Taayiwaan akeekkachiisa Tiraamp booda, biyya walabaa fi of dandeesse ta'uun akka itti fuftu ibsite

Tiraamp erga pirezidaantii Chaayinaa Shii Zhiinping waliin mari'atee Taayiwaan akka walabummaa ishee hin labsine akeekkachiise. Taayiwaan ammoo akeekkachiisa Tiraamp kana booda biyya walabaa fi of dandeesse taatee akka itti fuftu ibsite.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Himatamtoonni 'Shanee' of fakkeessuun namoota saamaa turan hidhaa cimaan adabaman

    Namoonni kunneen nama tokkorraa hanga birrii kuma 200 saaman

    Madda suuraa, Kominikeeshinii Poolisii Shawaa Kaabaa

    Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti himatamtoonni namoota ugguruun maallaqa saamaa turan afur tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 18n adabamuu Waajjirri Kominikeeshinii godinichaa Facebook isaarratti ibse.

    Himatamtoonini kunnen Addisuu Nagashuu, Darroo Tashoomaa, Dajanee Tasfaa fi Tolaa Alamuu waliin ta'uun Shanee of fakkeessuun yakka kana raawwachuu eera gabaasi kominikeeshinii godinichaa.

    Akka gabaasa kanaatti yakki kun ALI Onkoloolessa 21, 2017 hanga Amajjii 5, 2017 gidduutti ganda Noonnoo gaara Algee fi ganda Guutoo keessatti raawwatame.

    Hogganaan Kutaa Qarannoo Yakkaa Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taaddasaa Amanuu ''yakkamoonni kunneen namoota butuun erga bosona geessanii booda dararaa irratti raawwachuu fi tokkoon tokkoon namoota ugguranii birrii kuma 100 hanga kuma 200 kaffalchiisuun gadi dhiisaa turan,'' jedhan.

    Namoonni kunneen ''nuti ABO Shaneedha'' jedhanii of ibsuun namoota ugguranii bosonatti dararaa fi reebicha irratti raawwachuus himan Komaandar Taaddasaan.

    Poolisiin Aanaa Sulultaa guyyaa odeffannoon kun isa qaqqabe irraa egalee hordoffii taasisuun shakkamtoota kunneen hunda isaanii shuguxii seeraan alaa 1 waliin to’achuu poolisii fi Abbaan Alangaa Aanaa Suluultaa waliin ta’uun galmee isanii seeraan qulqullessuun Abbaa Alangaa Godina shawaa kaabaatiif ergan.

    Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaas galmee qulqullaa’ee ergameef ilaaluun himannaa 6 hundessuun mana murtii Godina shawaa kabaattiif kan dhiyeesse yoo ta’u, mannii murtii Ol’aanaa Godina shawaa kaabaa himaata dhiyaate ilaluun seeraan qulqullessuun dhadacha gaafa guyyaa 4/9/2018 oleen himatamtoota kunneen tokkoon tokkoonsaanii hidhaa waggaa 18n adabamaniiru.

    Himatamaa 4ffaan ammoo shuguxiin seeraan alaa waliin waan to’atameef dabalataan birrii 2,000 akka adabamu kan murtaa’e ta’uu Komaandar Taaddasaan himaniiru.

  2. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Iboolaa DR Kongoo yaaddoo fayyaa addunyaati jedhe

    Harka lilmeedhaan qoricha waraabu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Iboolaa Dimookiraatawaa Rippaabliika Kongoo bulchiinsa Ituurii keessatti dhalate yaaddoo fayyaa addunyaati jechuun labse.

    Kana malees weerara kanaan namoonni 246 akka qabaman kan shakkamu yoo tahu, hamma yoonaa namoonni 80 lubbuu dhabaniiru. Tahus weerara sadarakaa addunyaatti jiru jedhamee labsamuuf garuu ammaaf ulaagaa hin guutne.

    Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adaanoom ''lakkoofsa namoota dhukkubichaan qabamaniifi iddoowwan tamsa'inaa irratti mirkanni hin jiru,'' jedhan.

    Dhukkubni Iboolaa miilanaa kuni vaayirasii Buundiibuugaayoo jedhamuun kan dhufu yoo tahu, kanaafis qorichi ykn talaalliin eeyyamame hin jiru.

    Akka dhabbata fayyaa kanaatti hamma yoonaa lakkoofsi namoota vaayirasiin kanaan qabamuun laaboraatorriidhaan mirkanaa'e saddeeti.

    Tahus iddoo Buuniyaa jedhamtuufi bulchiinsota sadii iddoowwan warqeen keessaa baafamu Moongwaaluufi Raawpaaraa dabalatee namootni vaayirasichaan qabamuun shakkamaniifi lubbuu dhaban jiru.

    Vaayirasiin kuni daangaa ce'ee tamsa'uun biyya ollaa Yugaandaa keessatti namoonni lama vaayraschaan qabaman argamaniiru.

    Qondaaloti Yugaandaa akka jedhanitti namni ganna 59 Kamisa darbe du'e vaayrasichaan qabamee ture.

    Biyyoonni DR Kongoo daangessan sababa uummatni wal keessa deemuuf saaxilamoo dha.

    Namni vaayrasii kanaan qabame carraa lubbuunsaa darbu harka 50 dha.

  3. Taayiwaan akeekkachiisa Tiraampiif bakka hin kennu jette, walaba taatee akka itti fuftu ibsite

    Pirezidantii Taayiwaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp wayita Chaayinaa daawwatetti Taayiwaan biyya of dandeesse taatee addatti of baasuu akka hin qabne akeekkachiiseera.

    Taayiwaan garuu akekkachiisa Tiraampiif akka bakka hin kennine ibsuun, walabummaan ishee cimee akka itti fufu himte.

    Tiraamp Pirezidantii Chaayinaa Shii Jinping waliin erga mari'atee booda, waa'ee meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 11 baasan Taayiwaanitti gurguruu ilaalchisee murtee irra ga'e yeroo gabaabaa keessatti akka beeksisu dubbatee ture.

    US meeshaalee waraanaa Taayiwaaniif dhiheessuun waliigaltee bu'uura seeraa qabuudha. Ammoo Chaayinaa waliin hariiroo dippiloomaasii tolfachuu feeti.

    Pirezidantiin Taayiwaan Lai Ching-te ''Taayiwaan biyya walaba jedhanii akka haaraatti labsuun hin barbaachisu, duraanuu biyya birmadummaa qabduu fi of bulchitu waan taateef,'' jedhanii turan.

    Dubbi himtuun pirezidantichaa Karen Kuo Sambata kaleessaa ''Taayiwaan biyya walabaa fi of dandeesse akka taate beekamaadha,'' yaada jedhu kennite.

    Ammoo Taayiwaan walitti dhufeenya seena qabeessa Chaayinaa waliin qabdu mirkaneessuu ilaalchisee kutannoo qabaachuu ibsite qondaalli kun.

    Taayiwaan biyya of dandeesses qaama Chaayinaas akka hin taane yaada jedhutti ammallee akka amantu ibsite qondaalli Taayiwaan kun.

    Uummanni Taayiwaan hedduun akka biyya of dandeesse qabanitti hubatu, irra-jireessi akkaataa amma bulchiinsi kun itti jirtu deeggaranis.

    Tiraamp daawwannaa Chaayinaa booda gaaffii fi deebii Fox News waliin taasiseen ejjennoon US Taayiwaan irratti qabdu akka hin jijjiiramnee fi walitti bu'iinsi Chaayinaa waliin akka uumamu akka hin feene dubbate.

    Pirezidant Shii Jinping waa'ee Taayiwaan waan hedduu kaasuu kan ibse Tiraamp, garuu US oddoola kana (Taayiwaan) humna waraanaan tumsuu ilaalchisee adeemsa jiru kuffiseera jedhe.

    Qondaalli Chaayinaa kun ''Taayiwaan gonkumaa biyya of dandeesse ta'uu akka hin qabne cimsee dubbachuu'' kan kaase Tiraamp, ofiis yaada kana akka deeggaru ibse.

    Pirezidant Shii fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

  4. Israa'el ajajaa olaanaa Hamaas ajjeesuu ibsite

    Israa'el Gaazaa keessatti ajajaa olaanaa Hamaas ajjeeste

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el Gaazaa keessatti ajajaa olaanaa Hamaas ajjeeste

    Israa'el ajajaa olaanaa Hamaas ajjeesuu ibsite. Hamaas BBC'f akka mirkaneessetti, Jimaata kaleessaa Israa'el ajajaa damee waraanaa Hamaas Izz ad-Din ajjeeste.

    Haleellaa qilleensarraa Gaazaa keessatti gaggeesiteen akka ajjeefame ibse.

    Neetanyahuu fi Ajajaan IDF, Israa'el Kaatiz, ibsa waloo kennan irratti Hadaad ajjeechaa fi madaa'uu loltootaa fi namoota nagaa Israa'el hedduu duuba jira.

    Akkasumas ajajaan Hamaas kun ''nama haleellaa Onkoloolessa 7 duuba jiru'' jedhan.

    Haleellaan kun yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsametti raawwate.

    Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, misaa'elli sadii kallattii lamaan al takkaatti dhufuun gamoo jireenyaa magaalaa Gaazaa keessaa Mutaaz jedhamu haleele.

    Sana booda konkolaataan ariitiin darbaa turtes haleelamte. Lubbuu baraartonni namoota miidhaman hedduu gamoo haleelame keessaa baasaniiru jedhan.

  5. Iraan yoo xiqqaate waggoota 20'f nuukilera gabbisuu dhiisuuf waliigaluu qabdi- Tiraamp

    Iraan yoo xiqqaate waggoota 20'f nuukilera gabbisuu dhiisuuf waliigaluu qabdi- Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan yoo xiqqaate waggoota 20'f nuukilera gabbisuu dhiisuuf waliigaluu qabdi- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp Iraan yoo waggoota 20'f nuukileera gabbisuu dhiiste waliigaluu dandeenya jedhe.

    Tiraamp ejjennoo isaa jalqabaa jijjiiruu namatti agarsiisa. Duraan Iraan gonkumaa nuukileera gabbisuu hin qabdu ejjennoo jedhu qabu.

    ''Waggaa 20 guutuu isheef tahuu qaba'' jedhe Tiraamp. Iraan meeshaa waraanaa nuukilera hidhachuuf deemti jechuun gabbisa akka dhaabdu gaafataa kan ture Tiraamp amma yaada isaa jijjiireera.

    Itti dabaluun obsi Iraaniif qabu akka dhumeerus hime. Waliigalteerra gahaa waan hin jirreef Tiraamp irra dedeebin Iraan doorsisaa ture.

    Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 haleellaa qilleensarraa Iraan irratti jalqaban.

    Jaarsummaa Paakistaaniin biyyoonni lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahanii ture. Garuu waliigalteerra hin geenye.

  6. Hogganaan IS olaanaan humnoota Ameerikaa fi Naayijeeriyaan ajjeefame

    -

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Naayijeeriyaa finxaaleyyii haleelurratti US waliin tumsa isaa cimse

    Pirezidantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tiinuubuu, hogganaa olaanaa IS tokko oppireeshinii waloo US waliin godhameen ajjeefamuu isaa mirkaneessaniiru.

    "Humnoonni Ittisa Naayijeeriyaa, Humnoota Waraanaa Yunaayitid Isteets waliin tumsaan hojjechuun, oppireeshinii waloo gootummaa gaggeessaniin garee IS irratti miidhaa guddaa geessisaniiru," jedhan Tiinuubuu ibsa baasaniin.

    Opireeshiniin kun jalqaba kan beeksifame Pirezidantii US Donaald Tiraampiin yoo ta'u, Tiraamp, Abuu-Biilaal al-Miinuukii "addunyaa irratti hogganaa lammaffaa ISIS" fi "shororkeessaa addunyaa sochii keessa jiru" jechuun ibse.

    Al‑Miinuukii bara 2023tti Waashingitaniin Shororkeessaa Addunyaa Addatti Adda Bahe (Specially Designated Global Terrorist) dhamee labsamee ture.

    Ajjeechaan kun erga hogganaan isaanii Abuu Bakr al‑Baghdaadii bara 2019tti ajjeefamee booda garee IS irratti balaa hamaa biraa ta'a.

    Tiinuubuu ibsa baasaniin akka jedhanitti, al-Maunuukii haleellaa naannoo sulula Chaad keessatti mooraa isaa irratti raawwatameen "hoggantoota shororkeessitoota gulantaa giddugaleessaa hedduu" waliin ajjeefame.

    Sululli kun naannoo bal'aa qaama bishaanii fi lafa caffaa Naayijeeriyaa, Chaad, Naayijer fi Kaameruuniin qooddatani dha.

    Kunis yeroo dheeraaf buufata cimaa Bokkoo Haaraamii fi garee isaan morkatu, Islamic State West Africa Province (Iswap) ta'ee tajaajilaa tureera.

    Abuu-Biilaal al-Manukiin naannoo Kaaba-Baha Naayijeeriyaa Bulchiinsa Boornuu irraa akka ta'e amanama.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti maqaan masoo isaa kun tarii magaalaa bulchiinsa sana keessatti argamtu Maayinook irraa kan dhufe yoo ta'u, kunis aadaa naannichaa namoota magaalaa dhaloota isaaniitiin ykn maqaa maatiitiin adda baasuu irraa madda.

    Kanaan dura, aangawoonni akka jedhanitti, inni naannoo Saahelii fi Afriikaa Lixaa keessat sochiiwwan IS wajjin walqabatan, kanneen dhiyeenya kana namoota nagaa fi hawaasa hagoo ta'an irratti xiyyeeffatanii raawwataman to'achaa fi geggeessaa ture.

  7. Tiraamp Taayiwaan akka walabummaa ishee hin labsine akeekkachiise

    Doonaald Traamp Taayiwaan Chaayinaa irraa foxxoqxee akka walabummaa ishee hin labsine akeekkachiiseera.

    Pireezidaantiin Ameerikaa kun, daawwannaa guyyaa lamaaf hogganaa Chaayinaa Shi Jinping waliin Beejingiiti taasiseen booda Jimata darbe Fox News’tti, akka himetti “Ani namni tokkollee ofiin walaboomneerra jedhee akka labsu hin barbaadu'' jedhe.

    Traamp kanaan dura, dhimma odola ofiin of bulchitu kana irratti ''gama lamaaniinuu waadaa tokkollee hin seenne” jedhee ture.

    Taayiwaan garuu kan ofiin bulchitu yoo taatu, Chaayinaan garuu qaama bulchiinsa ishee akka taatetti ilaalti.

    Ameerikaan yeroo dheeraaf Taayiwaan deeggaraa turte; seeraan illee dandeettii of ittisuu Taayiwaan gargaaruuf dirqama qabdi.

    Haa ta’u malee, yeroo baay’ee deeggarsa kennituu fi hariiroo dippilomaasii Chaayinaa wal madaalsisuu qabdi.

    Imaammanni Ameerikaa Taayiwaan walaba akka baatu hin deeggaru; hariiroon Chaayinaa waliin itti fufuunis mootummaa Chaayinaa tokko qofa akka jiru fudhachuu irratti hundaa’a.

    Namoonni Taayiwaan hedduun walaba akka tahaniti amanau.

    Garuu baay’een isaanii haala amma jiru itti fufsiisuu barbaadu—Taayiwaan Chaayinaa irraa walaba akka hin baane yookaan Chaayinaa waliin akka hin makamin.

    Gaaffii Fox News’tti deebii kennuun Traamp, imaammanni Ameerikaa dhimma kana irratti hin jijjiiramne jedhee irra deebi’ee ibseera.

    “Beektaa, waraana irratti hirmaachuuf maayilii 9,500 (kiilomeetira 15,289) imaluu qabna. Ani kana hin barbaadu. Isaan akka tasgabbaa'an barbaadna. Chaayinaanis akka tasgabbooftu nan barbaada,” jedheera.

  8. Ashamaa! Tamasaasa kallattii jalqabneerra

    Odeessa biyya keessaa fi alaa isinii dhiyeessina.

    Nu hordofaa.