Adonaay 'ambaasaaddara Irreechaa' ta'ee?

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Adonaay 'ambaasaaddara Irreechaa' ta'ee?
Maxxanfame

Tibbana odeeffannoon TikTokarri beekamaa Itoophiyaa Adoonaay Birhaanee 'Ambasaaddara Irreechaa bara kanaa ta'uun filatameera' jedhu miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Namoonni yaada kana deeggaran akkuma jiran kan mormanii barreessaniis jiru.

Garuu wanti kuni dhugaadhaa? Adoonaay yaada kenneera. BBC'n Abbaa Gadaafi abbaa qabeenyaa dubbisee waan mudate iyyaafateera.