Artist Andu'aalam wallee haaraa gadhiisuufi, dhimmi seeraa eessa gahe?

Madda suuraa, Abukaatoo Andu'aalam Gosaa
Weellisaa Andu'aalam Gosaa wallee haaraa gadhiisuuf akka jedhu BBC'n odeeffate.
Kuni erga waggaa dura du'a jaalallee isaa Qananii Addunyaan shakkamee dhimmi isaa seeraan erga ilaalamuu jalqabee hojii jalqabaa ummatatti itti bahudha.
Mata dureen wallee kanaa ''Waa'ee Jireenyakoo'' jedha, qeenxeedha. Walaloofi yeedalloonis kan Andu'aalamidha.
Abukaatoon isaa Obbo Liiban Abdii waa'ee wallee isaa bahu ''Dhugaadha… Waa'ee Jireenyakoo kan jedhu kilippii tokko gadhiisuu heda samoona (gidduu kana).
''Dhugaadha wanti deemaa jiru,'' jechuun BBC'f mirkaneessan.
Qabiyyeen wallee kanaas waa'ee jireenya weellisaa kanaa akkasumas waa'ee jaalallee isaa duraaniis waan ibsu qaba jedhameera.
Qananiin ALI Ebla 01 Bara 2017 barii sa'aatii 10'tti mana ishee keessa barandaa gama kutaa nyaata qopheessaniin jiru gamoo shanaffaarraa kufuu poolisiin ibseera.
Sana booda ture poolisiin du'a modeeliifi beeksisa adda addaa hojjechuun beekamtu kanaan shakkee Andu'aalam kan to'annoo jala oolche.
Hidhaa ji'a sadii booda osoo himannaan isarratti hin banamiin wabiidhaan waggaa dura gadhiifame.
Maatiin jaalallee isaa Qananii Addunyaa garuu adeemsa seeraa irratti komataa turan.
Boodarra jaarsummaan furamuuf yaalamee ture. Isarrattis maatiin jaalallee isaa komii dhageessisan.
Maatiin Qananii du'a intala keenyaaf haqi nuuf hin kennamne jechuun irra deddeebiin komataa turan.
Dhimmi seeraa maalirra gahe?
Artist Andu'aalam jalqabumaa shamarree Qananiin erga du'uun ishee ibsamee booda du'a ishee keessa harka akka hin qabne waakkataa ture.
Maatiin shamarree kanaammoo intalli keenya harka namaan malee ofirratti miidhaa dhaqqabsiifti jennee hin yaadnu jechuun dubbataa turan.

Madda suuraa, @Andualem Gosa
Abukaatoon Andu'aalam akka BBC'tti kana dura himanitti, Andu'aalam kan gadhiifame abbaan alangee yeroo kenname keessatti himata waan hin banneefi.
Maatiin Qananii immoo hiikamuu isaa mormuun adeemsa seeraa irratti komii dhiheessaa turan.
''Ijibbaatumaafan jira malee haala amma jiru kanaan haqa mucaakoo argadha jedhee hin yaadu.
''Beekamtiitu caala dhiigarra, beekamtii gurbaatu caala,'' jechuun abbaan ishee Obbo Addunyaa Waaqoo BBC'tti himanii turan.
Dhimmichi mana murtiiti gara jaarsummaan akka furamuus yaalamee ture.
Maatiinis adeemsa kanarratti gaaffii kaasuun irraa hafuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa kana dura BBC'tti himanii turan.
'Galmeen cufameera'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala yeroo amma dhimmi seeraa Andu'aalam itti jiru kan gaafanne abukaatoon Andu'aalam, Obbo Liban Abdii akkanaan BBC'tti dubbatan.
''Abbaan Alangaa galmee cufee jira, isa hin himachiisu jedhee galmee cufee jira. Galmeen cufamu isaa wussaanee [murtee] fudhannee jirra.
''Maatiin isheemmoo Waajjira Abbaa Alangaatti ol iyyannoo gaafatani haga gubbaa deemee jechuudha.
''Nuuf haa himatamu, abbaan alangaa cufuun isaa sirrii miti kan jedhuun ol iyyannoo deemani. Ol iyyannoon isaanii fudhatama hin arganne.
''Galmeen akkuma cufametti jira jechuudha,'' jechuun BBC'tti himan.
Akkaataa adeemsa ol iyyannoo yoo ibsanis, Daarektoretii Dubartootaafi Daa'imman Ministeera Haqaa keessa jiru bira iyyatamu ibsan.
Daarektoreetiin kuni ''Galmee poolisii qoratee, ragaan dhihaate himachiisuudhaaf gahaa miti jedheeti murtee kenne.
''Murtee kanarratti maatiin Ministeeraafi Ministeer Di'eetaa biratti ol iyyannoo gaafatee ol iyyannoon isaanii fudhatama hin arganne,'' jedhan.
Andu'aalam weellistoota Oromoo muuziqaa ammayyaan gurra horataa jiraniifi beekkamtiin isaanii kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye birallee dabalaa jirudha.
Akka gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) agarsiisutti, haleellaan saalaa Itoophiyaatti jaalalleewwan irratti raawwatu ''hammaataadha.''
Akka ragaa UN'tti, dubartoota heeruman keessaa 34% - 35% kan ta'an jaalallee isaanii haleellaa miraa, qaamaafi saal-qunnamtii irra gaha.



















