Mariin dhukaasa dhaabuu Iraan keessatti maaf kanneen mataa jabaatan hin gammachiisu?

Madda suuraa, EPA
US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii reefu guyyaa tokko. Bulchitoonni Rippaablika Islaamaa, mataa jabaatan barjaa guddaa magaalaa guddoo biyyattii walakkeessa kaayanii turan.
"Ulaan Hormuuz akka cufametti tura," jedha.
Ajaja (labsii) hoggana olaanaa haaraa Iraan, Mojtaabaa Kaamenii, kan erga ji'a dabre muudamee hoggana ta'ee ummatatti hin mula'tiniiti jechuudha.
Garuu, barjaan kun Iraan torban lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliiigaluu booda ka'uu mala. Ulaan Hormuuz akka banamu biyyi jaarsummaatti jirtu Paakistaan gaafattee jirti.
Iraan irra deddeebiin dhukaasa yeroof dhaabatu akka hin barbaanne fi Ameerikaa fi Israa'el karaa fulla'aan dhukaasa dhaabuu akka qaban ibsaa turte.
Warri mataa jabaatu gammadoo miti. Ulaa Hormuz cufuu Iraanii fi biyyoota Galoo galaanaa misaayelootaa fi diroonotaan tasgabbiin dhorkuu isaaniitiin akka malee gootummaan itti dhagahameera.
Iraan US fi Israa'el irratti olaantummaa waan qabaachaa dhuftef waraana kana itti fufuu qabdi jedhanii yaadu.
Gabaasaaleen Tehraanii bahan akka mul'isanitti Kibxata waliigalteen dhukaasa dhaabuu beeksifamuu hordofee Teehraan keessatti alaabaa US fi Israa'el guban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Halkan walakkaa immoo Eegdota Warraaqsaa Iraan jalatti kan hogganamu, miseensonn garee milishoota Baasij, ministeera dhimma alaa duratti bahanii murtoo dhukaasa dhaabuu kana morman.
Sa'aatiiwwan muraasa booda, gulaalaan gaazexaa garee kanaa Kayhaan dhukaasa dhaabuuf waliigaluun "diina badhaasuu dha" jedhe. Akka diinni bifa haaraan of ijaaree waraana itti fufu heyyamuu dha jedhe.
Waamicha Ministeera Muummee Shebhaazii fi Hoggana Olaanaa waraanaa Paakistaan simachuun kan murtaaye Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaati.
Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Iraan keessatti hogganaa olaanaa jalatti qaama olaanaa murtoo kennu yoo ta'u, Pireezdaant Masuud Pezkshiyaaniin hogganama.
Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa imalli Ulaa Hormuz torbanoota lamaan dhukaasi dhaabatetti banaa akka ta'u labseera.
Gabaasaaleen akka mul'isanitti yaada dhukaasa dhaabuu Paakistaan dhiyeessite akka fudhattu Chaayinaan michuu ishee kan taate Iraan amansiisuu keessatti gahee olaanaa baateerti.
Aara-galfii yeroo?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Iraan waraana guyyoota 40 kanaan baay'ee mancaate.
Namoota 3000 oltu jalaa ajjeefame akka falmitoonni mirga namoomaa jedhanitti.
Prezantiin US Donaald Tiraamp ajjeechaa fi mancaatii dabalataaf Iraanitti dhaadatee ture.
Mata-jabeeyyiin Iraan waraana kana dhaabuun kan irra ture osoo bu'uuraaleen Iraan murteessoon hin manca'in ture jedhu.
Dhukaasa dhaabuun labsamuusaa sa'aatiiwwan musaasa dursee warra mataa jabaatu keessaa tokko kan ta'e, Abbaan Alangaa Gholamhossein Mohseni Ejei, TV mootummaatti bahuun Iraan waraanni akka dhaabbatu feeti, immoo olaantummaa keenyaan akka xumuramu feena jedhan.
Waan ministirri dhimma alaa duraanii biyyattii Javad Zarif, guyyoota dura artikilii US Foreign Affairs irratti barreesse
Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu kan godhame olaantummaa Iraaniin ta'uu hubachiise.
Deeggartoonni sirna Iraan tokkummaa keessan jabeessaa jedhe.
Akka miidiyaaleen Iraan jedhanitti, Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohaammad Baager Gaalibaaf marii US fi Iraan Islaamaabaaditti gaggeeffamuuf jiru kan dursan ta'u, gama Ameerikaan Prezidantii itti aanaa JD Vaansi. Kallattiin walitti haasawu.
Kun boqonnaa haaraadha. Mariin kallattiin Ameerikaa waliin akka hin godhamne Hogganaa Olaanaan duraanii Iraan Ayaatolaa Alii Kaamenii dhorkee ture.
Hogganaa haaraanis marii kallattii uggure fakkaata.
Dhukaasi haa dhaabbatu malee, Iraani fi US nagaa fulla'aarraa fagoo jiru.
Yoo mariin kun fashale waraanni itti fufuu danda'a. Warra Iraan waraana deeggaranirraa haalli kun ni mul'ata. Sirna mootummaa hamaa jijjiiruufis karaadha jedhanii abdatu.
Hedduudhaaf dhukaasni dhaabbachuun aaragalfii dhumaatii fi mancaatii hambise.


![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/1699/live/94bc56d0-332a-11f1-a02b-974260fa1e16.jpg.webp)




![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)




