Haleellaa fi hokkora Gambeellaatti lubbuu namootaa galaafate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gambeellaatti haleellaa guyyoota darban keessa raawwatameen lubbuun namootaa darbuu jiraattonnii fi maddeen hospitaalaa himan.

Irra deddeebiin haleellaa fi jeequmsa keessummeessaa kan turte magaalli Gambeellaa A.L.I Onkololeessa 03 bara 2019 hokkorri guddaan mudachuu fi ammalleen sagaleen dhukaasaa dhagahamaa akka jiru jiraattonni magaalattii sadii BBCtti himan.

Hokkora kanaaf ka'umsa kan ta'e Kibxata darbe magaalattii bakka Addis Sefer jedhamutti haleella raawwatameen namootni nagaa afur ajjeefamuu hordofee ta'uu nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan jiraataan magaalichaa himan.

Maddeen Hospitaalaa akka jedhanitti ammoo ajjeefamuu namoota afran kanaa hordofee hokkora uumameen yoo xiqqaate namootni shan ajjeefamaniiru.

BBC'n bulchiinsa naannichaa irraa deebii argachuuf irra deddeebiin yaaliin taasise hin milkoofne.

Poolisiin Gambeellaa Roobii galgala ibsa baaseen magaala guddoo naannichaatti haleellaa namootni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin lubbuun namaa darbuu beeksisee ture.

Nageenya naannichaa tiksuu fi lammiileef eegumsa gochuufi tasgabbeesuuf poolisiin naannichaa tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibsuun "yeroo hin murtoofneef galgala sa'aatii 12 hanga barii sa'aatii 12tti'' uggura sochii kaa'eera

Itti dabaluunis magaala Gambeellaa keessatti sochiin namootaa fi konkolaattotaa ciminaan dhorkamuu beeksiseera.

Maddeen Hospitaala yaada BBCf kennaniin, Kibxata galgala haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoota ajjeefaman keessaa sadii battala kan du'an yoo ta'u, isheen tokko ammoo Hospitaala Gambeellaa erga geessee booda borumtaa lubbuun darbe.

Kanneen ajjeefaman keessaa sadii dubartoota yoo ta'an, tokko dhiira ta'uu hoggansi hospitaalichaa tokko BBCtti himaniiru.

"Umriin isaanii ganna 30 hanga 35 kan ta'u sadan isaanii erga lubbuun darbee hospitaala gahan yoo ta'u, miidhaan guddaan irra gahee kan ture dubartiin ganna 16 ammoo borumtaasaa naannoo sa'aatii shaniitti lubbuun darbe" jedhan.

Afran isaaniituu rasaasan rukutamanii du'uu kan himan maddi hospitaalaa kuni, "maatii tokko ta'uu isaanii beekuu baadhus haleellaan kuni kan irratti raawwatame mana tokko keessatti ta'uu nutti himame" jedhan.

Jiraattota magaalattii dubbisne keessa tokko hidhattoonni namoota buna dhugaa turan manatti itti seenanii ajjeesanii deemani jedhan.

Ajjeechaa kibxataa Kanaan duras ajjeechaan namoota nagaa irratti xiyyeeffate kan baratame ta'uu kan himan jiraataan kuni, guyyoota sadiin duras namootni lama ajjeefamanii turani jedhu.

Kanneen ajjeefamanis haadha manaa fi abbaa manaa ta'uu fi hidhattoonni kunneen suuqii isaanii bansiisuun ajjeesanii akka deeman dubbatan.

"Kan hidhatee fi hidhate miti kan wal ajjeesaa jiru. Nama homaa hin beeknetu gatii kanfalaa jira" jedhan.

Hidhattoota kunneen yoo ibsanis "kanneen bosona keessa jiraatani. Tasa magaala seenanii namoota ajjeesanii bahu. Namni du'e jechuu qofa dhageenya" jedhu.

Fedhiin hidhattoota kunneenii maal akka ta'e akka hin beekne kan himan jiraataan kuni, qiyyaafannaan ajjeechaa isaanii barsiifataan warra 'Habashaa' jedhamanii fi kutaalee adda addaa irraa garas dhufanii jiraachaa jiran irratti.

Haleellaa yeroo adda addaatti raawwatamu kanaan namoota ajjeefamaniin alatti kanneen miidhaan qaamaa irra gahes akka jiran himu.

Jiraataan biraa ammoo darbee darbee namni ajjeefamee bulee akka argamuu fi ajjeestonni eenyummaan isaanii akka hin beekamne himu.

Jiraataan kuni akka jedhanitti ajjeechaan akkanaa kan baratame yoo ta'u, ajjechaa namoota nagaa kbxata darbe garuu ajjeechaa dabalataa biraa akka uumamu, miidhamni qaama akka gahuu fi mancaatii qabeenyaa eegasii booda gaheef ka'umsa ta'uu himu.

Hokkorri kuni kan ka'e namootni kanneen ajjeefaman awwaaluuf deemaa turan aarii isaanii ibsachuuf 'Dhakaa darbachuun' eegalan babal'achuun gara tarkaanfiiwwan biraatti cehuu hordofee ta'uus himan.

Kanaan dabalatas maanguddoon tokko osoo mana isaanii keessa jiranii hirmaattota hokkora kanaatiin ajjeefamuu fi namni biraa tokkos ajjeefamuu akka mirkaneeffatan kan himan jiraattuun magaalichaa waliigala hokkora kanaan lubbuun namoota shanii darbuu dubbatu.

Maddi hospitaalaa ammoo namootni Hokkoraan ajjeefaman shananuu erga lubbuun darbee booda hospitaala Waliigalaa Gambeellaa akka gahanii fi isaan keessaa tokko maanguddoo ganna 60 yoo ta'an waan qara qabuun waraanamuun lubbuun darbe jedhan.

Kanneen hafan afran ammoo rasaasan akka ajjeefamanii fi namootni biroo miidhaan qaamaa irra gahe ammoo yaala argachaa jiraachuus himan.

Kanneen lubbuun darbe keessaa dubartiin tokko gara Hospitaala jalqabaa Gambeellaatti akka dabarfamte Meedikaal Daayireektarri Hospitaalichaa Dr. Pool Kiir himan. Dabalataanis dubartiin miidhaan cimaan irra gahe tokko ammoo yaala dabalataatiif gara hospitaala Jimmaatti ergamuu himan.

Magaala Gambeellaa bakka haleellaan jalqabaa itti raawwatamee fi Addis Sefer jedhamuun beekamtu kanatti kamisa ganamalleen sagaleen dhukaasaa dhagahamaa akka ture jiraattonni BBCtti himan.

Hokkora kana booda Raayyaan ittisa biyyaa gara magalattiitti seenuu fi poolisii Federaalaa fi Qamolee nageenyaa naannichaa waliin ta'uun, haalicha too'achuuf tattaaffiirra akka jiran maddeen BBC himan.

Haalli jiru tasgabbaa'aa jraatulleen garuu hanga ammaatti sochiin namootaa daangeffamee akka jirus himu jiraattonni.

Manneen daldalaa fi dhaabbileen kaan magaalattii keessa jiranis cufamanii jiru jedhu jiraattonni.

BBC'n waa'ee haleellaa magaala Gambeellaa kana qaamolee mootummaa irraa yaada argachuuf tattaaffiin irra deddeebiin taasise hin milkofne. Komishinarri komishini Poolisii Naanoo Gambeellaa Ujuluu Uduluu irra deddeebiin bilbilluufis bilbila hin kaasan. Ergaa barreeffamaa ergineefis hin deebisan.

Haa ta' u malee komishiniin poolisii naannichaa ibsa baaseen, qaamolee haleellaa kana raawwatan adda baasuun too'annoo jala oolchuuf hojjechaa akka jiruu fi rakkoo nageenyaa magaalattiitti mudate too'annoo jala oolchuuf deeggarsa uummataa gaafateera.

Bulchiinsi magaala Gambeellaa ammoo qaamoleen nageenyaa mootummaa gandoota hunda keessatti hojii tasgabbeessuu hojjechaa akka jiranii fi kanenen sababa hokkora kanaatiin qe'ee isaanii gadhiisanii deeman akka deebi'an waamicha dhiheesse.

Dhaabbileen daldalaa magaalattii keessa jiranis hojiitti akka deebi'an waamicha dhiheesseera bulchiinsi magaalichaa.