Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
FIFAn akkamiin Waancaa Addunyaarraa galii dolaara biliyeenaan lakkaa'amu sassaaba?
Waancaa Addunyaa kan qopheessu Waldaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) yeroo yeroon waancaa qopheessurraa galii dolaara biliyeenan lakkaa'amu sassaaba.
Bara kanas gurgurtaa tikeetii irraa dolaara biliyeenan sassaabera. Bara kana adda kan godhu ammoo gatiin tikeetii qaalii ta'uusaati.
Waancaa Addunyaa 2022 Kaataar qopheessiterratti gatiin tikeetii tokkoo kan sadarkaa duraa dolaara 220 ture.
Tapha xumuraa Morookoofi Faransaayi taphatan irratti gatiin tikeetii tokkoo kan sadarkaa duraa dolaara 1600tti gurguramee ture.
Bara kana garuu yeroo jalqabaaf gatiin tikeettii taphoonni osoo gaggeeffamin jijjiiramee jira.
Gatiin tikeettii Waancaa Addunyaa 2026 dolaara 600n gurguramaa ture, amma dolaara 1,000 fi isaa oliin gurguramaa jira.
Tapha baniinsaa Waancaa Addunyaa Meeksikoo Siitiitti gaggeeffamerratti gatiin tikeettii sadarkaa duraa tokkoo dolaara 2,500tti gurgurameera.
Tikeettiwwaan sadarkaa sadaffaa ammoo dolaara 1,000tti gurgurama.
Dorgommii xumuraatiif tikeetiin sadarkaa duraa tokko dolaara 6,000tti akka gurguramu gatiin kan baheefii ture.
Diinagdee Ispoortii irratti barreessuun kan beekaman ogeessi diinagdee Prof. Riichaard Shihaan, gatiin tikeettii dabaluurraa kan ka'e FIFAn bara kana dolaara biliyeena 15 sasssaabuu akka danda'u ibsu.
Waancaa Addunyaa 2022 irraa dolaara biliyeena 11 sassaabee kan ture FIFAn bara kana dolaara biliyeena afur ta'u dabalataan akka sassaabu himu ogeessi diinagdee kun.
Galii sassaabu kana FIFAn maalirra olchuuf karoora akka qabu ifa miti. Sababni ammoo kaayyoon jijjiirama hawaasaa deeggaruu isaa malaammaltummaafi iftoomina dhabuudhaan hamatama.
FIFAn akkamiin hojjata?
FIFAn akka dhaabbata tola ooltummaa bu'aaf hin hojjanneetti Siwizarlaanditti kan galmaa'e yoo ta'u, gaheensaa dorgommiiwwan akka Waancaa Addunyaa qopheessuu qofa osoo hin taane, hojiiwwan akka kubbaa miilaa beeksisuufi ispoortiin sadarkaa idiladdunyaatti walgeessisuu fa'aas hojjata.
Waldaan kun bajata waggaa afur afuriin kan socho'u yoo ta'u, galiinsaa guddaan dorgommii Waancaa Addunyaa gaggeeffamu irraayi.
Bara 2022 irraa kaasee galiin FIFA baay'ee dachaan guddaachuu eegale.
Bara 2022 galiin inni ni argata jedhamee tilmaamame dolaara biliyeena 6.44 ta'us dolaara boliyeena 7.57 sassaabbachuu danda'e.
Galii kana ammoo miidiyaalefi beeksisa garaa garaa irraa argate.
Isteediyeemiwwan Kaatar xixiqqoo ta'uurraa kan ka'e galiin tikeettiirraa argame xiqqaa fakkaatus, kan tilmaamamee ol galii tikeettiirraa argate.
FIFAn bajata bara 2019-2022 sagantaawwan misoomaaf dolaara biliyeena 2.8 qabee ture.
Waancaa Addunyaa 2022 Kaataaritti gaggeefamerratti galii olaanaa argachuusaatiin maallaqa yeroo rakkinaaf kaa'e dolaara biliyeena 2.81 irraa gara biliyeena 3.89tti akka ol guddatuuf ta'eera.
Galiin FIFAn Waancaa Addunyaa 2022 irraa argateefi kan baranaa yoo wal-bira qabamu, bara kana dolaara biliyeena 4.36 caalmaa ni argata jedhamee eegama.
Kunis gurgurtaa tikeettii irraa dolaara biliyeena 2.59 dabalataan kan argatu yoo ta'u, abbeentaa tamsaasa taphootaa irraa ammoo dolaara Ameerikaa miliyeena 890 caalmaa agarsiisuun dolaara biliyeena 11 akka gahutu ibsama
Maallaqni FIFAn sassaabu eessa dhaqa?
Deeggartoonni kubbaa miilaa, kanneen tikeettii kutuun isteediyeemii seenanii daawwatanis ta'ee miidiyaaleen FIFAdhaaf galii ni argamsiisu.
FIFAn ammoo maallaqa sassaabe kanaan Waancaa Addunyaa qopheessuu, kubbaa miillaa beeksisuufi misooma ispoortiif deebisee oolchuu qaba.
Ragaaleen akka agarsiisanitti wantoota bu'uuraa deeggarsi barbaachisuuf maallaqa baasuu gadi xiqqeessera.
Bajannisaa bara 2023-2026 dolaara biliyeena 2.45 irraa gara dolaara biliyeena 5.62tti ol guddatus, bajanni misoomaa isaa garuu dhibbeentaa 44 qofaan dabale.
Qophiiwwan ispoortii gara fuulduraafi misooma ispoortii kubbaa miilaaf galiin guddaan akka isa barbaachisu ibsa.