''Qaamoleen dantaa Oromoof qabsaa'an ulee diinaa ta'uurraa of qusachuu qabu''- ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) qaamoleen dantaa Oromoof qabsoofna jedhan ''ulee diinaa ta'uurraa akka of qusatan'' akeekkachiise.
Ibsa baase keessatti ''qaamoleen dantaa Oromoof qabsoofna jedhan sirna cunqursaa kaleessa ummatni keenya wareegama guddaa itti kafalee of irraa darbate bifa haaraan deebisanii Oromiyaatti harkisan itti gaafatama seenaa jalaa akka hin baane beekuudhaan, deemsa fokkisaa fi qaanfachiisaa akkanaa irraa akka if qusatan,'' hubachiiseera.
ABOn qaamolee kunneen maqaa eeruu baatus, jaarmiyaa maqaa Oromoon socho'u keessaa tibbana hidhattoota kaan waliin qindoomina kan uume Waraana Bilisummaa Oromoo- ABO-WBO dha.
Qindoominni hidhattoonni torba uuman garee hidhataa Faannoo, kan godinaalee Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti dararaa uummatarratti raawwachuun himataman of keessatti hammata.
ABO-WBO hidhattoota kunneen waliin qindoomina uumuun namoota hedduu mufachiiseera. ABOnis kanneen mufatan keessaa tokko ta'uu ibsa kanarraa ni hubatama.
Dhimma kanarratti kan gaafataman gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaa kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa, tumsi kun adeemsarratti malee tokkoomuu miti jedhan.
''Tumsi nuti tolchine adeemsa [procedural] malee... Tokkoffaa, tokko taatan jechuun dogoggora guddaadha. Adeemsa ittiin mariin gaggeeffamu, adeemsa ittiin ummanni keenya bilisa ta'ee gahee mataa isaa ofii isaatiin murteeffatu sana lafa keenye.''
''Tumsa Kaabaa'' jechuun kan ibse ABOn imallii fi akeekni isaa Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun, dhumaatii kan daranii fi hiraara gara biraa ummata keenyatti fiduudha'' jedhe.
Akkasumas ''mirgoota haga ammaa gonfataman sharafuu, Oromiyaa deebisanii dhuunfatuun dinagdee biyyaa saamuu, balaa hin hawwamnee fi hin eegamne dachee keenyaa fi ummata keenyatti fiduuf kan sossohamudha,'' jechuun ibse.
Kanaaf ''ummatni Oromoo mirga saboota Oromiyaa keessaa kabajaa fi tiksaa, garaagarummaa siyaasaa tokko malee qe’ee fi daangaa isaa jabaatee akka tikfatu,'' dhaame.
Lola Oromiyaa keessaa lubbuu lammiilee hedduu galaafate kanatti furmaata barbaaduuf, araarri dhugaa fi haqa qabeessi dhibamuun lolichi bifa jijjiirrataa akka deemu taasiseera jedhe dhaabi kun.
''Kana waan ta’eef, mootummaan paartii Badhaadhinaa (PP), lola Oromiyaa keessaaf furmaata waaraa argamsiisuuf, araara dhugaaf balbala banuu akka qabu ABOn gadi jabeessee gaafata,'' jedhe.






















