Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti lakkoofsi namoota Iboolaan qabamuun mirkanaa'e torba qaqqabe
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa namoonni haaraa afur vaayirasii Iboolaa Bundibugyo'n akka qabaman mirkanaa'uu beeksise.
Hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayiresii Iboolaan qabamuun isaanii mirkanaa'e torbatti ol guddateera.
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa ibsa fuula X isaa irratti Sambata baaseen, namoota vaayiresii kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa sadii ogeessota fayyaa dhukkubsataa Iboolaa biyyattii keessatti jalqaba mul'ate wallaanan ta'uu ibseera.
Namni afraffaan ammoo fira namicha jalqaba Iboolaan qabamee lubbuun isaa darbee akka ta'e dabaluun himeera.
Akka ibsa Ministeera Fayyaa biyyattiitti, namni kun A L I Fulbaana 26, 2019 irraa kaasee bakka namoota adda baasanii tursiisan keesa ture.
Sambata ibsa kan kenne ministirri fayyaa biyyattii Dr. Paatriik Amoots, ogeessonni fayyaa dhibeen kun irratti mul'ate dhiirota lamaa fi dubartii tokko ta'uu mirkaneeffateera.
Ogeessonni fayyaa umuriin isaanii waggaa 29, 32 fi 35 ta'a jedhame kunneen dhukkubsataa Iboolaa jalqabaa Fulbaana 23 fi 24 erga wallaananii booda mallattoon dhibee kanaa akka isaanirratti mul'ate dubbataniiru.
Akka ragaa Ministeera Fayyaatti taanaan, ogeessonni fayyaa kunneen Fulbaana 29 irraa kasee bakka adda baasanii tursiisan keessa turan.
Keeniyaan namoonni biroo afur vaayiresii Iboolaatiin qabamuu kan beeksifte Jimaata nama sadaffaa vaayiresii kanaan qabamuu ibsitee bulee isaati.
Dubartiin umuriin ishee waggaa 65 taate vaayiresii kanaan qabamte dhukkubsataa isa jalqabaa waliin hariiroo dhiyoo qabdi ture jedhameera.
dubartiin kun erga bakka adda baasanii tursiisan keessa galfamteen booda mnallattoo dhibee kanaa waan agarsiisteef qorannoon taasifameefiif vaayiresii kanaan qabamuun ishee mirkan aa'uunis ibsameera.
Keeniyaa keessatti lubbuu nama tokkoo kan galaafate Iboolaan, Dimokiraatik Rippablik Koongoo keessatti mudatee namoota 9,000 ol qabamanii fi kanneen 4.300 ol ta'an du'an waliin kan wal qabatudha.
Lammiin Keeniyaa waggoota toorban darban keessa Dimokiraatik Rippablik Koongoo keessa jiraataa ture kun biyyattii keessatti nama jalqabaa Iboolaan du'e ta'eera.
Itti-gaafatamaan to'annoo fi hordoffii dhukkubaa (CDC) Afrikaa Jiin Keesiyaa BBCf akka ibsetti, namni kun kan dhukkubsate ji'a dura yoo ta'u, Dimokiratik Rippablik Koongoo keessatti hospitaalota gara garaa keessatti wallaansi kennamaafiif ture.
Namni Iboolaan du'e kun jalqaba konkolaataan Ugaandaa, Kampaalaa seenee gara Naayiroobii ammoo Xiyyaaraan seene.
Namoonni nama kana waliin walitti dhufeenya qabana 130 adda baafamuu Ministeerri Fayyaa Keeniyaa beeksisuun isaan keessaa 128 kan ta'an bakka adda baafamanii tursiifaman keessa ta'uu beeksiseera.
Minsieerichi itti dabaluun, warra namicha waliin walitti dhufeenya qaban hunda gara adda baasanii tursiisuu akka galche eeruun, hawaasa keessa tatamsa'eera jedhee akka hin amannes ibseera.
Gosti Iboolaa Dimokiraatik Koongoo keessatti babal'ate Bundibugyo jedhamu akaakuu talaaiin hin argamiiniif jirudha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gosa Iboolaa haaraa mudate kana talaallii ittisu argachuudhaf ji'oota akka fudhatu ibseera.
Gosa Iboolaa Bundibugyo jedhamuu to'aachuudhaaf talaaliiwwan lama kan kaadhimaman ta'us, hanga ammaatti talaallii kamirrattiyyu yaaliin kilinikaa akka hin gaggeeffamiin gorsaan dhaabbatichaa Dr. Vaasee Murtii dubbateera.
Iboolaan bara 1976 Dimokiraatik Rippabilik Koongoo har'aa kana keessatti simbirroota halkan irraa akka dhufe amanama.
Namootatti dhukkuba kan fidan gosoota Iboolaa afur kan jiran yoo ta'u, Dimokiraatik Rippabloik Koongoo keessatti gosti mul'ate kan baratamedha.
Biyyattiin yeroo ammaa weerara Iboolaa 17ffaa wallaansoo qabaa kan jirtu yoo ta'u, gosti Bundibugyo kun waggoota kudhan keessatti kan hin mul'annee fi dhukkuba rakkoo addaa fidee dhufe ta'eera.