Kaamalaa Haaris yoo filamte lola Gaazaa dhaabuudhaaf dhaadatte

Doonaald Tiraamp fi Kaamalaa Haarsi filannoo guyyaan lama qofti hafeen duula na filadhaa gaggeesuu itti fufan.

Guduunfaa

  • Kibba-baha Ispeenitti lolaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 95 du'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
  • Jechi ‘garbage’ [kosii] jedhu filannoo US keessatti waca uume
  • Dubartootni waraana Sudaaniin gudeedaman of ajjeesan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

BBC Afaan Oromoo

  1. Somaaliyaan Imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaa keessaa baasuufi

    Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Mo’aaliim Fiqii,

    Madda suuraa, Shebelle Miiidyaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Mo’aaliim Fiqii,

    Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Mo’aaliim Fiqii, imbaasii Itoophiyaa bakka mamma jiru Masaraa mootummaa biyyattii keessaa baasuun bakka duraan turetti deebisuuf akka murteessan ibsan.

    Murtoon kun kan fudhatame bakka argama imbaasichaa ilaalchisee erga yaaddoon uummata biraa dhagahameeti.

    Imbaasichi bakka murteessaa akkasii jiraachuu irratti tibbana gaaffii ka’eera jedhan. Kunis muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti uumame hordofeeti.

    ‘’Imbaasiin Itoophiyaa bakka kana dura kennameef hin fudhanne. Masaraa mootummaa biyyattii keessa buufatee achi keessa turu miti. Baka duraan kennameefi amma qullaa jirutti akka deebi’u ni gargaarra’’ jechuun TV mootummaa biyyattii irratti dubbataniiru.

    Argama imbaaischaa irratti yaaddoon uummata Somaaliyaa ‘’dhugaadha’’ kanaaf qondaalonni mootummaa tarkaanfii ‘’hatatamaa’’ fudhanna jedhan.

    Gama mootummaa Itoophiyaan dhimma kana irratti waan jedhame jiraachuu baatus, dippilomaatiin Itoophiyaa garuu Somaaliyaatii akka bahan torban darbe Somaaliyaan ajajjeetti.

  2. Poolisiin Afriikaa Kibbaa bakka albuudi bahuurraa 'kanneen seeraan ala qotan' ittisuuf nyaanni akka adda citu taasise

    Namoota boollaa albuudaa keessaa bahan

    Madda suuraa, South Africa Police Service

    Poolisiin Afriikaa Kibbaa namoota karaa seeraan alaatiin albuuda qotan dhibbaan lakkaa'aman nyaanniifi bishaan akak irraa adda citu taasifamuun bakka albuuda qotaa turanii akka bahan dirqisiisuun to'annoo jala oolfamusaanii ibse.

    Namoonni 540 to'annoo jala oolfaman bakki isaan qotaa turanis bakka albuudni qotamu kan tajaajilaan aa taasifame ta'u ibsan.

    Humnootiin nageenyaa jalqaba torban kanaarratti namoota albuuda baasaa turan boollaa keessaa baasuudhaaf dirqisiisuuf jecha bishaaniifi nyaanni akka hin dhiyaanneef dhorkan.

    Namoonni albuuda qotaniifi ''beelliifi dheebuun itti cime'' kunneenis bolla keessaa bahuuf dirqamusaanii poolisiin beeksiise.

    Namoonni kunneenis guyyaa Smabata duraa irraa eegalee kaaba magaala Orikinii keessatti kan argamu bakki albuudi baafamu keessaa tokko tokkoon bahu eegalan.

    Ammalleen namoonni dhibbaan lakkaa'aman akka boolla albuudaa sana keessatti hafan tilmaamama.

    Guyyaa DIlbataa ajajaan poolisii biyyattii humnootiin nageenyaa itti gaafatamummaasaanii raawwachuurraa 'boodatti akka hin jenne fi olaantummaa seeraa akka mirkanneessaniif'' ibsa baasaniin gaafateera.

  3. Eenyu akka injifate yoom beekna?

    Filannoon US Sad. 5 gaggeeffama

    Filannoon Ameerikaa bara kanaa Kibxata galgala kan goolabamu ta'us battalatti eenyu akka injifate beekuu dhabuu dandeenya.

    Kaadhimamtoonni lamaan Donald Tirump ykn Kaamala Haaris sagalee walitti djhiyoo ykn garaa gagrummaa xiqqoo qabu argachaa waan jiraniif eenyu akka injifatu beekuuf, sagaleen irra deebi’amee lakkaa’amuu gaafachuu mala.

    Bu’aan sagalee bara kanaa sababa jijjiirama tokko tokko kutaalee biyyattii, keessatti taasifameen wal qabatee kana bara 2020 caalalayyuu harkifachuu danda'a

    Gama biraatiin, lakkoofsi sagalee bakkeewwan akka Michigaan keessatti, kan filannoowwan darban yeroo weerara Covid-19 gaggeeffaman caalaa waraqaan sagalee poostaadhaan ergamaa jiru xiqqoo waan ta'eef saffisuu danda'a.

    Bara 2020 filannoon Ameerikaa Kibxata Sadaasa 3 kan gaggeeffame yoo ta’u, miidiyaaleen Ameerikaa hanga Dilbata Sadaasa 7 ganamaatti Joo Baayiden injifachuu hin labsine.

    Pirezidaantiin filataman Wixata Amajjii 20, 2025, mooraa Kaapitooliitti Seenaa Ameerikaa keessatti sirni kabaja pirezidaantummaa Ameerikaa 60ffaa gaggeeffamu irratti

    Kanaafuu bu'aan isaa yoom akka ifoomu sirriitti beekamuu baatus, pirezidaantiin itti aanu yoom akka ifatti kakuu raawwatan ifaa jechuudha.

    Guyyaan kaakuu raawwaannaa Joo Baayiden Amajjii 20, ture sababa jeequmsa deeggartootni Tiraampi kaasaniin torban lamaaf duubatti siqee ture

    Madda suuraa, Reuters

  4. Gujiitti haati warraa mana dhuunfachuurratti ajjeefamuu hordofee manichi diigamee awwaalchaaf ta'e

  5. Torban sadan darban namoonni 1,800 Gaazatti ajjeefamuun himame

    Gaazaa bakka haleellan manca'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Torbee sadan darban keessatti Kaaba Gaazaatti haleellaa Israa'el gaggeessituun yoo xiqqaate namoonni 1,800 ajjeefamuu miidiyaan Israa'el Hareetz jedhamu Ministeera Fayyaa Gaazaa waabeffaachuun gabaase.

    Akka gabaasa kanaatti, kanneen du'aniin alatti namoonni 4,000 ta'an ammoo madaa'aniiru. Loltooni Israa'el kaaba Gaazaatti hospitaalarratti xiyyeeffachuunis haleellaa gaggeesseera himannaan jedhu irratti dhiyaatera.

    Israa'el torbanoota darban keessa bifa haaraan Kaaba Gaazaa keessatti duula waraanaa gaggeessaa jirti.

    Bakkeewwan kaaba Gaazaa kana keessaa jalqaba hidhattoota Hamaas mancaasera jettee loltootashee baastee turtus toban sadi dura waraanashee deebitee bobbaasun lolatti jirti.

    Waraanni Israa'el kaaba Gaazaa bakka baka Jabaaliyaa jedhamutti marsaa lama loltoota baastee erga deebistee bobbaastee booda amma marsaa sadaffaaf loltoota bobbaastee Hamaas lolaa jirti.

  6. UKn gita bittaa Afrikaatti gaggeessitee turteef beenyaa kaffaluun olitti Afrikaaf beekumsaafi teeknoolojii qooduu wayya jette

    Deevid Laamii

    Biyyoota Afrikaa keessatti gita bittaa raawwatteef UKn beenyaa akka kaffaltu gaafatamaa turte. Ministiirri Dhimma Alaa UK Deevid Laamii biyyota kana dura gita bittaa UK jala turaniif beenyan kaffalamu waa'ee "maallaqa callaa dabarsuufi miti" jedhan.

    Qondaalli olaanan UK kun BBCtti akka himanitti, UKn gita bittaafi daldala garbaa keessatti hirmaachun biyyoota miitef beenyaa maallaqaan kaffaluurra, Ardii Afrikaa waliin walitti dhufeenya beekumsaafi dandeettiifi saayinsii qooduu irratti hundaa'e akka qabaattu kaasan.

    "[Beenyaa kaffaluun] waa'ee maallaqa callaa kaffaluu miti, yeroo jirenyi qaala'e kanatti, keessumaa UK keessatti," jedhan Deevid Laamii.

    Daldala garbaa keessatti kallatttin hirmaachufi biyyoota Afrikaa heddu gita bittaashee jala turuusaanif kanaan dura UKn dhiifama gaafachuunshee sirrii ta'uu kan himan minitiirri dhimma alaa UK, ammayyuu madan hin fayyyine akka jiru dubbatan.

    "Bara sana dudduuba deebinee gaafa ilaallu, wan hamaa baay'etu raawwate. Karaa hedduun waan fokkisaa ture. Madaan hin fayyin ammayyuu jira, kun waan hin haalamneedha. Ani ofii koo maatiin koo gita bittaa jala turan, kanaaaf rakkoonsaa sirriitti naaf gala," jedhan.

    Biyyoonni Kariibiyaanii gita bittaa UK jala turan akkaataa itti beenyaa argatan yaada qabxii 10 qabu dhiyeeffachuu kan himan Deevid Laamii, biyyoonni guddataa jiran maallaqa callaa beenyaa fudhachuurraa beekumsa, ogummaa teknikaafi saayinsiifi teeknolojii UK irraa yoo fudhatan akka fayyadaman himan.

  7. 'Karoora Waaqaatiin hojjachuu qabna'- jechuun Kaamlaan amantootatti himte

    Amntoonni Kaamalaaf kadhannaa osoo taasisanii

    Madda suuraa, Reuters

    Kaadhimamtuun piresidantii paartii dimokiraatii Kaamlaa Hariis Detrooyit keessatti gara daqiiqaa 10n haasaa taasifte. Haasaa ishee keessattis raajii Erimiyaas eeruudhaan ''dhugaa rakkisaa'' kan hime jette.

    ''Waaqni nuuf karoora qaba'' jette. ''Haata'u malee, karoora inni nuuf qabu haa adeemnu'' jette.

    Haasaa ishee keessatti gara walakkaatti, fuula gara “jibbaa fi qoqqoodinsa” irratti akka garagalfamu waamicha taasisuu dabalatee, gara ergaa duula filannoo aadaa ta’etti deebiite.

    “Ijoollee fi ilmaan ilmaan keenya biyya akkamii keessa akka jiraatan barbaanna?” jettee gaafatte.

    Yeroo baayʼee yeroo isheen haasaa taasiftu miseensonni gumii mataa isaanii sochuusuu fi sagalee dhageessisuun mirkanneessan.

    Lubichi haasaa akkuma xumuraniin, baandiin duubeetti deebi'e. Namoonni teessoo isaanii irratti shubbisuu eegale.

  8. Kaamlaa Hariis yoo pireezidantii taate waraanaa Gaazaatti xumura akka gootu himte

    Kaamlaa Hariisifi Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraampiifi Kaamlaa Hariis pireezidantii US ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

    Guyyaa dhumaa kanatti garee duula filnnoo Hariisgara Pensilvaaniyaa yoo duulu, Tiraamp ammoo gara Kaaba Kaarolayinaa, Pensilvaaniyaafi Michigaan imala.

    Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte. Tirmaap gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jehdu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

    Dhaabbileen yaada uummataa hordofan filannoon bara kanaa dorgommii cima akan keessummeessu akka ta'e ibsaa jiru. Hanga ammaa uummatni miliyoona 75 sagalee kenneera.

  9. Kaampii baqattootaa Ugaandaatti bakakkaan ijoollee 14 galaafate

    Kaampii baqattootaa Palabeek

    Madda suuraa, Oxfam

    Ugaandaa kaampii baqattootaa Palabeek jedhamutti bakakkaan bu'e ijoollee 14 galaafate, namoota biroo 34 ammoo miidhe.

    Poolisiin biyyattii akka beeksisetti bakkaan kan bu'e namoota sagantaa waldaa Sambata waaree booda hirmaachaa turan irratti.

    Aanga'aan raadiyoo biyya keessaa tokkotti dubbatan warri du'e hunduu ijoollee ta'uu mirkaneessaniiru.

    Kaampiin baqattootaa balaan kun irra gahe kaaba-dhiya biyyattiitti kan argamu yoo ta'u, dhiyeenya kana bokkaa cimaafi qaqaweessa guddaatu mudachaa ture.

    Kaampiin Palabeek baqattoota 80,000 ta'aniif dahoo akka ta'e ragaan dhaabbata baqattootaa UN ni agarsiisa. Kana keessa ammoo irra hedduun lammiilee Sudaan Kibbaati.

  10. Peep Gaardiyoolaa 'Boornimaz dadhabne' jedhe

    Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaa

    Imalli injifannoo walitti fufaa Maanchister Siitii taphoota piriimiyeer Liigii 32f ture Boornimaziin dhaabate.

    Boornimaz kan kilaboota gurguddoo boquu buusisuutti jabaate Sambata kaleessaa 2-1n Siitii injifate.

    Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa tapha booda yaada kenneen tapha duras ''tapha muddaa isaan taphatan to'achuun akka nutti cimu dubbachaa ture'' jedhe.

    ''Har'a muddama adda uuman isaan hin dandeenye'' jechuun baga gammaddan ittiin jedhe.

    Siitiin taphni raawwachuuf wayita dhiyaatu carraa gaarii uumuu danda'us hin milkoofne.

    Siitiin tapha piriimiyeer liigiin yeroo dhumaaf kan mo'ame Mudde 6 bara 2023 Astanviilaan ture.

  11. Haleellaa rokkeettiin Hezbollaan lammiileen Israa'el 11 madaa'an

    Bakka haleellaa Hezbollaan miidhame

    Madda suuraa, Reuters

    Rokkeettiwwan hezboollaan Lobaanos irraa gara Israa'elitti dhukaasen lammilen Israa'el 11 ta'an madaa'an.

    Namoonni kun kan mada'an guyyaa kaleessaa rokkeettin Hezbollaan dhukaase mana jireenyaa erga haleelee booda ta'uu Rooyitars gabaase.

    Hezbollaan gamasaan buufata waraanaa Israa'el magaala Tel Aviiv cinaa jirurratti xiyyeeffachuun haleellaa rokkeettii gaggeessuu beeksiseera.

    Gama biraan ammoo Ministiirri Fayyaa Libaanos Jimaata darbe akka beeksisetti, haleellaa Israa'el magaalota garaa garaa irratti xiyyeeffachuu gaggeessiteen namoonni 52 du'aniiru.

    Israa'elifi Hezbollaa gidduutti waraanni akka dhaabbatuuf US yaalii gochaa akka jirtuufi yeroo gabaabaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatu abdii akka qaban Ministiirri Muummee Libaanos Naajib Mikaatii guyyootan dura beeksisanii ture.

  12. Guyyaa filannootiin dura namoonni miliyooan 70 ol sagalee kennan

    Barattoonni Yunivarsiitii Duke North Carolina sagalee isaanii Adoolessa 1 kennan

    Madda suuraa, Reuters

    Filannoo pirezidantii Ameerikaatti Kibxata Sadaasa 5, 2024 gaggeeffamuuf jiru guyyoota muraasaan dura ummanni miiliyoona 70 ol ta'u sagalee kennuunsaanii odeeffannoon filannoo Yunivarsitii Filoridaa irraa dhiheenya argame mul'iseera.

    Lakkoofsi kunis filannoo bara 2020 tibba weerara Kooviid qabamee ture miliyoona 101.5 gadi ta'ulleen, garuu sagalee dursa bara 2016 (miliyoona 47.2) fi kan barab 2012 (miliyoona 46.2) ol ta'un ibsameera.

    Gaazexeessaan BBC Ameerikaa Kaabaa, Antoonii Zuurcher sagalee dursanii kennuun waa'ee filannoo Ameerikaa maal nutti himuu akka danda'u fi maal akka nutti himuu hin dandeenye, gadi fageenyaan ni qorata.

  13. Israa'el oppireeshinii cimaa gaggeesun qondaala olaan Hezbollaa qabadhe jette

    Loltoota Libaanos

    Madda suuraa, getty

    Humni galaanaa Israa'el Kaaba Libaanos magaala Batiroon jedhamtu keessatti oppireshinii gaggeessun qondaala olaanaa Hamaas qabachuun gara Israa'elitti deebi'uu Humni Waraanaa Israa'el beeksise.

    Miidiyaan biyyaaleessaa Lubaanos ammoo "humni eenyummaansaa adda hin buune gara barii qarqara galaanatti bu'uun nama tokko qabatanii bidiruu saffisaan galaanarra imaluun deeman," jechuun ibse.

    Oppireeshinii Israa'el gaggeessite kanaan qondaalonni Libaanos mufii qaban ibsataniiru. Waajjirri Ministeer Muummee Libaanos Naajib Mikaatii ministeerri dhimma alaa komii biyyattii Mana Maree Nageenyaa UNtti akka galchuuf ajaja kenneera.

    Humni Waraanaa Libaanosiifi humni nagaa kabachiisaa UN Libaanos jiru waliin ta'uun taatee mudate qorataa jiraachus ibse waajjirri ministeera muummee biyyattii.

    Bakki Israa'el oppireeshinii gaggeessun qondaala Hezbollaa itti qabadhe jette kun adda waraanaa irraa fagaatee argama.

  14. US fi Israa'el dabalatee diinonni Iraan 'deebii cimaa' ni argatu- Ayatolaa Alii Komaanii

    Iraan diinootasheef deebii kennuuf dhaadatte

    Madda suuraa, Handout via Reuters

    Hogganaa Olaanaan Iraan, Ameerikaa fi Israa’el “deebii cimaa argachuun isaanii hin oolu” jechuun haleellaa Israa’el torban tokko dura Iraan irratti raawwatte ilaalchisuun dubbatan.

    Ayaatollaa Alii Komaanii yaada kana kan kennan wayita yaadanoo waggaa 45ffaa bara 1979 Imbaasiin Ameerikaa Tehraan keessatti qabameetiin dura Sambata har'a haasaa barattoota waliin taasisanidha.

    Balaan kun kan dhufe yeroo Iraan haleellaa Israa’el ji’a darbe raawwatteef deebii kennuufi dhiisuu osoo xiinxaltuutti mudachuun, Iraan loltoota afur jalaa ajjeeste himtettidha.

    Haleellaa Israa'el kun haleellaa misaa’ela Iraan jalqaba Onkoloolessa keessa Israa’el irratti raawwatte haaloo ba’uuf ture.

    Haleellaan Iraan ammoo kan raawwatame ajjeechaa hoggantoota Hezboollaa fi Hamas, gareewwan hidhattoota Iraan deeggaramuun Israa'eliin lolaniifi ajajaa olaanaa Iraan irratti raawwatameef haaloo bahuuf raawwatamuu himte Iraan.

    Ayyaatoolaan, Israa'elii fi US dabalatee diinonni Iraan, ''waan Iraan, ummata ishee fi humna warraaqsaarratti raawwataa jiraniif deebii cimaa argachuun isaanii hin oolu'' jedhan.

    Gareen Iraan "axis of resistance" jedhamaniifi gamtaa gareewwan Tehiraan deeggaraman kan akka Gaazaa keessatti hidhattoota Hamaas, Libaanos keessatti HHezboollaa, Yaman keessatti Huutii, akkasumas Iraaq fi Siiriyaa keessatti gareewwan hidhannoo cimaa qaban of keessatti kan qabatedha.

    Irra caalaan gareewwan kanneenis biyyoota lixaatiin akka dhaaba shororkeessummaatti farajjamaniiru.

    Iraan garuu kana amanuu baattus, Israa’el haleellaa Onkoloolessa 26 raawwateen ittisa qilleensaafi dandeettii misaa’elaa Iraan irratti miidhaa guddaa akka geessiste himama.

    Israa’el haleellaa Hamaas kan bara darbe Onkoloolessa 7 raawwatamuun namoota gara 1,200 galaafateeef Iraan deeggartuu murteessituu akka taateetti ilaalti. Namoonni 250 ol butamanii gara Gaazaatti geeffamaniiru.

    Erga yeroo sanaatii booda Israa’el Gaazaa keessatti duula guddaa kan eegalte yoo ta’u, kanaanis namoonni 43,300 ol ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa naannichaa kan Hamaasiin hoganamu.

    Israa’el baatii Adoolessaa keessa Libaanos keessatti haleellaa, akkasumas Israa'el Libaanos keessattis haleellaa Hezboollaa irratti raawwachuu Fulbaana keessaa kan jalqabde. Kun ammoo lola daangaa qaxxaamureefi dhukaasa rookkeettii deeggarsa Hezboollaan Filisxeemootaaf qabu agarsiisuun raawwataa tureen waggaa tokko booda kan eegalmedha.

  15. Filannoo US irratti dhimmoota ijoon kunooti

    Haarii fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Guyyaan filannoo US gahuudhaaf guyyoonni sadii qofati yeroo hafee jirutti Doonaald Tiraampii fi Kaamalaa Haaris, lamaan isaaniiyyuu filattota bira ga’uuf isteetiiwwan murteessoo ta'an keessatti tattaaffii taasisaa jiru.

    Wanti haaraan ijoonnis kunooti:

    • Tiraamp har'a qophiiwwan duula filannoo Noorzi Kaarolinaa fi Virjiiniyaa keessatti akka gaggeessan eegamu.
    • Kaamalaa Hariis ammoo osoo gara Noorzi Kaaroliinaatti konsartiidhaa fi duula filannootiif hin imaliin dura Joorjiyaa keessatti duula gaggeessiti.
    • Biyyattii guutuutti ummannii miliyoona 70 ol ta'u gyyaa filannoo Saadasa 5 dura sagalee saanii qamaan ykn karaa poostaatiin kennaniiru.
    • Kaadhimamtoonni pirezidaantummaaf lamaanuu Jimaata halkan duula wal-dorgomii isteetii falmii ijoo taatee Wiiskoonsin keessatti gaggeessan.
    • Kaadhimamtoonni lamaan dhimma dinagdee irratti xiyyeeffataniiru. Kaamalaa Haaris baasii jireenyaa gadi buusuuf waadaa kan galan yoo ta'u, Tiraamp ammoo lakkoofsi hojii dhiheenya kana bahee Haarisiif ''oduu gaarii'' akka hin taane dubbatan.
    • Gama biraatiin ammoo haatii alangaa waliigalaa Arizoonaa waajjirrishee yaadni Tiraamp waa’ee miseensa Kongiresii duraanii Liiz Cheenii irratti kenne kan seera isteetichaa cabsuu ta'uu fi dhiisuu isaa qorachaa jira jedhu.
  16. Ispeen loltoota dabalataa 500 gara Vaaleenshiyaatti babbaafte

    Daa'ima dhoqqee lolaatiin taphattu

    Madda suuraa, Reuters

    Jiraattonni lolaa hamaa Ispeen Vaaleenshiyaatti mudateef deebii aangaoonni naannichaa kennaniin qeequu hordofee bakka jiraniitti, loltoonni dabalataa 500 gara naannichaatti bobbaafamaa jiru.

    Balaa lolaa kanaan hanga ammaattiis namoonni 200 ol du’uun isaanii kan beekamu yoo ta’u, namoonni irra caalaanis Vaaleenshiyaafi naannooshee keessatti du’an.

    Baayyinni lakkoofsa namoota du’anii dabaluu akka danda’u eegamaa jira.

    Rooba cimaan gaafa Wiixataa roobeen lolaa riqicha mancaasuun magaalotii dhoqqeedhaan uwwise. Akkasumas, hawaasa addaan kutuudhaan bishaan, nyaataafi ibsaa malee hambise.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa’amanis tattaaffii qulqulleessuutiin gargaaruuf gara baadiyyaa biyyattiitti imalaniiru, garuu Jimaata darbe aanga'oonni hojjettoota balaa tasaa akka argatan gochuuf dhuma torban darbee haala tiraafikii naannichaa akka daangeffaman beeksisaniiru.

    Akeekkachiisni haala qilleensaa kaaba bahaa fi kibba Ispeen keessatti hojiirra oole hanga Dilbataatti kan turu yoo ta’u, kan biraan ammoo Sambataaf Odoola Balearic keessatti labsameera.

    Naannoo Vaaleenshiyaa keessatti loltoonni gara 1,700 ta’an amma dura hojii barbaachaafi baraaruurratti hojjechaa kan jiran yoo ta’u, abdiin namoota lubbuun hafan hedduu argachuuf hir’achaa dhufeera.

    Xiyyeeffannoo kan itti kenname keessaa tokko bishaan ulaawwan lafa jalaa fi buufata baaka konkolaattoonni dhaabbatan keessaa baasuu yoo ta'u, sababii bishaan guutaa dhufeen namoonni danqamaniiru ta'a jedhamee sodaatama jira.

    Hojjattoota balaa tasaa bishaan yaa'aa keessaa baasaa yoo jiran

    Madda suuraa, Reuters

  17. 'Gadameessa malee dhalachuun koo baay'ee na miidhe'

    Rebecca Walshe yeroo dhukkubni Mayer-Rokitanksy-Kuster-Hauser syndrome jedhamuun qabamte umuriinshee waggaa 16 ture

    Madda suuraa, Rebecca Walshe

    Ribqaa Biroomsigruuv wayita umuriinshee waggaa 16 ta'u ture dhibee hin baramneen qabamuun kan itti himame.

    Dhiibeen kunis Mayer- Rokitanksy-Kuster-Hauser syndrome (MRKH) kan jedhamuu yoo ta'u, erga kana barteen booda akka eenyummaashee gaaffii keessa galchitu akka ishee taasise dubbatti..

    Dhibeen kun yeroo baayyee sirna walhormaataarratti dhiibbaa kan taasisu yoo ta’u, dubartoonni yookaan qaama saalaafi gadameessa malee akka dhalatan, yookaan ammoo qaama saalaafi gadameessi isaanii guutummaatti akka hin guddanne kan taasisudha.

    Ogeettiin fiilmii gadameessa malee dhalatte kun, haala fayyaa kan namoonni baay'een hin beekneefi bal'inaan hin mul'anne kanarratti hubannoo uumuuf fiilmii gabaabaa hojjachuunshee ni yaadatama.

    "Gadameessa akkan hin qabneefi mucaa ofii baachuu akkan hin dandeenye natti himamuun, dhuguma na gaddisiiseera," jetti.

    "Sammuukoorratti dhiibbaa uumeera, yeroo umuriinkoo waggaa 16 ture eenyummaa saalaakoo sirriitti hin hubanne. Ofin gaafataa ture. Ani maalidha? jedheen yaade. Odeeffannoo sana akkamitti akka fudhachuu qabu hin beekun ture."

    Dhiibeen MRKH jedhamu kun dubartoota 5,000 keessaa dubartii 1 qofa akka miidhu Tajaajilli Fayyaa Biyyaaleesssaa UK (NHS) ibseera.

    Haalli kun kan namoonni waliin dhalatan yoo ta'u, garuu hanga umurii dargaggummaa isaaniitti kan adda baafamu miti. Innis rakkoo dhalootaan dhufu jedhamuun beekama.

    Shamarreen fiilmiin ishee mata-duree 'Xalayaa Afur' jedhuun imala taatoo dhukkuba kanaan qabamuushee barte kan himu ta'uu ibsiteetti.

    "Namoota dhibee kanaan qabaniif hubannoo uumuufi madda [odeeffannoo] ta'uun barbaada," jette.

    "Akkasumas, namoota waan adda ta'e gara biraatiin rakkataniif, (dhukkuba MRKH ta'uu dhiisuu danda'a), yaada adda ta'eefi adda baafamee itti dhaga'amu sanaaf madda odeeffannoo ta'uun barbaada," jetti.

  18. Jirattonni Walagga Bahaafi Horroo Guduruu waggoota darban hidhattoota 'finxaaleyyiin' qe'eerraa buqqa'an maalirra jiru?

  19. Birhaanee Hayilee: 'Mana barumsaatii galaa osoon jiruu miilakoo dhabe'

  20. Jappaan nama bishikiliitii oofaa bilbilaan haasa'u adabuuf seera baaste

    Jaappaniitti tibba Kooviid irraa qabee namoonni bishikileetii fayyadaman dabale

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Jappaaniitti namni bishikileetii oofaa jiru yoo bilbilaan haasa'e seeraa haar'aa tibbana baheen hidhaa hanga ji'a jahaatiin adabama.

    Kanneen seera tiraafikii tibbana haarome kana cabsan hidhaa ji'a jahaatiin ykn ammoo adabbii doolaara 655 (maallaqa Jaappan Yenii 100,000) kaffaluu qabu.

    Sababii weeraraatiin namoonni baayyeen geejjiba ummataa fayyadamuurra bishikiliitii fayydamuu filataniif, balaa namoota bishikiliitii oofanirra gahuu bara 2021 kaasee dabaluu eegaluu miidiyaan biyya keessaa gabaasan.

    Aanga'oonnis amma namoota bishikiliitii fayyadaman seera qabsiisuuf yaalaa jiru.

    Haala seera haaraa kanaatti namoota osoo bishikiliitii oofanii bilbilaan haasa'an qofaas osoo hin taanee, kanneen dhugaatii alkoolii erga dhuganiin booda oolfaniis ni adaba.

    Haaluma kanaan kanneen dhugaatii alkoolii erga dhuganii bishikiliitii oofan doolaa 3,278 ykn yeenii 500,000 adabamu jedheera.

    Guyyaa Jimaataa akkuma seerri haaraan kun labsameen sa'aatiiwwan keessatti dhiiroota lama osoo bishikiliitii oofanii dhugaa adeeman dabalatee, namoota seera cabsan shan to'achuu aanga'oonni Osaakaa mirkanneessan.

    Namni tokkos bishikiliitii gara biraatti kan bu'e yoo ta'u, garuu miidhaan irra hin geenye jedheera.

    Haaluma seera haaraa kanaatti namni bishikiliitii oofu tokko yoo balaa qaqqabsiise adabbii hanga yeenii 300,000 ykn doolaara 2,000 kaffala ykn hanga waggaa tokkoo hidhaa keessatti dabarsa.

    Waliigalatti haalli balaa Jappaan guutuutti kan gadi bu'aa jiru yoo ta'u, balaan bishikiliitiin wal qabatu garuu dabalaa jira.

    Bara 2023 keessaa balaan bishikiliitiin wal qabatan 72,000 galmaa'uu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.