Yukreen doormii barattootaa haleeluu booda Puutin haaloof dhaadate

Madda suuraa, Reuters
Yukreen Baha kutaa ishee jalaa weerarame keessatti kutaa bultii barattootaa irratti haleellaa hamaa raawwachuuu hordofee Pirezdantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin haaloo bahuuf dhaadate.
Haleellaa Yukireeniin namoonni 10 yoo ajjeefaman, 38 kan ta'an madaa'an.
Haleellaan kun halkan keessa kutaa Luhaansk magaalaa Staaroobilisk keessatti raawwachuu bulchaan naannichaa kan mootummaa Raashiyaa dubbate.
Kanneen biroo 11 ta'an immoo achi buuteen isaanii dhabamuu hime.
Waraanni Yukireen cibraa buufata waajjira olaanaa bobbii diroonii Raashitaa Rubicon drone kan Staaroobilisk keessatti argamu rukutuu beeksise.
Gamoon rukutame kan Raashiyaan himattu haa ta'uu, haa dhiisuu adda hin baafne.
Puutiin garuu "naannoo sanatti buufanni waraanaa, buufanni tajaajila tikaa ykn tajaajilli kanaan wal qabatu tokkollee hin jiru" jedheera.
"Kanaafuu, hidhannoon sirna ittisa qilleensaa ykn meeshaan waraanaa elektirooniksii waan achi tureef gamoo san rukunne jechuuf ragaan guutuu miti," jedhe sagantaa simannaa masaraa mootummaa Kireemliin Moskoo keessatti Jimaata dubbateen.
Puutiin loltootn Raashiyaa tarkaanfii haaloo ba'iinsaaf akka qopheessan ajajeera.
Hogganaan Raashiyaa kun haleellaan Yukireen diroonota 16 fayyadamtee marsaa sadiif haleellaa akka raawwatte dubbateera.
TV'n mootummaa Raashiyaa barattoota miidhaman keessaa tokko kan argisiise yoo ta'u, maqaa ishee Diyaanaa Shovkuun, nama ganna 19 ti.

