Barsiistuun daandiirratti kuduraafi muduraa gurguraa turan eessa gahan?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waggaa tokkoon dura suuraan barsiiftuu tokkoo kan daandii irratti kuduraa fi muduraa osoo gurguranii kaafame ijoo dubbii ta'ee ture.

Barsiiftuu Abbaayinash Hambisaa tibba sana BBCtti akka dubbatanitti, "Waggaa 13 hojjedhee mindaan koo birrii 7,500.

Kun ammoo jireenya kiyyaaf gahaa miti jedheen yeroo hojii barsiisummaan alaatti kuduraa gurguruu jalqabe," jedhanii ture.

Haadha ijoollee afurii kan ta'an barsiiftuun kun, guyyaa boronqii isaanii qabatanii gabatee gurraacha dura oolu. Yeroo hojii isaanii idilee xumuran ammoo kuduraa fi muduraa isaanii qabatanii daandii cinaatti gurguraa turan.

Yunvarsiitii Dambidoolloo irraa gosa barnootaa Herreegaatiin, isayyuu meedaaliyaa badhaafamuun akka eebbifaman kan himan barsiistuu Abbaayinash, hojii madda galii dabalataa isaaniif ta'e kana A.L.I Waxabajjii bara 2015 eegalan.

"Bu'aa argadherraa birrii 100 yookiin 200 yoon ol kaawwadhee kan hafeen ammoo maatiikoof waan isaan barbaadan kan akka saamunaa, sukkaaraa fi waan tokko tokko nan bita," jedhu. Kan hafemmoo qusachuudhaan kaffaltii barnootasaaniif oolfachaa akka turanis himanii ture.

Qajeelfamni haaraan Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara A L I 2017 keessa gadi buuse garuu karooraa fi tattaaffii isaan madda galii dabalataa ittiin argatan kanaan itti fuufuf qorumsa itti ta'e.

"Hojii sanaan waan baayyee dandamadhee darbeen jira. Garuu sagantaan biiroon barnootaa dhiheenya baase hojiin baruu fi barsiisuu guyyaa guutuu sa'aatii 2:30 hanga 11 akka ta'u jedhamee jira".

"Sababa kanaan daldala sana itti fufee hojjechuuf gara yeroo dhabuuttan dhufe. Guyyaa sanbataa ammoo ijoolleekoorraa uffata miiccuu, gabaa deemuu, fi waan tokko tokko waliin yeroon dhabee daldalicha dhiise. A L I Ji'a Adoolessaa 2017 keessan dhiise" jedhan.

Koolleejjii barsiisotaatti barsiistuu ta'een qacarame

Barsiiftuu Abbaayinash, jiruun isaanii magaala Dambi Doolloo haa ta'u malee hanga ji'a darbe kanaatti manneen barnootaa baadiyyaa adda addaatti deddeebi'anii hojii isaanii hojjetu ture.

Erga hojii daldalaa sababa yeroon hojii barsiisummaa dheerateen akka duraatti hojjechuu dadhabanii dhiisanii maatii isaanii jiraachisuun itti ulfaachaa dhufee ture.Dhiheenya garuu ogummaa barataniin kan ruaan turerra hojii fooyyee qabu argachuu himu.

"Jireenyi carraaqqiidhuma guyyaa guyyaatiin fooyyeffachuun danda'ama. Ammaaf koolleejjii barsiisotaa Dambi Doollootti barsiiftuu Herreegaa ta'ee qacarameen jira. Baayyee mijataadha jechuus baadhu gara fuulduraatti haala mijataa biraa uumadheeman fooyya'aa deema jedheen tilmaama," jedhan.

Hojii mootummaa fi tattaaffii jireenya ofii jijjiiruuf waggoota 14 darban taasisanirraa jireenya namaa keessatti wanti guddaan abdii kutuu dhiisudha jechuun dhaamu.

"Jireenya fooyyeffachuuf inni guddaan abdii kutannaa malee kana keessaa nan baha jedhanii fuula duratti tarkaanfachuudha. Gaafa nan baha jedhanii tattaaffii eegalan ammoo akka yaadan ta'uu dhiisuu mala"

"Kana keessatti ammoo obsa barbaachisa. Yoo argames, yoo argamuu baates dandamatanii isa xiqqaarraa gara isa fooyyeetti tarkaanfachuu ni danda'ama waan ta'eef rakkinaa keessa dhaabbatanii abdiidhaan fuulduratti bahuuf tattaafachuu barbaachisadha" jechuun dhaamu.

Barsiiftuu Abbaayinash dinagdeedhaan of jabeessuuf tattaaffii taasisaniin alattis barnoota Herreegaa jaalataniin digirii sadaffaa (PHD) barachuuf hawwii guddaa akka qabanis himanii ture.

Barsiiftuun kun barnootasaanii digirii jalqabaa qabxii 3.55 fiduun kan xummuran yemmuu ta'u, digirii lammaffaammoo qabxii 3.83 fiduudhaan eebbifaman.

Qabxiin digirii lammaffaa kunis akka Yunivarsiitii Dambi Doolloo Kollejjii 'Natural and Computational Sciences' keessatti qabxii olaanaa ta'uu himan.

Gama biraatiin waggoota barumsafii hojiirratti dabarsan kana keessatti ijoollee afur godhachuu kan dubbatan barsiiftuu Abbaayinash, "yeroon baradhutti qormaatawwan garagaraatu ture" jedhu.

"Bara 2016 daa'ima lakkuu godhadheen qormaata qorame" jechuunis haala barnootasaanii digirii lammaffaa itti xummuran ibsu.

Barnoota digirii sadaffaa barachuuf karoora qabaachuu kan himan barsiiftuu kun, daa'imman xixiqqoo qabaachuufii hanqinni maallaqaa qormaata akka itti ta'an himu.