Peentaagoon dhaabbileen meeshaa waraanaa hojjatan omishasaanii akka dabalan dhiibbaa gochaa jira jedhame

Madda suuraa, AP
Sababa waraana Iraaniin kuusaan meeshaalee waraanaa jalaa haphataa dhufuun kan gabaafame US amma dhaabbilee meeshaalee waraanaa omishan sardaa jirti jedhame.
Peentaagoon dhaabbileen US meeshaalee waraanaa hojjatan, omishasaanii hatattamaan akka guddisaniif dhiibbaa gochaa akka jiru ibsame.
Dubbi himaan Peentaagoon Viin Paarniil kaleessa, Hagayya 8, ibsa kennaniin, meeshaalee waraanaa saffisa barbaachisuun lakkoofsa isaa ol guddisuuf Peentaagoon hojjataa akka jiru beeksisan.
Ministeerri Ittisaa US meeshaalee waranaa akkaataa barbaachisummaa isaanitti lakkoofsa isaanii dabalauuf hojjataa jiraachuu beeksisuun, tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru kun waraana Iraan dura kan eegale ta'uu ibsan qondaalli kun.
Itti aanaa ministiira ittisaa US kan ta'an Istiiv Fiinbarg xalayaa hoji gaggeessitoota dhaabbilee omisha meeshaalee waraanaaf Jimaata ergan jedhameefi gaazexaan Washingtan Post arguu gabaase irratti, "meeshaalee waraanaa murteessoo ta'an omishisaanii saffisa guddaan akka dabalu kan mirkaneessu guyyaa 21 kan hin caalle keessatti karoora akka dhiyeessitan" jechuun gaafataniiru.
Omishi meeshaalee waraanaa akkaan barbaachisoo ta'anii yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsa isaanii dabaluun akka gaggeeffamu xalayaa kanaan gaafachuus gabaafame.
US sababa waraana Iraaniin meeshaalee waraanaa, keessumaa misaa'eloota tarsiimawaa ta'aniifi misaa'eloota sirna ittisaa heddu fayyadamuurraa kan ka'e man-kuusaa keesaa jalaa dhumaa jiraachuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaa turan.
Tiraamp gabaasi kun dhara jechuun, kanneen odeeffannoo kana baasan irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu itti dhaadatee ture.




















