Tiraamp biyya Iraaniin deeggaru kamirrattiyyu tarkaanfii "rakkoo dinagdee" uumu akka fudhatu dhaadate

Pirezidant Doonaald Tiraamp Ameerikaan biyya Iraan gargaaru ykn biyyattii waliin hariiroo qabaatu kamirrattiyyu tarkanfii "rakkoo dinagdee hamaa" ta'e akka fudhattu akeekkachiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Manni murtii ijibbaataa hidhaa Obbo Taayyeerratti murtaa'ee ture itti cimse

    Obbo Taayyee Danda'aa

    Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa

    Himannaa meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuun hidhaan waggaa afur Obbo Taayyeerratti murtaa'e ture dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa cimse.

    Murteen kun dhaddacha guyyaa kaleessaa jechuunis, guyyaa Roobii, ooleen kan darbe ta'uu haati warraa Obbo Taayyee Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBCtti himaniiru.

    Obbo Taayyee Danda'aan himannaa kanaan kana dura badii raawwatan jedhamanii Manni Murtii Federaalaa Itoophiyaa waggaa 7 itti muree ture.

    Obbo Taayyeen fa'i Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Lidataatti ol iyyatanii turan.

    Manni murtii waliigalaas waggaa afuritti isaanii gabaabsee ture. Isaan garuu, isumarraayyuu akka gabaabbatu fedhu.

  2. Hidhattoonni doonii Galoo Galaanaa Aden irra yabalaa turte butuun gara Somaaliyaa qajeelchan

    Doonii galaanarraa

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbati Nageenya Geejjiba Galaanarraa UK dooniin boba'aa feetee Galoo Galaanaa Aden irra yabalaa turte butamuu ibse.

    Dhaabbatichi hidhattoonni lakkoofsaan ja'a ta'an doonittii dirqamsiisuun gara kallattii Somaaliyaatti qajeelchaniiru jedhe.

    Namoonni doonii kana ugguran eenyu akka ta'an hanga yoonaa hin baramne.

    Erga Huutiin Yamanii Adoolessa darbe dooniiwwan Sa'uudii Arabiyaatti karaa cufee, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden irratti mudaamni hammaateera.

    Kana hordofee Sa'uudiin qindoomina humna waraanaa nageenya sochii galaanarraa mirkaneessu hundeessuu ibsiteetti.

    Qindoominni kun Ameerikaa, Yaman, Kuweet, Omaan, Jordaan, Sudaan, Morookoo, Maaldiivsi, Baangilaadash fi Niwu Ziilaand of keessatti hammata.

  3. Iraan waraanni biraan yoo ka'e ''meeshaa akkaan balaafamaa'' akka fayyadamtu ibsite

    Misaayela Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan waraanni kamiyyuu biyyattiirratti kan banamu yoo ta'e ''meeshaalee waraanaa ammayyaawoo akkaan balaafamoo ta'an,'' akka fayyadaman ibsan.

    Meeshaaleen ammaan booda fayyadaman kan kanaan duraa caalaa balaa uumuu kan danda'an ta'uu ibsan.

    Dubbi himaan eegdota warraaqsaa Birgaader Jeneraal Huseen Muhibbii waraanni biraan yoo ka'e ''meeshaan Iraan fayyadamuun haleellaa raawwattu kan kanaan duraa caalaa balaafamaa akka ta'e mirkaneessuu barbaanna,'' jedhe.

    Meeshaaleen kanaan booda hojiirra oolan ''akkaataan itti dhukaafaman akkaan ammayyaawaa ta'uun, qiyyeeffannoo sirrii eeguun rukutuun, fageenya misaayelli irratti dhukaafamuu fi dandeettii waraanaa biroo irratti,'' jijiijjiramni haaraan jiraachuu akka danda'u ibse.

    Iraan humna waraanaa ishee cimsuuf akkasumas qiyyaafannoo sirrii rukutuu irratti dandeettii gabbifachuu fi meeshaalee humna barbadeessuu cimaa fi teeknooloojii walxaxaa qaban hojjechuuf tattaaffii taasistu cimsitee itti fufti jedhe dubbi himaan kun.

  4. Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefaman

    Haleellaa Raashiyaan Kiiv irratti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu kantiibaan magaalattii Vitali Klitschko hime.

    Haleellaan kun wayita Yukireen hanqina sirna ittisa misaa'elaan danqamaa jirtutti mudate.

    Raashiyaan manneen jireenyaa, hospitaalotaa fi manneen barnootaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte jedhe Tajaajilli Balaa Tasaa Yukireen.

    Lammiileen kan dhuman sababa hanqinni ittisa misaa'elaa mudateefi jedhe Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii.

    Kiiv sirna ittisa misaa'elaaf biyyoota lixaa eeggatti.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa meeshaalee waraanaa lafoo, qilleensarraa fi galaanarraan wiirtuuwwan waraanaa fi kuusaa meeshaalee waraanaa Yukireen haleeluu ibse.

    Yukireen sirna ittisa misaayelaa Ameerikaa Patriot jedhamu fayyadamuun misaayela Raashiyaa ofirraa qolachaa turte.

    US meeshaa waraanaa kana hedduu waraana Iraan irratti waan fayyadamteef hanqinni mudateera.

    Kanaaf dhiyeessiin Yukireen irraa hir'ate.

    Raashiyaan misaayeloota 44 fi dirooniiwwan 168 dhukaaste jedhe humni qilleensaa Yukireen.

    Kanneen keessaa misaayeloota 39 fi dirooniiwwan 146 qolachuu ibse.

    Raashiyaan ammoo dirooniiwwan Yukireen 726 qilleensarratti qolachuu ibsite.

  5. Sirreeffamaan yeroo saddet guyyaan ajjeefamuu isaa darbe umurii waggaa 101tti du'e

    Sirreeffamaan yeroo saddet guyyaan ajjeefamuu isaa darbe umurii waggaa 101tti du'e

    Madda suuraa, Andrius Banevicius

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirreeffamaan yeroo saddet guyyaan ajjeefamuu isaa darbe umurii waggaa 101tti du'e

    Firaansis Kiliifoord har'a ajjeefamta jedhamuun yeroo saddet irbaata dhumaa isaati jedhamee kennameeraafi.

    Yeroo kana hundayyuu ajjeechaan isaa guyyaa biraatti darbaa ture. Seenaa Ameerikaa keessattis nama yeroo dheeraaf hidhame jedhamuun rikardii qabate.

    Waxabajji darbe umurii isaa waggaa 101'n du'aan boqate. Bara 1950 yakka ajjeechaan himatamee hidhame. Yeroo sana umuriin isaa waggaa 25 ture.

    Inni garuu yeroo hundumaayyuu yakka ajjeechaa kana akka hin raawwanne himaa ture. Firaansiis mana hidhaa keessatti shimbirroota sooruun beekama. Kana irraa kan ka'e maqaa masoo 'The Birdman of Osborn' jedhamu argateera.

    Hamma danda'u uffata isaatti daabboo naqee fuudhee deema. Akka inni shimbirroo sooru waan beekamuuf namuu garagalee isa hin ilaalu jedhe manni sirreessaa Konnektikat inni keessa ture.

  6. Iraan doorsisa qoqqobbii dinagdee Tiraampiif deebii kennite

    Aragaachi

    Madda suuraa, AP

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbas Araaqchii, tarkaanfiiwwan dinagdee Pirezidaantii Ameerikaa Donald Trump Iraan irratti fudhachuuf karoorfatan, karoora ''imaammata fashalaa'aa'' jechuun ibsan.

    Tarkaanfiileen kun Ameerikaa irratti 'kufaatii dabalataa'' ” malee bu’aa biraa akka hin fidne ibsan.

    Araaqchii ergaa miidiyaa hawaasaa X irratti barreessaniin, Ameerikaa rakkoo dinagdee keessa jirtu ofirra dabarsuuf yaalii gootuudha jedhan.

    Akka isaan jedhanitti, idaa Ameerikaa sadarkaa ta'ee hin beeknerra ga'uu fi dhalli baankii irra tuulameera.

    Araaqchii itti dabaluun, “Imaammatawwan kufaa akkasii itti fufsiisuuf yaaluun kufaatii dabalataa akkasumas jibba ummata Iraan qofa dabalaa jedhan.

    Qoqqobbiin dinagdee Ameerikaa dinagdee addunyaa fi abbaa biyyummaa biyyoolessaa biyyoota addunyaa balaadhaaf saaxilaas jedhan.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Ameerikaan biyya Iraan gargaaru ykn biyyattii waliin hariiroo qabaatu kamirrattiyyu tarkanfii "rakkoo dinagdee hamaa" ta'e akka fudhattu akeekkachiise.

  7. Keeniyaaatti elikooptariin caccabee hogganaa tikaa Ikuwaadoor dabalatee namoonni torba du'an

    Bakka balaan elikooptarii itti mudate

    Madda suuraa, Kenya Red Cross/Handout via Reuters

    Keeniyaatti balaa elikooptara kufee caccabeen hogganaa tikaa Ikuwaadoor fi haadha warraasaa dabalatee lubbuun namoota torbaa darbeera.

    Balaan elikooptaraa hoggfanaan tikaa Ikuwaadoor Mikeelee Seensii fi haati warraa isaa Isteefaanii Holihaan keessa du'an kun Roobii kutaa bulchiinsa Saambuuruu keessatti ture.

    Kanneen du'an shan ammoo lammileen Ameerikaa akka ta'an dubbi-himaan ministeera dhimmma alaa Ameerikaa dubbateera.

    Akka Sivil Aveeshiniin Keeniyaa ibsetti, elikooptariin buufata eegumsa bineensotaa 'Loyisaabaa' jedhamuu ka'e kun, paarkiiwwan biyyaalessaa baayyee qaxxaamuruun Laga 'Iwaasoo Nyiroo' daawwachuuf deemaa ture.

    Kutaan bulchiinsaa Saamburuu bakka balaan kun itti mudate kun bakka buufataleen kunuunsa bineensotaa dhuunfaa baayyeen keessatti argamaniifi teessuma lafaa ajaa'ibsiisaa ta'e turistoota hawwatu qaba.

  8. Idaan biyyaalessaa Ameerikaa Dolaara Tiriliiyoona 40 darbe

    Nama dugdi isaa mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Idaan biyyaalessaa Ameerikaa waggoota 10 keessatti dachaan dabaluun Dolaara Tiriiliyoona 40 darbuu isaa odeeffannoon waajira qabeenyaa biyyattii mul'ise.

    Kun ammoo bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp, akkasumas Joo Baayiden keessa biyyattii baasii guddaa akka baasteefi kaffaltaan dhalee akka dabaleeru agarsiisa.

    Bara 2016 keessa idaan biyyattii Dolaara Tiriiliyoona 20 gadi ture.

    Akka odeeffannoon Biiroon Kongireeshinaal Baajat baasetti, dhuma bara 2026 kana keessa liqaan waliigalaa biyyattii Dolaara Tiriiliyoona 39.6 qaqqaba.

    Idaan biyyaalessaa biyyattii hanga eegamuun ol dabaluun isaa liqiin mootummaa dabalaa dhufuun yaaddessaa ta'uu akka agarsiisus ibsameera.

    Amma idaan biyyaalessaa Ameerikaa Dolaara Tiriiliyoona 41.1 akka qaqqabeefi bara 2036tti Dolaara Tiriiliyoona 64tti akka siqu Biiroon Kongireeshinaal Baajat beeksiseera.

    Mootummaan Federaalaa hanqina bajataa haguuggachuuf maallaqa baayyee wayita baasaa jirutti, shammaachonni qaala'insa jireenyaafi dhalee liqaa olaanaatiin qoramaa jiru.

  9. Tiraamp biyya Iraaniin deeggaru kamirrattiyyu tarkaanfii "rakkoo dinagdee" uumu akka fudhatu dhaadate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Ameerikaan biyya Iraan gargaaru ykn biyyattii waliin hariiroo qabaatu kamirrattiyyu tarkanfii "rakkoo dinagdee hamaa" ta'e akka fudhattu akeekkachiise.

    Pirezidaantichi akeekkachiisa fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti kenneen ibsa dabalataa hin kennine, maqaa biyya kamiis hin dhoofne.

    Haata'u malee, "tarkaanfiiwwan dnagdee burkuteessuu hanga ammaa biyya kamirrattiyyu hin fudhatamiin" akka fudhatu garuu dubbateera.

    Tiraamp kana kan jedhe waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota 60f ture Wixata erga xumurameen boodadha.

    Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala Iraan irratti banan kun wanti akka dhaabbatu agarsiisu sochii dippilomaasiis ta'e loltummaan hin mul'anne.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biroo:

  10. ASHAMAA!

    Oduu toora kallattiin isin biraan geenyu har'aa jalqabneerra.

    • Hireen lammiilee Itoophiyaa Tiraamp Ameerikaa keessaa baasuuf jedhuu maal taha?
    • Piriimer Liigii Ingiliiz 2026-27: Hireen kilaba isin deeggartanii maal ta'a?
    • Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
    • Oduu tamsaasa kallattiin asiin duraaf ...
    • Tarkii, Saawudi Arabiyaafi Paakistaan humna 'NATO biyyoota Musiliimaa' hundeessaa jiruu?

    Kanneen jedhaniif kaan ni argattu.

    Odeessaalee keenya karaa:

    Instagram, Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu.

    DHIYAADHAA!