Tilmaama taphoota xumuraa Piriimerliigii Ingiliz Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Piriimerliigiin Ingiliz bara 2025/2026 Arsenaal shaampiyoonaa ta'uun mirkanaa'e bori, Dilbata, xumurama.
Dalbata taphoonni xumuraa hunduu sa'aatii wal-fakkaatatti gaggeeffamu. Kanneen keessaa kan akkaan eegamu tapha Totenhaam fi Weesthaam Pirimeerliigii keessaa akka gadi hin buuneef gareewwan wajjin taphatan waliin falmii ijibbaataa gaggeessaniidha.
Xinxaalaan kubbaa miilaa BBC waggaa guutuu taphoota Piriimerliigii Ingiliz tilmaamaa bahe taphoota xumuraa bori gaggeeffamanis akka armaan gadiitti tilmaamera.
Dilbata
Biraayitan vs Manchestar Yunaayitid
Biraayitan torbaffaan xumuruun dorgommii wurooppa irratti hirmaachuuf tapha kana injifachuutu irraa eegama.
Yunaayitid bara dhufu dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti akka hirmaatu mirkaneeffateera.
Taphni kun Yunaatitiif caalaa Biraayitaniif murteessudha.
Tilmaama: 2 - 1
Barnilee vs Wolvis
Kilaboonni lamaanuu taphoota Pirimeerliigii 16 darban hin injifanne.
Lamaansaanituu Pirimeerliigii keessaa shaampiyoon shiippitti gadi bu'uunsaanii mirkanaa'era.
Wal-injifachuun deeggartoota isaanii gammachiisuuf yoo ta'een alatti taphni kun waan jijjiiru hin qabu.
Tilmaama: 1 - 0
Kiriistaal Paalas vs Arsenaal
Arsenaal abbaa waancaa ta'uu mirkaneeffateera. Lamaanuu dorgommii waancaa durasaanii jiruuf jecha taphattoota ciccimoo boqachiisuun isaanii hin oolu.
Lamaanuu taphattoota eeggatoo hiriirsuun taphachiisu.
Eenyu akka injifatu tilmaamuun rakkisaadha.
Garuummoo Arsenaal irra aana jedheen yaada.
Tilmaama: 0 - 1
Fulhaam vs Niwukaasil
Kilaboonni lachuu bara kana si'a lama walitti dhufanii Niwukaasil si'a lachuu injifatee ture.
Garuu tapha kana tilmaamuun natti ulfaata.
Lachuu wal-qixa waan bahan natti fakkaata.
Tilmaama፡ 1 - 1
Liivarpuul vs Bireentfoord

Mohaammad Saalaa tapha xumuraa kanarratti Liivarpuulif hiriiruf dhiisuunsaa hin beekamu.
Bireentfoord leenjisaa isaa Keet Andiriwu waliin bara gaarii dabarse.
Tapha kanarratti dorgommii Awuroopparratti hirmaachuuf Liivarpuul waliin falmii gaggeessa.
Liivarpuulis hanga sadarkaa 5ffaadhan xumuruuf falmii ijibbaataa gaggeessa. Kana milkeessuf ammoo wal-qixa yoo bahe isa gaha
Taphichis wal-qixa xumurama.
Tilmaam፡ 2 - 2
Manchestar Siitii vs Aston Viilaa
Peep Gaardiyoolaan bori booda Siitii waliin hin turu.
Maan Siitiin taphicha injifachuun miira gaariin Peep Gaardiyoolaa gaggeessuu barbaada.
Aston Viilaan ammoo Liigii Awurooppaa injifatee mirqaanadhaan taphata.
Siitinis bara kana waancaa lama waan nyaateef akkuma Astoon Viilaa miira gaariin taphicha xumura.
Tapaha kana Siitin irra aana.
Tilmaama፡ 4 - 2
Nootinhaam Foorast vs Boornimaaz
Nootinghaam Foorast leenjistoota afur jijjiirus jijjiirama guddaa hin finne. Garuummoo gadi bu'uu jalaa oolera.
Taphichi leenjisaa Boornimaaz kan ta'e Andoonii Ayaarolaadhaaf tapha xumuraati- dhuma dorgommichaa booda kilabicha gadi dhiisuf jedha.
Boornimaaz Siitii waliin qixa bahuun dandeettiisaa agarsiisera- Arsenaal waancaa akka nyaatufis gargaarera.
Tilmaama: 1 - 2
Sandarlaand vs Cheelsii
Sandarlaand injifannaan Cheelsii caalee dorgommii baranaa xumurusaati.
Cheelsii taphoota Piriimerliigii jaha booda dheengadda Tootenhaam injifate.
Taphi kun wal-qixa xumurama jedheen yaada.
Tilmaama፡ 1 - 1
Tootenhaam vs Evartan

Evartan taphoota darban jaha injifachuu baatus taphni kun Tootenhaamif garuu baay'ee murteessadha.
Tootenhaam shaampiyoon shiippitti gadi bu'uu ooluf jecha falmata.
Ispars Cheelsii waliin tapha gaggeesserratti baay'ee jijjiirama hin agarsiifne.
Tapaha kana Evartan waan irra aanu fakkaata.
Tilmaama፡ 1 - 2
Weesthaam vs Liids
Weesthaam gahuumsi isaa gadi bu'aa deemera.
Liids Yunaayitid gama biraan gahuumsa gaarirra jira.
Kilaboonni lamaanuu dorgommii kanarratti qabxii qooddatanii galu jedheen amana.
Tilmaama፡ 1 - 1












