu fi balaa lolaa hamaa akka uumu, kun ammoo sigiga lafaa uumuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

    Bubbee hamaan kun jalqaba wayita Yuhuwaan keessatti mul'atu sa'atiitti kiilomeetira 150 akka imalu kan barame yoo ta'u, yeroo muraasa booda magaalaa Wenzhou keessatti balaa sigiga lafaa uumuun dhagahame.

    Wiixata har'aas kutaalee biyyattii hedduu keessatti roobi hamaan bubbee fi bakakkaan wal make akka itti fufee roobu raagi haala qilleensaa ni mul'isa.

  13. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Chaayinaatti roobi bubbee fi bakakkaa makate hammaannaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa kaafamaniiru.

    Israa'el karoora nagaa Tiraamp fudhachuu didde. Waraanni Iraanis xiyyeeffannaa keenya.

    Nu hordofaa!

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp argachuu dandeessu.