Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obasaanjoon himannaa TPLF federaalaaf loogu jedhu waakkatan
Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjo himannaa dhaabni TPLF Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi akka hin dhalanne walaba ta'anii socho'aa hin jiran jedhee himate waakkatan.
Sochii Gamtaan Afrikaa mootummaa federaalaa Itoophiyaafi TPLF walitti fiduuf taasisu hogganaa jiranirratti TPLF himannaa kan dhiheesse gaafa Dilbataa ture.
Himannaan kuni yeroo muddamni Kaaba Itoophiyaatti hammaateefi biyyoonni Lixaa sochii Obasaanjoo deeggaraa jiranitti dhagahame.
Waajjirri Obasaanjoo gaafa Wiixataa ibsa baasen himannaa Obasaanjoon mootummaa federaalarraa kallattii fudhataa jiru jedhu soba jedhe.
''Haqni jiru faallaa kanaa dubbata,'' jedhan dubbii himaan isaanii Kehinde Akinyemi ibsa baheerratti.
Dabaluunis, ''dhageettii argachuuf jaarsi araaraa icciitii ummatatti baasuun waan fudhatama hin qabnedha,'' jedhan.
Obasaanjoon baatii Adoolessa keessa ture yaaddoon waraanaa erga mumul'achuu eegale booda qaamolee lamaan walitti fiduu kan eegalan.
Waliigalteen Piritooriyaa Sadaasa 2022 Afrikaa Kibbaatti mallattaa'e waraana waggaa lamaaf Kaaba Itoophiyaatti gaaga'ama guddaa dhaqqabsiise xumura itti tolcheera.
Haa ta'u malee, booda kana keessa hariiroon mootummaa federaalaa fi aangawoota Naannoo Tigraay harkaa qaban gidduu hammaate.
Qondaalonni TPLF mootummaan federaalaa diroonii dhukaasaa jiran jechuun himatu. Dhimma kanarratti mootummaan waan dubbate hin qabu.
Gama daangaa Sudaanitti baasu, Shararinaatti humnoonni federaalaafi humnoonni TPLF'f amanamoo ta'an walitti bu'anii turan.
Obasaanjoon dhihoo gara Maqalee imaluun dura taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el waliinis mari'ataniiru.
Yaalii qaamolee lamaan walitti fiduu Obasaanjoon eegalan kana Yunaayitid Isteet fi Gamtaan Awurooppaa deeggaraniiru.
Hagayya 25 Embasiin US Magaalaa Finfinnee jiru Kaaba Itoophiyaatti ''muddamniifi sodaan'' hawaasa gidduutti waan hammaateef qoodi Gamtaa Afrikaa murteessaa ta'u ibse.
Haa ta'u malee, TPLF Obasaanjoon walaba miti jechuun gaaffii dhiheesse.
Ibsa Fulbaana 06, 2026 baasen carraaqqiin Obasaanjoo ''gaaffii jabaa kaase'' jechuun walaba ta'anii sosso'aa jirumoo dhiibbaa mootummaa federaalaa jala jiru jechuun gaafaate.
Dhaabi TPLF sochiin Obasaanjo tibbanaa 'nagaattis ta'e waan mariin furanittis hin qajeelchine' jedhe.
Qondaalonni bulchiinsa Naannoo Tigraay to'atanii jiran mootummaa federaalaa waliin mariin eegaluu dura haaldureewwan guutamuu qaban jedhan tarreessaniiru.
Kunneenis, uggura dinagdee kaa'ame jedhan kaasuu, uggura waraanaa jira jedhan kaasuu, bakkeewwan Naannoo Tigraay deebisuu, namoonni buqqa'an nagaan qe'eetti akka deebi'an eeyyamuufi qaamni TPLF seeraanis ta'e siyaasaan bakka duriitti akka deebi'u gaafachuudha.
Waajjirri Obasaanjo qaama tokko caalsifate himannaa jedhu cimsee mormeera.
Himannaan akkanaa ''ergama itti kennamees ta'e waan hanga ammaa hojjetan bakka hin bu'u,'' jedhan Akinyemiin ibsa baheerratti.
Gumaacha isaan waliigaltee Piritoriyaatti geesse xiqqeessuuf yaalame jedhanis morman.
Waliigalteen Piritooriyaa ''mallattoo cululuqaa rakkina Afrikaaf furmaata Afrikaan kennamedha'' jechuun jajaniiru.
Waajjirri Obasaanjoo ammallee nagaa buusuuf sosso'uu akka itti fufaniifi hawaasi idil-addunyaa sochii jiru akka hordofan dhaaman.
Itoophiyaan waraana bara 2020 - 2022 turetti deebi'uu hin qabdu jechuunis akeekkachiisan.
Waliigalteen Piritooriyaa erga mallattaa'ee waggaa afur ta'uuf deema.
TPLF garuu hojiirra oolmaan isaa danqameera akkasumas waadaa fida jedhame hin finne jechuun dubbata.