'Akkuma Maraadoonaan 'Harka Waaqaati' jedhe, anaaf 'Miila Waaqaati' -Haayilee Gabdrasillaasee

Ibsa waa'ee viidiyoo, Akkuma Maraadoonaan 'Harka Waaqaati' jedhe, anaaf 'Miila Waaqaati' -Atileet Hayilee
Maxxanfame

Atileet Hayilee Gabrasillaasee waggaa 20ffaa fiigicha keessatti injifannoo adda ta'e galmeessa ilaalchisuun BBC Afrikaa waliin turtii taasiseera. Sekondii dhumaarratti dorgommii atileetii Keeniyaa bekamaa Pool Tergaatiin ittiin mo'ates 'Miila Waaqaati' jedhe.