Poop Liyoon 'sodaa Tiraamp hin qabu' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Phaaphaasaniin Bataskaan Kaatolikii Poop Liyoon ''sodaa bulchiinsa Tiraamp hin qabuu'' jedhan. Pooppichi kan kan jedhan ejjennoo Tiraamp waraana Iraan irratti qabu ilaalchisee yaada kennan hordofee Tiraamp deebii kennuu booda.
Tiraamp Poop Liyootiin ''dhimma yakkaarratti laafaa, imaammata haajaa alaatiifis rakkisaadha'' jechuun 'Truth Social' gubbaa qoode.
Booda ripportaroota waliin gaaffiiifi deebii godheen ''dinqisiifataasaa miti'' jedheera.
Poop gara Aljeeriyaatti imaalaa osoo jiranii yaada kan biraa kennaniin Tiraamp waliin atakaaroo keessa galuu akka hin feeneefi nageenyaaf dhaabachuu akka itti fufan himan.
Poop Liyoon waraana Iraan hin deeggaran. Dhaadannoo Tiraamp qoroomina Iraan barbadeessuuf dhageessise hordofee yaada kennanii tureen, ''fudhatama kan hin qabne'' ittiin jedhanii ture. Karaa nagaa falli akka barbaadamus dhaamanii ture.
US keessa Kaatolikoota miliyoona 70 ta'antu jiraata jedhamee amanama. Lammiilee biyyattii keessaa dhibbeentaa 20 jechuudha. Itti aanaan Tiraamp JD Vaansi isaan keessaa tokko.
Poop fi Tiraamp atakaaroo jechootaa keessa kan seenan wayita Poop biyyoota Afrikaa 11 daawwachuuf imala jalqabanittidha.
Tiraamp yaada Dilbata miidiyaa hawaasaa gubbaa maxxanseen Liyoon ''dhimma nikuleeraarratti laafaadha'' jedhe. Dhimmichi sababa US fi Israa'el Iraan irratti duulan isa ijoodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluun Liyoon kan filatame sababa lammii Ameerikaa ta'eef akkasumas Pirezidant Doonaald J Tiraamp waliin waliigaluu danda'a jedhanii amananiitu'' jedhe.
''Osoon ani Waayit Haawus hin jiru ta'ee Liyoon Vaatikaan hin galu ture''
Tiraamp boodarra yaada kanaaf ibsa dabalataa akka kennu wayita gaafatamu hojii gaarii hojjechaa jira jedhee hin amanu, yakka jaalata natti fakkaata'' jedhe.
''nama akka malee walabaati, nama yakka dhaabsisuutti hin amanneedha'' jedhe. Iraan niikuleera akka hin hidhanne dhorkuurratti deeggarsa agarsiisuu dhabuusaattis qeeqe.
Yaada Tiraamp kanaaf deebii kan kennan Poop Liyoo, gaheen isaanii siyaasa akka hin taaneefi ergamnisaanii nagaa labsuu akka ta'e dubbatan.
''Sodaa bulchiinsa Tiraamp hin qabu, sagalee wangeelaa dubbachuuttis hin sodaadhu. Inni sababa ijoo as jiraachuukootiiti. Waldaanis kanaaf as jirti'' jechuun osoo xiyyaara gara Aljeeriyaa imalu koraa jiranii dubbatan.
''Tiraamp waliin atakaaroo keessa galuu hin barbaadu.''
Har'a addunyaa kanarratti namootni hedduun dararaa argaa jiru. Namootni nagaan hedduun ajjeefamaa jiru. Kanaaf namni tokko ka'ee dhaabatee kana karaa qajeelaan itti sirreessinu jira jechuu qaba'' jedhan.
Yaadni Tiraamp kenne Kaatolikoota addunyaarra jiran irraa qeeqa keessummeesseera.
Namni tokko Hitleriifi Mosolooniinuu Pooppiitti bu'anii hin beekan jechuun haasaa Tiraamp qeequu Rooyitarsi gabaaseera.
Poop Liyoon bara darbe erga filatamanii booda dhibdee addunyaa dhaabuurratti hedduu dubbataniiru. Tiraamp ''qaroominni guutuun ni mancaafama'' jechuun wayita Iraan irratti dhaadatu, Poop Liyoon kun ''gonkumaa fudhatama hin qabu'' jechuun qeeqee ture.










![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

