Baajanni manni maree ministeerotaa barana dhiyeesse waa'ee diinagdee Itoophiyaa maal akeeka?

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Ministeerota Itoophiyaa bajata mootummaa federaalaa kan bara ittaanuu birrii tiriiliyeena 2.3 ol akka ta'u raggaasisuun mana maree bakka bu'oota uummataaf ergeera.
Bajanni mootummaa Itoophiyaa kan bara dhufuu kan bara 2018 irraa garaa garummaa guddaa qabaata.
Bajanni haaraan manni maree ministeerotaa dhiyeesse kun waa'ee diinagdee Itoophiyaa maal hima?
Qaala'iinsa jireenyaa furuu danda'aa? Jireenya lammiilee Itoophiyaaf hoo hiika maal qaba?
Bajanni mootummaa federaalaa Itoophiyaa tiriiliyeena 2.3 ol akka ta'u dhiyaate lakkoofsa duwwaadha jedhanii kan qeeqan jiru.
Noorweey irraa ogeessi diinagdee Darribee Makonnin (PhD) BBCtti akka dubbatanitti, lakkoofsi bajata bara dhufuu olka'ee dhiyaachuunsaa rifoormii diinagdee Itoophiyaan gaggeessitee turteen kan wal-qabatu ta'uu ibsuun, bajanni kun lakkoofsa duwwaa akka hin taane falmu.
Hangi bajataa dhiyaate guddaa ta'uu ibsuun, Itoophiyaan galii ofiishee sassaabuu irratti xiyyeeffachuu kan akeekudha jedhu.
"Waanti inni akeeku waa heddu. Inni jalqabaa, biyyattiin galii sassaabuu irratti ykn galii ofii qabaachuu irratti humna ofii jabeeffataa akka jirtu agarsiisa," jedhu.
Gama biraan ammoo Itoophiyaan guddina saffisaa keessa jiraachuu kan agarsiisu ta'uu eerun, "garuummoo diinagdeen biyyattii ammallee kan hin tasgabboofne ta'uu isaa agarsiisa," jedhu.
Bajanni bara dhufuu akka ragga'u dhiyaate kun rifoormiin diinagdee Itoophiyaan taasiste jijjiirama fidaa jiraachuu akka amanan ibsu ogeessi diinagdee kun.
"Rifoormiin diinagdee biyyattiin adeemsifte sun hanga ta'e bu'aa buusuu calqabuu isaa ni akeeka," jechuun garuummoo rakkoo guddina diinagdeerraa kan ka'e uummanni fayyadamuurratti hanqinni akka jiru kaasu.
Bajata Itoophiyaa kan bara 2018fi kan bara dhufuu wal-bira qabamee yoo ilaalamu, keessumaa baasii kaappitaalaa irratti garaa garummaan guddaan akka hin jirre kan himan ogeessi diinagdee Darribee Makonnin, baasiwwan kaan irratti garuu diinagdeen biyyattii "akkuma amma jiruun akka itti fufu kan agarsiisudha" jedhu.
"Rakkoon diinagdee Itoophiyaa bu'aansaa uummata bira gahuuf yeroo dheeraa fixa"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan waggoota shanan darban keessa %9 guddataa jiraachuu kan ibsan ogeessi diinagdee kun, bajanni tiriiliyeena 2.3 kun akkanumaan tasa kan dhufe osoo hin taane, diinagdeen biyyattiin galmeessaa turterraa akka ta'e kaasu.
"Lakkoofsi kun guyyuma tokkoon kan dhufe miti. Waanna qabatamaa adeemsa diinagdee biyyattii keessatti hundaa'ee waan qophaa'edha," jechuun mootummaan gama nageenyaan rakkoo gurguddaa qabaatullee gama diinagdeen garuu "karaa gaarirras jira jedheen yaada" jedhu.
Gama biraan ammoo uummanni hunduu bajata kanarraa qixa fayyadamaa ta'a jechuu akka hin taane, rakkoo diinagdee Itoophiyaa keessa jiru akka sababaatti kaasuun ibsu.
"Rakkoon inni guddaan diinagdeen Itoophiyaa qabu, bu'aan guddina diinagdee kanaa tokkoon tokkoo namaa bira gahuudhaaf yeroo dheeraa fixa. Namoonni tokko tokko ittuu jireenyi hammaataa waan deemuuf waanna akkasii kana waan fooyyee itti hin fakkaatu. Amanuu dhabuus ni danda'u," jechuun mootummaan adeemsa keessa sagantaa baasee bajata yoo hojiirra oolche dhahataan uummata bira akka gahu kaasu.
Qaala'iinsa jireenyaa amma biyyattii keessa jiru furuuf mootummaan bajata haaraa kana akkamiin yoo itti fayyadamuu qaba jennee ogeessa diinagdee Darribee Makonnin gaafannee, baasii kaappitaalaa bajata bara darbeefi kan bara dhufuurratti jijjiiramni guddaan akka hin jirre kaasu.
"Baasiin kaappitaalaa bara darbe [2018] parsantaa 21.6 ture. Inni kun ammoo [2019] parsantaadhuma 22 ta'a. Mootummaan waan bori galii irraa argaturrati inveest godhaa hin jiru.
"Irra jireessan baasiwwan waggaa waggaan bahan irratti karoorfataa [xiyyeeffataa] jira jechuudha," jechuun "gamasaniin bu'aan inni uummataaf as deebisee addatti buusu baay'edhuma hin jiraatu," jedhu.















