Balaa sigiga lafaa Gofaatii hanga guduruu Olompikiitti: Suuraalee Afrikaa filatamoo torbanii

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Suuraalee filatamoo torban kanaa guutuu Afriikaafi isaan alarraa kunooti:

Dubartii Kafaatti firi jalaa baddalame
Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Itoophiyaa Goofaatti balaa sigigii lafaa naannichatti mudateen lubbuun namoota 500tti siquu baduu akka hin oollee yaadama. Aaddee Malach Gosaaye Kamisa darbe BBC'tti akka himtetti, balaa kanaan abbaan warraa ishee fi ilmaan ishee tokko namoota biroo baraaruuf osoo yaaluun jalaa du'an.
Guduruu haalluu Olompikii
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Roobii darbe lammii Togoo Akooko Komlanvi, Paarisitti alaabaa halluu biyyoolessaa Toogootiin riifeensashee guduruu tolfachuu fi alaabaa mismaara osoo deemtu suuraa kaafamteedha.
Namoota faashinii agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Moodeelota agarsiisa faashinii Namuwongo Reclaimed Shebang Yugaandaa Kaampaalaa keessatti Dilbata darbe uffata balfa deebi'ee fayyadamu hojjetame uffatanii wayita agarsiisan.
Nama bidiruu irra dhaabatu
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Jimaata darbe namni qurxummii kiyyeessuu tokko kaaba Mooriitaaniyaatti, Paarkii Biyyoolessaa Banc d'Arguin jedhamuutti argamu keessatti hojjechuuf ol ka'e.
Lixa biiftuu
Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe magaalaa qarqara galaanaa Liibiyaa Qarabulii'tti aduun yeroo lixxu namoonni galaana keessa daakaa osoo jiranu
Deeggartoota garee Maalii
Ibsa waa'ee suuraa, Kamisa darbe Olompikii Paaris irratti deeggartoonni wayita wayita gareen kubbaa miilaa Maaliin kan Israa'el waliin taphattu ilaalaa tan keessaa...
Taatoota
Ibsa waa'ee suuraa, Taatoonni opereetaa Afrikaa Kibbaa, Biritaaniyaa Ismiizii fi Lukhaaniyoo Mooyaan Kibxata darbe wayita Johaannesbarg keessatti shaakala taasisaa turan.
Gaazexessitoota Keeniyaa mormii bahan
Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessitoonni Keeniyaa haleellaa rippoortaroota hiriira mormii farra mootummaa biyyattii keessatti gabaasurratti raawwatame hordofuun hiriira Roobii darbe gaggeessan irratti ''poolisoonni mirga miidiyaa hin kabaju'' jechuun dhaadannoo dhageessisan.