'Duraanis araara labsaan ture, hamman lubbuun jiruttis araarattin amana'- Yaayyaa Bashir

Madda suuraa, Yaya Beshir/FB
Warraaqsa uummataa Itoophiyaa keessatti bara 2018 jijjiirama mootummaaf sababa ta'e keessatti qooda gumaachaa kan ture rogeessi siyaasaa Yaayyaa Bashir dhimma nageenya Oromiyaarratti dubbateera.
Gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasiseen dhimma tibbana itti ajandaa ta'errattis dubbateera.
Dhiheenya kana waa'ee rogeessa kanaa miidiyaa hawaasaa irratti yaadonni adda addaa kennamaa jiru.
Yaadonni gariin akkanni mootummaa waliin hojjechuutti deebi'e akeeku.
Dhimma kana akka quba qabu kan dubbate Yaayyaa Bashir ''yaada araaraati kanan dhiheessaa jiru. Kanaan dura namoonni hedduun yaada araaraa dhiheessaa turan. Anis amma warra akkasiitti dabalameera,'' jedhe.
Yaada isarratti kennamaa jiru ilaalchisee wayita dubbatu ''akka yaada kiyyaatti waan hanga ammaa xiyyeeffannaan hin kennamneef jedhee yaadun kaasaa jira,'' jedhe.
''Utuma ta'eeyyuu namni tokko yaada duraan qabaachaa ture yeroo kamittuu jijjiiruu danda'a. Ammoo walwaraanuurra araara wayya jedhanii yaaduun yakkamaa nama taasisuu hin qabu.''
Yaayyaan yeroo dheeraaf dhimma siyaasa Itoophiyaarratti osoo yaada hin kennin turee amma deebi'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wayita deebi'us yaada araaraa leellisuurratti akka xiyyeeffatu ibseera.
''Kaleessas wanti dubbataa turre keessi isaa araaruma. Ammaan boodas hamma lubbuun koo jirutti yaada araaraattin amana,'' jedhe.
Akkaataa siyaasi biyyattii itti adeemaa jiru irrattis yaada kenneera Yaayyaan.
''Utuma nutti hadhaawuu fedhii dhuunfaa keenya dhiisnee, garaa bal'annee uummata miidhamaa jiruuf jecha nagaa buusuu, nagaa waliif kennuutu barbaachisa.''
Keessattuu garaa bal'atanii garaagarummaa gidduusaanii jiru dhiphisaa deemuu dhabuun siyaasa Oromoo daran akka laaffisee fi uummatichas daran miidhuu akka hubate ibse.
''Rakkoon kan hammaate mootummaa fi hidhattoota gidduutti. Lachuu waltuffachuu fi yaada kiyya qofatu ta'a jedhanii yaaduurraa rakkoon madda.''
Yaayyaa Bashir yeroo Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa gaggeessitee bu'aa labsuuf jettuu fi kutaalee biyyattii adda addaa keessatti sochiin hidhattootaa dabaletti yaada kana kenne.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo filannoon gaggeeffamaa turetti sochiin hidhattootaa akka turee fi inumaa hidhattoonni adeemsa filannoo gufachiisuuf akka yaalan ibseera.
Kutaalee biyyattii adda addaa keessatti dhibdee hidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduutti mudatuun lubbuun namoota nagaa darbuun hin dhaabbanne.
Garuu tibba filannoo ajjeechaan Arsiitti raawwatame jedhame hunda caalaa ijoo dubbii ta'eera.
Haleellaa jaarmiyaalee amantii fi amantoota irratti xiyyeeffate jedhame sanaan walqabatee mootummaa fi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo quba walitti qabaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Godina Arsiitti haleellaa 'Shanee' namoota nagaa fi iddoowwan amantii irratti raawwatan jedhaniin namoota lubbuunsaanii darbe, kanneen miidhamanii fi qabeenyi jalaa manca'eef gadda qaban ibsaniiru.
Mootummaaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti rakkoo hidhattoota waliin jiru karaa nagaan furuuf fedhii akka qabu ibsa, garuu hanga yoonaa rakkoon hin furamne.
Gama lachuunuu rakkoon siyaasaa kun akka hin furamne, araarri akka hin buune kan barbaadan jiru kan jedhu Yaayyaan ''hidhattoonni fi mootummaan wal tuffachuu waggaa 30 dura kan eegalan hanga yoonaa aadaa sana keessaa hin baane,'' jedhe.
''Waltuffachuu sanatu dhaloota amma jiruttis darbee, mootummaa ammaa fi hidhattoota gidduuttis deemaa jira.''
Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan kan 'Shanee' jedhee waamu waliin yeroo lama mari'ateera, itti fufee akka waliin mari'atus ibsaa ture.
Hidhattoota keessaas hedduun mootummaatti harka kennachuu mootummaan Itoophiyaa ibsaa ture.
Haata'u malee hidhattoota galchuu fi marii nagaa gaggeessuu dabalatee mootummaan tarkaanfii adda addaa fudhatus rakkoon nageenyaa akkuma itti fufetti jira.
Kanarratti yaada kan kenne Yaayyaa Bashir ''nagaa buusuuf ykn araara eegaluuf duraan dursee wal hubannaan humnoota siyaasaa lamaan kana gidduu jiru sirrachuu qaba. Namoonni araara irratti hojjenna jedhan dubbii kanarraa osoo eegalanii wanti araarri kun hin milkoofneef jira natti hin fakkaatu,'' jedhe.
''Bu'uurri rakkoo fi ijoon dubbii maal akka ta'e ifatti walitti himanii waliin dubbachuun waan hin jirreef qaawwa kanatu akka araarichis hin milkoofne taasisa.''
Ebla darbe Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dubbatanii turan.
Dhimmi nageenya buusuu dhimma bulchiinsi isaanii dursa kennuuf akka ta'e himan.
Obbo Shimallis hidhattooti WBO bosona taa'uun miidhaa malee faayidaa hin qabu jedhan.
''Qe'een Oromoo nagaatti deebi'uu qaba. Qe'ee Oromoo nagaatti deebisuudhaaf mootummaan waan kamiifuu qophaa'aadha. Karaan nuyi hin yaalle hin jiru. Ijoolleen bosona jirtu kuni sababni tokko bosona keessa isaan deemsisu hin jiru,'' jedhan.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan waggoota muraasa darbaniif mootummaa loluu itti fufan immoo yaada mootummaa faallessu dubbatu.
Gorsaan olaanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Obbo Jireenyaa Guddataa akeekni haasaa Obbo Shimallis '' dhugaa miti. Kijibadha,'' jedhu.
''Maaliif dhugaa miti jetta yoo naan jette jara kana har'a beekna miti. Akkaataa isaan siyaasa biyyasanaa ilaalan ni beekna,'' jechuun dubbatu.
''Ummata kanarratti lola labsan'' kan jedhan Obbo Jireenyaan, Obbo Shimallis ilaalcha ''yookiin amansiisi, yookiin burjaajessi'' jedhu amanu jedhan.
Qaamoleen mootummaa fi hidhattoonni WBO yeroo mara quba walitti qabuun kun adeemsa nagaa buusuu akkaan danqeera.
Yaayyaa Bashir akka rakkoon karaa nagaan hin furamne gufuu ijoo kan ta'e ''waltuffachuudha'' jedha.
Wayita warri siyaasaa waltuffachuun rakkoo hammeessan kan gidduutti miidhamu lammiilee nagaadha kan jedhu Yaayyaa Bashir ''yeroo waa'ee nageenyaa (araaraa) dubbannu hundumaa lammiilee qulqulluu waraana kanaan lubbuusaanii, qabeenyasaanii dhabaa jiran yaadachuun hanqateera,'' jedha.
Yaayyaan akka jedhutti dubbiin miidiyaa hawaasummaas uummatarratti miidhaa hammeesseera.
''Yaada gamaa gamanaa miidiyaa hawaasummaarratti kennamu dubbiin Oromoo gidduutti akka hammaachaa deemu, tokkummaan Oromoo akka miidhamullee taasisaa jira. Wantoota kana yoo akkuma kanatti dhiisne balaan itti aanee dhufu kan caalu ta'a.''












