'Haatikoo waggoota dheeraaf beekaa akkan dhukkubsadhu gochaa turte- Dooktaratu bilisa na baase

Nina Blomu umrii waggaa torbaan

Madda suuraa, Courtesy of Nina Blom

Ibsa waa'ee suuraa, Nina Blomu umrii waggaa torbaan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Niinaa Biluum bara 1970 fi 1980'moota keessa Neezarlaand keessatti guddatte.

Muuziqaa dhaggeeffachuu, sirbuufi daansiif jaalala kan qabdu Niinaan, yeroon ijoollumaashee gammachuun kan guutame hinturre.

Haatishee darbee darbee qofa manaa akka baatu heeyyamtiif. Kana malees umriinshee waggaa saddeet yemmuu ta'u ture dhukkuba cimaa akka qabdu haadhasheen kan itti himame.

Haaluma kanaan haatishee irra deddeebiin mana yaalaa ishee geessaa turte. Waggoota muraasa keessattis al 15 hospitaalota garagaraa jahati qorannoowwan fi yaalaaf ishee geessiteerti.

Dabalataan yeroo keessa hirkoo qaamaa wiilcharii akka fayyadamtu taasisuusheen dabalataan dhukkuba maashaa fayyuu hindandeenye akka qabdufi, du'uuf akka deemtu itti himte.

Ogeeyyiin fayyaa garuu qorannoowwan irra deddeebii taasisanis rakkoo fayyaa haati Niinaa jettu kana Niinaarratti arguu hindandeenye.

Haa ta'u malee yeroo keessa doktorri tokko seenaa Niinaa xiinxaluun icciitii 'dhukkubashee' duuba jiru argate. Icciitiin kunis haadha isheeti.

Haaluma kanaan haati Niinaa sobaan 'intallikoo dhukkubsatteerti' jechuun intalashee hacuucaa turte. Taateen maatiin yookiin kunuunsitoonni daa'imaa sobaan dhukkuba kalaquun, dhukkuba xiqqaa guddisanii himuun yookiin beekaa daa'imni akka dhukkubsatu itti godhan kunis 'Paediatric Condition Falsification' jedhamuun beekama.

Haa ta'u malee maatiin yookiin kunuunsitoonni daa'imaa maaliif gochaa kana akka raawwatan hanga ammaatti haalaan hinbaramne.

Daawwannaa hospitaalaa jalqabaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Niinaan umriinshee waggaa saddeet yemmuu ta'u ture garaa keessa dhukkubsachuufi ulfaatinni qaamashees hir'isuu kan eegale.

Wayita hospitaala geeffamtettis cuunfaan appiliifi bulluqni kennameefii battalumatti haalli fayyaashee fooyya'e.

Doktorri ishee ilaales, "Niinaan nagaa isheeti, gara manaa deemuu dandeessi" jedhe.

Haa ta'u malee haati Niinaa irra deebiin gara hospitaalaa akka deemanfi Niinaan fayyaa taatullee 'garaakoo ammallee nadhukkuba' jechuun hakiimotatti akka himtu taasifte. Wanti kunis waggoota itti aananiif irra deddeebiin raawwatame.

Akkanaan osoo jiranuu guyyaa tokko iddoo bashannanaatti Niinaan bishaan daakaa erga turtee booda maashaa isheerratti dhadhabbiin akka itti dhagahame dubbatte.

Haatishees battalumatti 'dhukkuba maashaa qabda' jechuun gara hospitaalaa ittiin fiigde. Dhukkubbiin itti dhagahame salphaa ta'uusaa Niinaan dubbattus haati jalaa qabuu didde.

"Miirri balleessummaa natti dhagahama ture. Sababnisaas daa'imman dhukkuba kaansarii qabanfii baay'ee dhukkubsatan waliin kutaa tokko keessa ciisaan ture" jetti Niinaan.

Dabalataan mucaan dhiiraa hospitaala keessa siree isheetti aanee jirurra ciisee tures osuma isheen hospitaalicha keessa jirtuu lubbuunsaa darbuun miira balleessummaashee akka hammeesse himti.

'Gara jabeettiidha'

Nina Blomu umrii waggaa sadiin

Madda suuraa, Courtesy of Nina Blom

Ibsa waa'ee suuraa, Nina Blomu umrii waggaa sadiin

Niinaan sababa haadhasheetiin kan ka'e qorannoowwan fayyaa heddu taasifteerti. Qorannoo samuuda uka lafee fudhachuun taasifamu dabalatee qorannoowwan nama dhukkubsan heddu taasifteerti. Haa ta'u malee doktoroonni rakkoo tokkoyyuu argachuu hindandeenye.

Gama biraatiin gara dhaabbata fayyaa deemanii akka carraa Niinaan yoo kofaltellee haatishee ni loltiin akkasumas ni adabdiin ture.

Yeroo tokko Niinaan ji'a tokkoof hospitaala keessa erga turtee booda hospitaalaa baatee gara manaa akka galtu doktoroonni heeyyaman.

Haa ta'u malee akkuma mana gahaniin haati Niinaa, Niinaan wiilchariirra akka teessu goote. Dabalataan barumsashee akka adda kuttufii manumasheetti sireerra akka turtu taasifte.

Sababa kanaanis Niinaan hiriyootasheen wal arguu dhaabde, muuziqaa jaalattu akka hindhaggeeffanneefis haatishee ishee dhowwite.

'Du'uuf deemta'

Yeroo maatiin mana jijjiiran Niinaan gara hakiima biraa geeffamti

Madda suuraa, Courtesy of Nina Blom

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo maatiin mana jijjiiran Niinaan gara hakiima biraa geeffamti

Hanguma waggoonni lakka'aman haati Niinaa yaadashee jijjiiruu jalqabde. "Osoo sindhukkubin ofiif uumtee 'nadhukkubeera' jechaa jirta taanaan sin miidha" jettee Niinaa doorsisuu eegalte.

Wayita kana Niinaan ni burjaajofte. Yeroo dheeraaf harkishee dhukkubsateera jedhame hidhamee waan tureef adeemsa keessa dadhabaa dhufee ture.

Boodarras doktoroonni yaala fiizoteeraappii akka gootuuf gara kilinika haaromsaatti ishee ergan.

Kilinika kanattis irra deebiin dhaabbattee deemuu barte, waggoota boodas yeroo jalqabaatiif miirri gammachuu itti dhagahame.

Haa ta'u malee wayita ogeeyyiin fayyaa Niinaan sanbattan manasheetti akka dabarsitu heeyyaman, haatishee gochaashee duraaniitti deebite. Huccuu harkishee dhukkubsateera jedhame ittiin hidhamee ture deebitee akka godhattu goote, sireerraa buutee akka hin deddeemnes ishee dhorkite.

Kana malees dhukkuba onnee qabda "du'uuf deemta" jechuunis Niinaatti himte.

"Yeroo jalqabaatiif miirri kophummaa kan natti dhagahame yeroo sana ture" kan jettu Niinaan, "akka waan boolla guraachatti kufaa jiru natti dhagahame" jetti.

"Fedhii keenyaan lubbuunshee akka darbu barbaanna, Nugargaaruu dandeessuu Dooktar?"

Bara 1990 Niinaan yeroo Ayis Kireem nyaattu

Madda suuraa, Courtesy of Nina Blom

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1990 Niinaan yeroo Ayis Kireem nyaattu

Akkuma barame haati Niinaa intalashee hospitaala geessite. Niinaanis ogeessa fayyaa daa'immanii haaraa Dr. Viriintan jedhaman agarte.

Doktarri kunis ispeeshaalistii sochii harkaafi miilashee fooyyeessuun irra deebiin dhaabbattee akka deemtu ishee gargaaruu danda'u akka barbaaduuf Niinaatti hime.

Yeroo kana Niinaan ni burjaajofte. Sababnisaammoo haatishee dhukkuba maashaa cimaa akka qabdufi sababasaatiin akka duutu itti himaa turte. Niinaan waan haatishee itti himaa turterratti shakkii qabaattus gaafii gaafachuuf garuu sodaachaa turte.

Hospitaalaa deebi'anii mana akkuma gahaniin haati Niinaa miira aarii cimaa keessa seente. Miilota Niinaa lamaan bifa qubee 'X'n wal qaxxaamursuun boraatii walin walitti hiite.

Kana malees hamma soorataashee daangessite, ujummoo namoonni ofiif soorachuu hindandeenye ujummoon deeggaramanii karaa funyaaniin akka sooratan itti taasifamu gochuunis guyyaatti qoricha firii 20 akka fudhattu dirqisiifte.

Guyyaa gara hospitaalaa itti deeman tokkommoo mala namoonni dhukkuba cimaa keessa jiran fedhiisaaniitiin lubbuunsaanii akka darbu itti taasifamutti fayyadamuun lubbuun Niinaa akka darbu haatishee doktara gaafatte. Niinaaanis "Dooktar, du'uun barbaada. Nagargaaruu dandeessaa" jechuun doktoricha gaafatte.

Doktorichis haadha Niinaa waliin erga mari'atee booda Niinaan qoricha dhukkuba laaffisufi moorfin jedhamu sa'aa 24'f hojjetu akka fudhattu ajaje. "Hirriiba keessa akka turtu goona" jechuunis dubbate.

Baraaramuu Niinaa

Yeroo Niinaan hospitaala keessa turtetti Dr. Viriintan icciitii rakkoo fayyaa Niinaa duuba jiru qorachuu eegalan. Icciitiisaa erga baranii boodas tajaajila eegumsa daa'immaniitti bilbiluun dhimmicha hubachiisan.

Haaluma kanaan dubartiin tokko gara kutaa Niinaan keessa ciistee turtee ol seenuun hospitaala biraa akka ishee geessitu Niinaatti himte. Haa ta'u malee Niinaan, "Lakki maaloo. Du'uun barbaada, akkan du'u na taasisaa" jechuun dubartittii kadhatte.

Gama biraan immoo haatishee rifaatuu keessa akka jirtus hubatte. Poolisoonni lamas dhiyeenya isaanii dhaabbatanii turan.

Itti aansuunis ogeeyyiin Niinaa sireerra kaa'uun gara konkolaataa ambulaansiitti ol galchan. Huccuuwwan harkaafi miilasheerratti hidhamanii turanis irraa hiikan. Kutaashee kaameeraan viidiyoo waraabu keessa kaa'ametti ishee galchuunis achi keessa akka turtu taasisuu eegalan.

Kutaa kana erga seentee booda Niinaan guyyoota lamaaf abbaafi haadhashee waliin wal hin agarre.

Guyyoota booda ishee ilaaluuf yemmuu dhufanitti, "nan dhukkubne, na dhukkubaa hinjiru" jechuun jechuun Niinaan maatiishetti himte. Waliigalattis al 18 "nan dhukkubne" jechuun dubbatte.

Yeroo kanatti kaameeraan viidiyoo waraabaa jiraachuusaa kan dagatte haati Niinaa aarii keessa seente, daba intalasheerratti waggootaaf hojjechaa turtes ofirratti ragaa baate.

Jireenyashee irra deebiin ijaaruu

Niinaan jireenya ishee darbe dhiistee amma haala gaariin jiraachaa jirti

Madda suuraa, Courtesy of Nina Blom

Ibsa waa'ee suuraa, Niinaan jireenya ishee darbe dhiistee amma haala gaariin jiraachaa jirti

Yeroo muraasa booda Niinaan hariiroo maatiishee waliin qabdu guutummaatti adda kutte.

Gara giddugala yaala qaamaafi xinsammuu itti argattutti geeffamuunis yaalamte. Dhumarrattis magaalaa haaraatti, eenyummaa haaraan jiraachuu eegalte.

Barnoota aartii barachuun erga eebbifamtee boodas hojii eegalte, jaalallees qabatte.

Gochaa isheerratti raawwatan gonkumaa amanuu kan didan maatiin Niinaa hanga qorataa dhuunfaa qacaruun ishee barbaaduutti gahan. Taateen kunis dhiphina haaraa keessa akka galtu ishee taasisee ture.

Waggoota muraasa booda garuu maatiinshee lachuu dabareen du'aan boqotan.

"Wanti maatiinkoo naratti dalagan yakkadha" kan jettu Niinaan, "hacuuccaa daa'imaa isa baay'ee cimaa ta'edha. Lubbuunkoo xiqqumaaf baraaramte" jechuunis himti.

Yeroo ammaatti haala gaariirratti argamuusheetiin miirri galataa akka itti dhagahamus himuunis, "Lubbuun turuu kiyyatti baay'een gammada, wantoonni akkan jiraadhu nataasisan heddutu jiru" jetteerti.