Paakistaan haleellaa cimaa daangaa Afgaanistaan iratti bante

Madda suuraa, Getty Images
Paakistaan daangaa Afgaanistaan irratti haleellaa qilleensaa cimaa gaggeessitee lubbuun namoota hedduus darbe.
Qondaalonni Afgaanistaan akka jedhanitti haleellaan kun daangaa biyyoota lamaanii karaa Lixaa jiru irratti gaggeeffame.
Dabalataan Paakistaan loltoota lafoof gara sanatti bobbaasteetti.
Mootummaan Afgaanistaan Taalibaaniin gaggeefamu haleellicha balaaleffateera.
Mootummaan Taaliibaan kun haleellaa ''gadhee'' jedhee ''yakka'' raawwatte jechuun balaaleffate.
Akka qondaalonni Afgaanistaan BBC Afaa Paashtootti himanitti haleellaa Paakistaan kanaan namoonni nagaan 100 ajjeefamaniiru ykn madaa'aniiru.
Ministeerri Odeeffannoo Paakistaan Atuullaa Taraar hidhattoonni 29 bakka dhokatanitti ajjeefamaniiru'' jedhe.
Haleellaan kun ''deebii haleellaa shororkeessitoonni tibbana namoota nagaa irratti taasisaniiti'' jedhe ministeerichi.
Paakistaan shororkeesitoota daangaa ishee keessatti haleellaa raawwatan kan deeggartuu fi leenjistu Afgaanistaani jechuun himatti. Taaliibaan garuu himannaa kana haala.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afgaanistan kana dura haleellaa raawwachuun namoota nagaa najalaa ajjeeste jechuun Paakistaaniin himateetti.
Paakistaan garuu hidhattoota qofan haleele jette.
Biyyoonni lameen erga torbaootaaf wal haleelanii booda ji'a Onkoloolessaa keessa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi akka idil-addunyaatti jaarsummaan xumurame. Haa tahu malee, waliigalticha cabsaniiru.
BBC'n lakkoofsa namoota ajjeefaman jechuun mootummaan Taaliibaan himatee qaama walabaa irraa hin mirkaneeffanne.
Mootummaan Afgaanistaan haleellichi mana jireenyaa namoota nagaa haleele jedhe.
Paakistaan ammoo Afgaanistaan bakka Paaktiyaa fi Kunaar jedhaman keessa hidhattoota dhokatanii turan haleele ejdhe.
Miidhamtoonni naannoo Mandiikel jedhamanitti wlaitti qabamanii jiraachuu mootummaan Afgaanistaan hime.
Haleellaan Dilbataa kun kan fudhatameef miseensonni waraanaa Paakistaan Sindii Renjersi jedhaman sadii naannoo teessoo olaanaa wajjira isaanii Karachii jiruutti ajjeefamuu hordofeeti.
Hidhattoonni sadii haleellaa badanii balleessuu kanaan ajjeefamuu humni waraanaa Paakistaan himeera.
Nama arfaffaa biraa ammoo to'annaa jala oolchuu ibsan. Jamaat ul-Ahraar gareen jedhamuu fi garee TTP jedhamu irraa adda bahe haleellicha duuba jiraachuu himeera.
Gareen Paakistaan Taliibaan jedhamanii fi Jamaat ul- Ahraar Paakistaan keessatti akka hin sochooneef UN'n dabalatee dhorkamaniiru.
Sababni isaa ammoo haleellaawan kana duraa keessaa harka qabu jedhamaniiti.
Walitti bu'insi biyyoota lameenii ji'a Guraandhalaa keessa ture lubbuu amoota hedduu galaafateera.
Jalqaba ji'a Waxabajjii irra Paakistaan haleellaa qilleensarraa gaggeessuun hidhattoota 26 ajjeesteetti. Mootummaan Afgaanistaan Taalibaniin gaggeeffamu ammoo namoonni 13 namota nagaa irra caalaan isaanii ijoollee tahanidha jedhe.















