Harii Keen Ballon d'Or 2026 mo'ate, akkamiin as gahe, maal jedhe?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Harii Keen badhaasa kubbaa miilaa guddicha, Ballon d'Or, kan bara 2026 mo'ate. Keen waggaa 25 keessatti badhaasa kana mo'achuun taphataa lammii Ingiliiz isa jalqabaa ta'eera. Kunis erga bara 2001 Mikaa'el Omeen mo'ateen boodadha.

Sirna badhaasa Ballon d'Or yeroo jalqabaatiif Faransaay ala bahee Landan keessatti gaggeeffame kanaan, jifataan kilaba Baayer Muniik fi garee biyyaalessaa Ingilaand, Harii Keen taphataa Ingiliiz shanaffaa badhaasa kana mo'ates ta'eera.

Kanaan dura Istaanlii Maatiiw bara 1956, Boobii Chaarlitan bara 1966, Keeviin Kigaan bara 1978, akkasumas bara 1978 mo'ataniiru.

Iskootilaand irraa Deniis Laaw bara 1964, akkasumas Noorzern Ayilaand irraa ammoo Joorj Beest bara 1968 Yunaayitid Kingidam irraa warra Ballon d'Or mo'atanidha.

Badhaasa Ballon d'Or bara kanaan taphataan sarara fuula duraa kilaba Riyaal Maadiriid fi Faransaay Kiliyaan Imbaappeen sadarkaa lamaffaa yoo qabatu, taphataan lammii Ispeen fi kilaba Baarseloonaa Lamiin Yaamaal ammoo sadaffaa baheera.

Taphataan umuriin isaa waggaa 33 ta'e Keen, badhaasa moa'te kanaan booda dubbii dubbateen akkas jedhe: "Namni baayyeen hin eegne, anumtiyyu tarii waanan eege miti, hanga kana irraa fagoodha."

"[Aasirra gahuudhaaf] bu'aa ba'ii hedduu keessa darbuun narra ture, keessumaa gara jalqabaa seenaa [kubbaa miilaa koo] keessa. Ani akka taphattoota qaqqaxalee as jiran kanaa nama as gaha jedhamee yaadamus hin turre.

"Yeroo kiyyaaf bitamee cimee hojjechuun anarra ture, ani yeroo hedduu yaaduma mataa koo irratti qabsaa'aan ture. Wallaansoo akkasii keessan darbe. Ofitti amanamummaa fi cihoomina qabachuus agarsiisuun dirqama koo ture."

"Sadarkaa koo fooyyeessuu fi bulee bvakka caalurrra gahuudhaaf murannoon koo kun bu'uura naaf ta'eera," jedhe Keen.

Hunda caala jecha Harii Keen keessaa kan nama hawwate waan inni haadha warraa isaa ilaalchisee dubbatedha.

"Ati haadha warraa kiyya, ati hiriyyaa koo hunda caaltudha. Badhaasa kana situ ana caalaa barbaada ture. Amma kunoo milkeessineerra. Sin jaalladha," jechuun ibse.

Manaajeriin garee biyyaalessaa Ingilaand Tomaas Tuheel, Keen sarara kubbaa miilaa gara fuula duraaf "kabaja guddaa horeeera" jedhee waanan yaaduuf badhaasa kana mo'achuu isaatti "gammadeera" jedhe.

Ilmi Mootii Wiliyaam ammoo, taphataan duraanii Tootenhaam Hotispar kun "amballii ajaa'ibaa" fi taphataa addaati" jedhe.

Harii Keen bara darbe kilabaaf taphoota 51 irratti goolii 61 lakkoofsiseera. Kun ammoo seenaaa Baayer Muniik keessatti bara tokkotti goolii hedduu lakkoofsisuun nama jalqabaa isa taasisa. Tapha biyyasaa Ingilaandiif taasise dabalatee ammoo waliigalatti bara darbe goolii 73 lakkoofsiseera.

Taphoota 65 keessatti kubbaa gooliif ta'an saddetis mijeessee kenneera Keen.

Harii Keen bara darbe keessa waancaawwan gurguddoo ta'an kan akka Shaampiyoons Liigii Awurooppaa fi Waancaa Addunyaa mo'achuu baatus badhaasa guddicha kubbaa miilaa Ballon d'Or harkaan ga'achuu danda'eera.

Waancaa Addunyaa fi SHaampiyoons Liigii walakkaa xumuraa irra gahee dhabe.

Amballii garee biyyaalessaa Ingilaand kan ta'e Harii Keen erga bara 1981 Karl-Heinz Rummenigge mo'atee as taphataa Baayer Muniik jalqabaa Ballon d'Or ta'eera.

Gammachuu injifannoo Harii Keen kana mul'isuuf Wixata istaadiyeemii Wenbileen xombora bifa warqee gadhiisaa tureera.

BBC Sport akkamitti akka Keen mo'atee fi osoo waancaa gurguddoo hin argatiin kanaaf akka qaqqabe ilaaleera.

Keen bara dorgommii 2025-26 rikkoordii cabsuu

Waancaa argachuu ilaalchisee Harii Keen Bondosliigaa Jarman qofa baroota darban keessa mo'ate.

Garuu akka dhuunfaatti Keen gahumsa agarsiiseera. Ballon d'Or bara darberrattis sadarkaa 10ffaa qabatee xumure.

Goolii 61 inni Baayer Muniikiif lakkoofsise taphattoota kilaboota Awuroopp filatamoo shan keessaa ta'an goolii 19n caalee argameera.

Erga Kiristaanoo Ronaaldoo waggaa 11 dura goolii 61 Riyaal Maadiriidiif lakkoofsisee as goolii hunda caaludha.

Goolii 36 qabaachuun Bondosliigaa Jarman keessattis taphataa hunda caalaa lakkoofsise ta'ee galmaa'eera. Kana jechuun goolii 17n taphataa kamiyyu caalaa.

Shaampiyoons Liigii irratti ammoo goolii 14 lakkoofsisuun xumura walakkaarra gaheera.

Dorgommii Jarman Kilab keessatti goolii 10, akkasumas Jarman Suppar Kaap irrattis tokko lakkoofsiseera.

Bara taphaa tokko keessatti Baayer Muniikiif taphataan hanga Keen lakkoofsise hanga ammaa hin jiru. Baayer Muniik ammoo taphattoota addunyaarratti bebbeekamoo warra akka Jerd Muler, Ruumeng, akkasums Roobert Luwaandowuskii faatu keessa taphateera.

Waancaa Addunyaa irratti kan lakkoofsise ja'a dabalatee Keen bara darbe garee Ingilaandiif ammoo goolii 12 lakkoofsiseera.

Walumaagalatti kun ida'amee bara darbe gooliin Keen 73 qaqqabeera."

Seenaa Kilaboota Awurooppaa ciccimoo jiran keessatti taphataa tokko qofatu bara tokko keessatti goolii kanaa ol lakkoofsise, innis Liyooneel Mesiitu bara 2011-12 keessa Baarseloonaa fi Arjentiidhaaf goolii 82 lakkoofsise.

Jifataan duraanii Ingilaand fi Niiwukasil Alaan Shiirer dhiyeenya kana BBCSport'tti " Ballon d'Or bara kanaa namni mo'atu Harii Keen ta'uu qaba," jedhee ture.

"Lakkoofsi waa'ee isaa ji'oota 12 hanga 18 inni Baayer Muniik fi Ingilaand keessatti hojjete agarsiisan waan ajaa'ibaati. Sababa kanaaf, mo'achuu qaba."

Taphataan duraanii Ingilaand biraa Daanii Marfii: "Osoo addaan hin kutiin goolii lakkoofsisaa jira, ajaa'ibadha. Seenaa taphaa isaa keessatti bara hunda caalaa milkaa'aa ta'e dabarsaa jira waan ta'eef badhaasa kana argachuun isaaf gaariidha," jedhe.

Waancaa guddaa osoo hin argamsiisiin akkamiin Ballon d'Or mo'atu?

Bara sanarraa kaasee Waancaa Addunyaa torba keessaa afur Ballon d'Or'n kan kenname warraa shaampiyoonaa Waancaa Addunyaa ta'aniifidha. Kun ammoo kan Meesiin Waancaa Addunyaa bara 2022 mo'achuun Ballon d'Or bara 2023 argate dabalateeti.

Haata'u malee, sun erga bara 2006 as kan jalqabaa ture. Meesii, Kiristaanoo Ronaaldoo, akkasumas Luukaa Modiirich hundi isaanii osoo Waancaa Addunyaa hin mo'atiin badhaasa kana argataniiru.

Waggoota 20 darban keessa badhaasni kun yeroo taphattoota Waancaa Addunyaa ykn Shaampiyoons Liigii osoo hin milkeessiin Ballon d'Or mo'atan kan Harii Keen kun isa shanaffaadha.

Osoo Waancaawwan gurguddoo keessaa tokkollee hin milkeessiin Meesiin Ballon d'Or sadii mo'ateera, Ronaaldoon ammoo si'a tokko argateera.

Garee biyyaalessaa Ispeen waliin Wancaa Addunyaa kan milkeesse taphataan Baarseloonaa Lamiin Yaamaal Ballon d'Or bara kanaa ni mo'ata jedhamee warra eegaman keessaa ture. Haata'u malee, Harii Keeniin caalamee dhabeera.

Bara darbe PSGn Awurooppaa Shaampiyoons Liigii mo'achuun taphataan lammii Faransaay Osmaan Dembelee akka Ballon d'Or mo'atuuf gargaareera.

Harii Keen walitti aansee lama milkeessuu danda'aa?

Namoonni tokko tokko Harii Keen badhaasa Ballon d'Or kana bara itti aanu dabaluu danda'a jechaa jiru.

Taphataa kun bara dorgommii ammaa kana keessa taphoota 12 irratti goolii 10 lakkoofsiseera.

Garee biyyaalessaa Ingilaadiif ammoo Neeshins Liigii irratti goolii ja'a lakkoofsiseera. Kana jechuun taphoota 16 irratti goolii 16 galcheera.

Bara kana keessa Baayer Muniik Bondosliigaa Jarmanii fi Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti takkallee hin mo'amiin jira.

Yoo mo'achuu kana itti fuee fi Keen ammoo goolii lakkoofsisuu itti fufe namni isa bira darbu jiraachuu dhiisuu mala.

Meesii fi Ronaaldootiin ala kanaan dura waggaa lama walitti aansee kan Ballon d'Or mo'ate Maarkoo Vaan Baasten ture, innis bara 1988 fi 1989 keessa.

Haata'u malee, Lamiin Yaamaal waan callisee ilaalu hin fakkaatu. Taphataan kun akka bara kanaa lamaffaa ykn sadaffaa bahee hiree kana Harii Keeniif tola gadhiisu hin fakkaatu.

Bara kana gurbaan ol adeemaan kun gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira. Kanumaan dura Baarseloonaatiif taphoota 13 irratti goolii 10 galchee kumaa 10 gooliif ta'u mijeessee kenneera. Kun ammoo La Liga Ispeenii fi Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessattidha.

Bara kana Baarseloonaan ammoo Li Lia irra darbee SHaampiyoons Liigiis ni mo'atu jedhamaa jira.

Lamiin Yamaal bara dhufu Ballon d'Or mo'annaan waggaa 20 isaarratti waan ta'uuf, taphataa umurii xiqqaan badhaasa guddaa kana rgate addunyaa ta'a.