Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjettoonni ijaarsaa warqii walirra tuulame keenyan keessaa argatan
Beeljiyeemitti hojjettoonni ijaarsaa warqii gatii jabeessa walirra tuulameefi yuuroo miiliyoona 9 baasu keenyan mana keessatti dhokfamee argatan.
Hojjettoonni kuni osoo ujummoo kosiin dhangala'aa keessa bahu yeroo midhaassanitti waan kanatti bahuu miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.
Qabeenya guddaa kana eenyu fudhachuu danda'a kan jedhu dubbii ijoo ta'eera.
Sababiin isaas hojjettoonni ijaarsaa fi abbaan mana kanaa qabeenya kana kiyya jedhanii fudhachuuf carraa qabu.
Poolisiin immoo ummatatti qabeenyi biraas argama jettanii bakka kana akka hin dhaqne jedheera erga qorannoo eegalee booda.
Warqiin hundumtuu bakka eegumsi taasifamu geeffamuufi manichi diddiigamuullee ibse.
Hojjettoota ijaarsaa warqii walirra tuulame kana kan argatan keessaa dargaggeessi umrii 18 illee jira.
''Amanuuma dadhabne, nu raaje'' jechuun barataan Kobee jedhamu dubbachuu miidiyaan Beeljiyeem VRT jedhamu gabaaseera.
''Jalqabarra saantima yuuroo tokko natti fakkaate. Garuu, dhoqqeen warqiillee jira. Yeroos waan kuni guddaa akka ta'e kan hubanne.''
Battaluma ofiif fudhachuun akka sirrii hin taaneefi poolisiin akka baru gurra buusan.
''Saantima warqiirraa hojjetame baay'eetu jira [dhoksuun] waan hin taane,'' manaajarri ijaarsa bakkichaa Maariyoo VRT'f dubbate.
''[Yoo dhoksine] hanna ta'a.''
Kobeenis ''Yuuroo miiliyoona 9 dhoksuu hin dandeessu,'' jechuun dhoksuun akka hin danda'amne walii gala.
Abbaan qabenyaa gamoo kanaa kan CAW Oost-Vlaanderen'dha.
Hawaasa Fileemish 47,000 ta'aniifi Beeljiyeem keessa jiraatanif waan jireenyaaf isaan barbaachisu akka guuttatan dhaabbata deeggarsa maallaqaa taasisudha.
Daarektarri dhaabbatichaa Geert Hillaert gaafa kana dhagahan guddaa isaan ajaa'ibuu dubbatu.
Warqiin argame hojii tola ooltummaa dhaabbanni isaanii dalagu akka tumsu abdii akka qaban himu.
Akka seera Beeljiyeemitti, abbaan qabeenyaa warqii kanaa hanga waggaa shanitti as bahee qabeenyi kuni kiyya jechuu danda'a.
Abbaan alangee akka dubbatanitti, ammatti namni ykn dhaabbanni as bahee qabeenyi kuni kiyya jedhe hin jiru.
Seerri siviilii biyyattii akka ifa kaa'utti, yoo namni ykn dhaabbanni as bahee qabeenyi kuni kiyya jedhu jiraachuu baate qabeenyi argame hojjettoota ijaarsaa argataniifi abbaan qabeenyaa gamoo sanaa lamatti hiratu.
Kuni kan ta'u garuu warqiin kuni yakkaan kan hin argamne yoo ta'edha.
Hojjettoonni ijaarsaa fi dhaabbati abbaa qabeenyaa gamoo kanaa egaa kuni haa ta'uf waggaa shan ykn guyyoota 1,825 eeguu qabu jechuudha.